Waraana golgaa duubaan basaastota Raashiyaafi biyyoota Lixaa gidduutti deemaa jiru

Maxxanfame

Waldhabdeen basaastota Raashiyaafi biyyoota lixaa gidduu waggootii dheeraaf ture waraana Yukireen irratti hammaateera.

Garuu tajaajiloonni basaasaa Raashiyaa maal godhu jedhanii shakkamu, qondaaltonni isaanii biyyoota irraa ari’amuun isaani hoo akkamiin hojii biyya alaa Putin miidha?

Bara 2014tti yeroo jalqaba Raashiyaan humna waraanaa ishee Yukireen irratti xiyyeeffatte, tajaajila basaasaa isaas biyyoota Lixaa irratti eegalsiiseera. Filannoo US keessa seenuu irraa eegale, haleellaa interneetaafi Awurooppaa keessatti hojii gufachiisuufi summeessutti hojjetaniiru.

Ta’us garuu, ji’oota dhiyoo kesssa, yeroo biyyootiin Lixaa tajajilli basaasaa Raashiyaa hojii dhokataa akka hin hojjenneefi miidhaa akka hin gessisneef yeroo hojjechaa jiranitti, waraanni basaastotaa hammachaa dhufeera. Kunis ammoo biyyootii Lixaa keessaa qondaaltoota Raashiyaa 500 ari’uun mul’ateera.

Waraqaa seeraa irratti qondaaltonni kun dippiloomaatota jedhamuun beekamanis, hedduun isaanii garuu qondaaltoota basaasaa dhoksaan jiran akka ta’anitti amanama.

Gariin isaanii hojii hariiroo uummachuufi qondaaltoota odeeffannoo dhoksaa daddabarsan qacaruu hojjetaniiru jedhamee yaadama, akkuma biyyootiin lixaa Raashiyaa keessatti hojjetanitti.

Ta’us garuu, gariin isaanii hojii Raashiyaan “tarkaanfii kallattii” jettee waamtu irratti hojjetu jedhamee yaadama. Kunis hojii pirooppagaandaa tamsaasuu irraa eegale hanga hojii dhoksaa hamaatti hojjechuudha.

Poolaand akka jettutti, lammileen Raashiyaa 45 biyyashee keessaa ariite, hojii dandeettii biyyattii gadi qabuu” irratti hojjechaa turan.

Bara 2014 irraa eegalee, dhabbileen basaasaa Lixaa, basaastota Raashiyaa hojii akkanaa irratti hirmaatan adda baasuuf hojjechaa turaniiru. Hojii kunneen keessaa tokko gartuu basaasaa waraana Raashiyaa GRU unit 29155 jedhamu, kan hojii gufachiisuu, dandeettii biyyaa salphisuufi ajjechaa irratti hirmaatu jedhamniidha.

Onkololeessa 2014tti dhohiinsa kuusaa rasaa bosona Cheek keessa ture duuba gartuun kun akka turan adda baasuuf gara waggooti torbaa fudhateera. Dabaluunis boodarra kanneen summeessuu Saliburii UK bara 2018 keessaa harka qabanis adda baasaniiru.

Gartuun kun daldalaa meeshaa waraanaa lammii Bulgaariyaa kan kuusaa Cheek keessa meesha ka’eeru ajjeesuufis yaalaniiru. Shakkiin jiru tokko dhohiinsiifi summeesuun kun meeshaa waraanaa inni bakka waldhabdeen itti eegale Yukireeniif dhiyeesse waliin wal qabata kan jedhudha.

Miseensonni gartuu kanaa bara 2014tti hoggantoota Raashiyaa deeggaran Yukireen keessaa baasuu irrattis hojjetaniiru. Amma ammaatti tajaajila basaasaa Lixaan dhiyeenyatti qoratamaa jiru.

Ta’us garuu, basaastota tokko tokkoon adda baasuun hojii qaalii ta’edha. Basaastonni Lixaa Raahiyaa keessa jiran yeroo dheeraaf hojii hordoffii taasisanis, basaastonni Raashiyaa biyyootii Lixaa jiran kana hojjechaa hin turre.

“Lakkoofsi isaanii akkuma dabaleen, maal akka hojjechaa jiran adda baasuun caalaatti cimaa deema,” jechuun qondaalli US tokko BBCtti himeera.

Haalli jiru garuu amma geeddaramaa jirachuu mala.

Anga’ooti Lixaa akka jedhanitti, dhiyeenya biyya keessaa ar’uun isaanii mormii agariisuu qofaaf osoo hin taane, dandeetti Raashiyaan isaan miidhuuf qabduuf hir’isuufidha. Qondaaltonni basaastota qaban tokko tokko, qondaaltoota Raashiyaa biyyaa ari’uun tarkaanfii barfatedha jedhu. Qondaalli tokko as jiraachuu isaanii obsuu kenyaatti warri Raashiyaa kolfaa turan jedha.

Biyyoota tokko tokko keessa addatti basaastota Raashiyaa hedduutu ture jedhamee amanama. Barliin qondaaltota Raashiyaa 40 ariiteetti. Ta’us garuu, qondaalli basaasaa Lixaa tokko, Jarman keessa qondaaltota basaasaa Raashiyaa 100 ta’an akka hojjatoota “buufata xiyyaaraatti” dhokatanii jiru turan jedhee amana.

UKn maaliif qondaltoota Raashiyaa tokkoyyuu hin ariine? Qondaaltonni akka jedhanitti hundi isaanii Saliburii booda ari’aman, basaastonni hafan ammoo qondaaltota waayiloota duraa waliin warra hojjetanidha. Yoo hojii biraa dhoksaatti hojjetu ta’eef dhaabbata basaasaa UK , M15 jedhamuun hordofamaa jiru.

Ameerikaa keessatti, qondaltoonni ari’aman qorannoo tokko tokkoon irratti taasifame irratti hundaa’uunidha.

Biyyootiin Lixa waliin ta’uun qondaaltonni biyya tokko keessaa ari’aman biyya biraa seenuuf akka hin yaalleef hojjechaa jiru.

Raashiyaanis biyya ishee keessaa dippilomaatota Lixaa ari’uun deebii kenniteetti. Haala jiruun, qondaaltonni Lixaa ari’aman hedduun isaanii basaastota osoo hin taanee dippiloomaatota dhugaa ta’u.

Raashiyaan qondaaltota Jarman 40 ariiteetti, ta’us garuu kun dippiloomatota biyyattii jiran keessaa parsantaa muraasadha.