Allaattii 'wacuun' karaa dimokiraasiin murtee murteeffattu - Jaakdow beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Simbirroon harrageessa fakkaattu Jaakdow jedhamtu yeroo kam iddoo bultuutii gurmuun akka baatu murteessuuf adeemsa ''dimokiraatawaa'' gargaaramti jedhan saayintistoonni.
Waqtii bonaa keessa allaattiin Jaakdow kuma hedduutti lakkaa'amtu akka tasaa ganamaan samii weeraruun duumeessa gurraacha dafee adeemu fakkaatu uumti.
Qorattoonni tibbana qorannoo gaggeessaniin allaattiin kun iddoo bultee yeroo bahuu barbaaddu akka wal waamtu bira gahan.
Qorattonni akka jedhanitti yeroo wacnii isaanii sadarkaa olaanaarra gahe iddoo bulanii bahuuf qophii ta'uusaanii agarsiisa, akkasumas allaattiiwwan kun balalii eegalu.
Pirofeesarri Yunvarsiitii 'Exeter' jedhamuu Aleksi Toornitoon bineeldonni yeroo gareedhaan murtee murteessan arguun heddu baratamaa miti jechuun BBCtti himan.
''Simibirroonni yeroo wacan sagalee kennaa jiru ykn iddoo bulanii bahuuf murteessuu agarsiisa'' jedhan Toornitoon. Murtoon waloo iddoo bulanii bahuu waa lamarratti hundaa'a.
Allattiiwwan kunneen si'a tokkicha waliigalteerra erga qaqqabanii booda kanneen baayyinni isaanii kumaatamaan lakkaa'amu sekondiiwwan shan hin caalle keessatti mukarraa harca'u.
Yoo iyyisaanii saffisaan dabalaa adeeme allaattiiwwan kun dafanii bahu jedhan qorattoonni.
UK Noorz Foolk keessatti allaattiiwwan Jaakdow 40,000 gurmuun yeroo mukarraa ka'an mul'ataniiru.
Allaattiwwan Jaakdow gurmuudhaan mukarraa ka'uun isaanii diina isaanii adamsu irraa eeguuf isaan gargaara ykn odeeffannoo waliif qooduuf isaan gargaara jedhan Pirofeesar Tornitoon.

Madda suuraa, Alex Thornton
Amala simbirroota kanaa hordofuudhaaf jecha saayintistoonni sagalee-waraabduu Korniwool, iddoo allaattiwwaan jiran mukatti hidhanii waqtii bonaa lamaaf hordofaa turan.
Qorannoo kana barattoota digirii lammaffaa Aleeksi Dibniir jedhamtutu dursaa ture. Qorattoonni sagalee isaanii xiinxaluufi sagalee waca simbirroota kanaa waliin madaalaa turaniiru.















