Savrodoniskii: Lola daandii ijoo to’achuuf taasifamuun loltoonni Raashiyaa magaalaa Yukireenitti dhihaatan

Haleellaa boombii magaalattii irratti raawwatame

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Waraana Raashiyaafi Yukireen baatiiwwaniif gaggeeffamaa tureen daandii guddaa gara magaalaa Savrodoniskii geessuu to'achuuf waraanni cimaan gaggeefamaa jiraachuun dhagahame.

Raashiyaan Magaalaa tana to'achuudhaaf dhiyaadheera jettuulleen qondaalli Yukireen olaanaan tokko garuu soba jedhan.

Daandiin kunis magaalota Yukireen to'attuu kan magaalota Raashiyaan qabatteen waliin walitti fiduufi loltummaaf baayyee barbaachisaadha jedhameera.

''Luhaaniskiin adda hin cinne'' jedhan qondaalli waraanaa Yukireen Sarihiiy Haayidaay jedhaman.

Amma waraanni gaggeefamaa kan jiru gama baha dhiheenya magaalaa Savrodoniskiitti.

Magaalatti to'achuuf ammoo daandii guddicha Baakimuut to'achuun baay'ee murteessaadha.

Ammaan tanas waraanni cimaanis gaggeeffamaa kan jiruus achumatti.

Qondaalli Yukireen kunis daandii murteessaa kana qabachuuf lolli cimaan gaggeeffamaa jiraachuu hin dhoksine.

Savarodoniskiin halkaniifi guyyaa sa'aatii 24'f haleellaan qilleensaa irratti raawwatamaa jira. Haleellaa guyyaa Kibxataa tureen namoonni jaha ajjeefamaniiru jedhame.

Raashiyaanis magaalaa kana dhiheenyatti kan argamtu magaalaa Lysychansk to'achu yoo dandeesse naannawa Luhansk guutummaatti to'achu dandeessi jedhamee eegama.

Bulchaan naannoo Luhansk loltoonni Raashiyaa namoota nagaa irratti xiyyeeffatu jechuun himatan.

Magaalaa Savrodiniskii keessatti qofa namoota kuma 15 ta'utuu buufata keessa buufatee argama.

Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin hospitaala dhaquun kanneen waraana keessa miidhaman dubbisuutu himame

Madda suuraa, MIKHAIL METZEL/KREMLIN POOL/SPUTNIK

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadimiir Putiin hospitaala dhaquun kanneen waraana keessa miidhaman dubbisuutu himame

''Magaalattii to'achuu yoo dadhaban magaalattii barbadeessuu filatan'' jechuun himatan bulchaan kun.

Raashiyaan erga Yukireen irratti weerara bantee baatiiwwan sadii darbuulleen carraa saffisaa hin arganne.

Tilmaamni xiinxaltoonni waraana baayyeen, Raashiyaan bulchiinsawwan barbaaddu yeroo gabaabaa keessatti harka galfachuu irraa humni ishee dhorku hin jiru kan jedhu ture.

Imalli Raashiyaa haala barbaadamuun akka hin deemneef sababiin guddaan loltoonni Raashiyaa loluudhaaf fedhiin qaban gadaanaa ta'uufi faallaa isaatiin ammoo hamleen loltoota Yukireen olaanaa ta'u himu xinxaltoonni.

Raashiyaan naannawa magaalaa guddoo Yukireen Kiyiviitti marsuun torbanoota waraanaa jalqabaatti injifannoo saffisaa argachu malti jedhamee eegamuulleen, waraanichi gutummaa gara kutaa baha biyyattiitti taasisuun kaabaafi lixa Yukireen irraa booddeetti deebite.

Waraana kanaanis Raashiyaan taankiiwwaniifi loltoota kumaatamaan lakkaa'aman akka dhabde himamaa jira.

TV biyyaaleessaa Raashiyaa kaleessa yeroo jalqabaatiif Vilaadmiir Puutiin wayita hospitaala Mooskoo dhaquun loltoota miidhaman dubbisan agarsiiseera.

Viidiyoo gabaabduu kanaanis Putiin loltuu miidhamee tokkoon, ''abbaan kee siin boona'' yoo jedhan dhagahama.

Pirezidanti Zalaniskiin gama isaaniin baha Yukireenitti haalli baay'ee badaa dhufuu dubbataniiru.

Raashiyaan xiyyeeffannoo ishee guutummaa guutuutti gara bahaatti taasiftuus dheengadda ammoo haleellaan miisaa'eelii cimaan magaalaa kibbatti argamtu Zaaporiishiyaa irratti dhukaafamuun dhagahame.

Kanaanis bakkeewwan daldalaafi manneen 60 ol barbadaa'aniiru.

Vilaadmiir Putiin ammoo lammiilee bakkeewwan amma Raashiyaan to'attee keessatti argamaniif paasportii Raashiyaa haala salphaadhaan akka argatan kan dandeessisu wixinee seeraa raggaasisaniiru.

Kunis yaada baroota dheeraaf Raashiyaan Yukireen of jalatti deebisuuf qabdu kan mul'isuudha jedhamaa jira.

Eddoowwan Doneesikii fi Luhaansikii kanneen bara 2014tti Raashiyaa jalaa walaba bahanis akka riippablikii Raashiyaatti of ilaalu ture.

Raashiyaanis jiraattota naannolee kanneen jiraatan kuma 800 ta'aniif paaspoortii kenniitee jirti.