Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha Riyaal Maadriid waliin taphatanirratti taateewwan mudatan akka qorataman Liivarpuul gaafate
Liivarpuul tapha xumuraa Waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awuooppaa Riyaal Maadriid waliin taphatan irratti barfannaan mudatee fi wanti deeggartoota mudate ''dhimmoota fudhatama hin qabneedha,'' jechuun akka sirnaan akka qoratamu gaafate.
Hawaasi jaarmiyaalee kubbaa miilaa dhimmoota nageenyaan walqabatan eeruun, taphi yeroo qabameef irraa barfatee akka eegalu gochuu kan ibse yoo ta'u, haala kanaan taphni kun daqiiqaa 30 ol barfateera.
Taphni xumuraa waancaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa magaalaa guddoo Firaansi, Paarisittti gaggeeffame kun halkan kaleessaa (Sambata 28, 05, 2022) hanga sa'atii 4:30tti hin eegalamin ture, tapha kanarratti Riyaal Maadriid goolii 1 fi 0n Liivarpuuliin mo'atee waancaa argateera.
Deeggartoonni muraasni gamoo mooraa istaadiyemiirraan yaabanii bu'uuf wayita yaalan poolisoonni aara nama imimmaanessu itti darbataa turan.
Kana malees wayita daawwattoonni kubbaa miilaa kumaa kitalaan gara istaadiyemii seenan, hiriira iratti heddummaachuun waldhiphisan suuraan mul'isu ba'uu eegaleera.
Namoonni hedduun osoo taphi hin eegalin dursanii isteediyemii bira ga'uu himuun, garuu aka hin seenne dhorkamuu komachaa jiru.
Anfiild Kilab ibsa baaseen, ''Deeggartoonni Liivarpuul gara istaadiyemii, Istaadiyoo De Firaans, seenuuf wayita yaalanitti taateewwan isaan mudatan, akkasumas rakkoon nageenyaa fi tasgabbii deeggartota keenyarratti dhiibbaan inni uume akkaan nama gaddisiisa,'' jedhe.
''Kun seenaa kubbaa miilaa Awurooppaa keesatti dorgommii isa guddicha waan ta'eef, taateen galgala kana argine deeggartoota mudachuun irra hin turre. Gochootni fudhatama hin qabne akkanaa maddi isaanii qoratamee , qixa sirrii ta'een akka hubatamu feena,'' jedhe ibsi kun dabalun.
Qaamni kubbaa miilaa Awurooppaa hoogganu, UEFA, gamasaan ''Taateewwan mudataniin lammiilee miidhamaniif guddoo gaddina. Poolisii Firaansi fi hooggantootaa akkasumas Federeeshinii Kubbaa Miilaa Firaansi waliin ta'uun sirnaan ni qoranna,'' jedhe.
Haata'u malee osoo taphichi hin eegalin dura karaa Liivarpuuliin daawwattoonni galaa turan tikeetii sobaa qabatanii waan seenaniif ittifamaniiru jedhe jaarmiyaan kun.
Kanarraa kan ka'e namoota hedduu gara istaadiyemii seenuuf yaalaa turan irratti dhiibbaa guddaan uumameera.
Kanneen tikeetii sirrii qabatan gara istaadiyemii seensisuuf yaaliin taasifamaa ture taphichi daqiiqaa 35n akka barfatu taasiseera.
Taphi erga eegalamee lakkoofsi namoota istaadiyemiin alatti hafanii heddummaataa waan dhufeef poolisoonnis namoonni kunneen akka istaadiyemiiraa hiiqaniif aara nama imimmaanessu dhukaasaa turaniiru.
Poolisiin Firaansi ammoo namoonni tikeetii sobaa qabatan gara istaadiyemii seenuuf akka yaalaa turanii fi tarkaanfii hatattamaa poolisiin fudhateen haalonni tasgabbaa'uu ibse.