Waraana Raashiyaa-Yukireen: Biyyoonni Gamtaan Awurooppaa zayita boba'aa Rashiyaa irraa galchuu dhiisuurratti waliigalan

Madda suuraa, EPA
Hoggantoonni Gamtaa Awurooppaa (EU) karoora zayita boba'aa Raashiyaa irraa galchan harka sadii keessaa lama ta'u hir'isuuf waliigalan.
Zayita boba'aa biyyattiirraa galurra dhorkaa kaa'uun kun hanqina kan qaqqabsiisu ta'ullee dhiibbaa jiru walumaan danda'uuf kan waliigalame yoo ta'u, ammatti mormii Hangaarii irraa mudate hordofee ujummoo zayita boba'aan kun ittiin galurra dhiibbaa hin geesifne.
Dursaan Mana Maree warra Awurooppaa Chaarles Mishel akka jedhanitti waliigalteen kun "mada maallaqaa guddaa " maashina Rashiyaa irraa kuta.
Tarkaanfiin kun qaama paakeejiiwwan qoqqobbii ja'a kora Biraasels irratti mirkanaa'e biyyoonni Gamtichaa 27 irratti waliigalanidha.
Micheel akka jedhanitti, EUn tarkaanfii miidhaa guddaa qaqqabsiisu kan baankii Rashiyaa guddocha Sberbank, jedhamuufi tamsaasawwan oduu mootummaa gurguddoo sadii irratti xiyyeffates fudhachuuf waliigalaniiru.
Biyoonni miseensa EU kunneen waliigaltee zayita boba'aa Raashiyaa irraa galchuu dhiisuurratti garaa garummaa gidduu isaanii ture hiikudhaaf falmii saatii dheeraa kan isaanii fudhate yoo ta'u, biyyi Hangaarii ammoo akkuma mormitetti haftee jirtu.
Waliigaltee bu'aa zayita Raashiyaa irraa galchuu argatan dhiisuuf taasisan kana hordofee, "ujummoowwa zayita boba'aa gara EU galchan irratti yeroodhaaf kan turu qaraxni ni ka'a," jechuun rippoortarootatti dubbatan MIsheel.
Sababa kanaanis qoqqobbiin kun kallattiin zayyita bobaaa Raashiyaan galaana irraan EUtti ergitu harka sadii keessaa lama miidha qofa miidha.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Haata'u malee, akka pirezidantiin Komishinii Awurooppaa Ursula von der Leyen jedhaniti sadarkaan qoqqobbii kanaa kana caalaa ballachuu mala sababaiin isaa ammoo Jarmaniifi Polaand dhuma waggaa kanaa irraa kaasanii ujummoo ittiin zayita boba'aa Raashiyaa irraa galfatan dhaabuuf jiru.
"Kanaan booda Raashiyaaf kan hafu 10-11% qofa kan isheen kiba Druzhba'tiiin ergitudha," jedhan Von der Leyen ujummoo Raashiyaan ittiin gara Hangaarii, Silovaakiyaafi Rippabilika Cheekitti ergitu eeruudhaan.

Yaadi zayita boba'aa Rashiyaa irraa galurra qoqqobbii kaa'uu kun ji'a tokko dura ture Komishina Gamtichaatiin kan dhiyaate.
Haata'u malee, mormii mudatee tureen keessumaa Hangaarii kan zayita boba'aa ishee %65 ta'u Raashiyaa irraa galfattu irraa mudateen mormiin mudatee ture.
Biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne akka Silovaakiyaafi Rippabilika Cheek zayita Raahiya irraa galu irratti waan hundaa'aniif yeroo dbalataaf gaafataniiru.
Dabalataanis qaala'insi jireenyaa guutummaa Awurooppaa keessatti dhaga'amaa jirus miira walmakaa uumeera. Gatiin inarjii akka malee ol ba'uunis biyyoonni EU tokko tokko dinagdee isaanii darna waan miidhuuf qoqqoobbii kanaaf fedhii dhabaa jiru.

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Hangaarii Viktor Orban yeroo waliigaltee kanaaf mariin taasifamaa jirutti ejjennoo cimaa agarsiisanii kan turan yoo ta'u, Komishiniin Awurooppaa miseensota Gamtaa Awurooppaa waliin waliigaltee sirrii ta'e taasisuu dadhabeera jechuun qeeeqaniiru.
Dhimmi inarjii "baayyee dhimma belbeltuudha" kan jedhan Viktor Orban, "nuti qoqqobbichi dura furmaata erga lafa kaawwannee booda akka ta'u feena," jedhan.













