Caamsaa 13-19, 2022: Fiigicha Guddicha Boqojjii dabalatee suuraawwan Afrikaa filatamoo torban kanaa
Maxxanfame
Fiigichi Guddicha qe'ee atileetota bebbeekamoo addunyaaf gumaache, Boqojjii dabalatee suuraawwan hawwatoo Afrikaa irraa torban kanaaf filataman.

Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Atileetota sadarkaa idil-addunyaatti bebbeekamoo ta'aniifi rikkardii addunyaa hedduu mo'atan kan hore Boqojjiin torban kana keessa (dilbata darbe) Fiigicha Guddicha Boqojjii jalqabaa (Great Bekoji Run) qopheerreera..
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Afrikaa Kibbaatti Dilbata, dubartiin Semaakaleeng Metebulaa, jedhamtu bokoksee/afuuffee ho'aa (hot-air balloon) irratti paayiletii dubartii jalqabaa ta'uun yeroo magaalaa Johaannisbard irra balali'uudhaaf kaatetti.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Dorgommii Buunyaa Addunyaa dubartootaa nuusa xumuraa Roobii dabre Tarkii keessatti gaggeeffame irratti gama bitaan jirtu lammii Aljeeriyaa Ichiraak Chaayib lammii Kanaadaa kan taate Chaarlii Kavaandaa yeroo aboottutti.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiin Tuniiziyaa ispporti teenisaatiin urjii ardittii taate Ons Jabeur, Jimaata darbe Xaaliyaanitti erga injifattee booda yeroo deeggartoota isheetiif mallatteessaa jirtutti.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Lammiin Ertiraa Biniyaam Girmaay dorgommii bishkileetiidhaan Kibxata darbe dorgommii Giro D'Italia 10ffaa mo'achuudhaan Afrikaa irraa nama jalqabaa ta'uun seenaa hojjeteera.
Madda suuraa, EPA
Ibsa waa'ee suuraa, Qaala'insi jireenyaa ardii Afirkaa irratti miidhaa qaqqabsiisaa jira waan ta'eef Kibxata darbe magaalaa Keenyaa, Naayiroobii keessatti aktivistoonni paarlaamaa biyyattii duratti bahanii yeroo mormii dhageessisan.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Jimaata, Maalii keessatti, deeggartoonni humna waraanaa biyyattii bulchaa jiruufi gaggeessaa Raashiyaa maaskii Vilaadmiir Putiin uffatanii yeroo suura ofee ka'aa jiran, kun daandii magaalaa guddoo biyyattii Bamaakoo keessattidha.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Odola kibba Tuniiziyaatti argamtu Djerba jedhamtutti dubartii umala lafa qulqulluu warra Yihudii yeroo kadhannaarra jirtutti, Caamsaa 18, 2022. Bakki kun Afrikaa kessatti bakka siidaa durdurii warra Yihudootaati.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Qote-bulaan Masirii yaalii biyyattiin hanqina qamadii addunyaa irratti mudate furuudhaaf hojjetu deeggaruuf yeroo bissii qamadii baadhatee deemutti.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Roobii darbe, moodelistiin Ruwaandaa hir'ina qaamaa qabu agarsiisa faashinii magaalaa guddoo biyyattii Kigaalii keessatti.
Madda suuraa, AFP
Ibsa waa'ee suuraa, Moodelistiin uffannaa Burkinaa Faasoo Sanbata darbe galgala magaalaa guddoo biyyattii Ogaaduguu keessatti daandii irratti yeroo agarsiiftutti.
Madda suuraa, Reuters
Ibsa waa'ee suuraa, Gabaa nyaataa Sanbataa magaalaa Leegos, Naajeeriyaa keessatti, maamilliifi warri qurxummii gurguran yeroo gatii irratti wal falman.
Madda suuraa, Getty Images
Ibsa waa'ee suuraa, Muuziyeemii Itoophiyaa, bakka hafteefi sanyii dhala namaatiif addunyaa irratti isa jalqabaati jedhame guyyaa Goodanambaa Idil-addunyaa irratti Roobii yeroo daawwattootaaf banametti.
Madda suuraa, PA Media
Ibsa waa'ee suuraa, Troban kana keessa yeroo addeessi kan duraan barameen ala diimattee mul'atetti. Kun Wixata barii Zimbaabuweetti mul'ate.Suuraalee mirgi abbeensaa kan eegameedha.