Lammiin Ingilizii jiddugala hawwaa Raashiyaatti argamee qorannoon irratti gaggeeffame

Madda suuraa, PA Media
Lammiin Ingilizii YouTube'n beekamu fi osoo hayyamni hin kennaminiif jiddugala hawaatti argame qorannoon irratti gaggeeffame.
Lammiin Inglizii Benjaamiin Riich jedhamu jiddugala Hawaa Raashiyaa Kaazaakisiitaniitti argamutti sa'aatiiwwaniif qorannoon poolisiin irratti gaggeefamuu ibse.
Jiddugala hawaaa biyya miseensa Gamtaa Sooviiyeeti ture Kaazaakistaaniiti argamutti osoo hayyama hin qabatiin viidiyoo waraabeera kan jedhame Beenjaamiin poolisoota Raashiyaatiin to'atamee erga qorannoon irratti gaggeeffameen booda gadhiifameera.
Qorannoon erga irratti gaggeeffameen booda paawundii 60 kan adabame Beenjaamiin, jidduugalicha doowwachuuf hayyama barbaachisu waan hin qabanneef adabbiif saaxilamu beekameera.
Dhaabbanni qorannoo Hawaa Raashiyaa Roscosmos'tti bakka rookkeettiiwwan furguggifaman keessatti argamuun to'annoo jala oolfame.
Dhaabbatichi itti dabaluunis, Beenjaamiin ''gocha yakkaa raawwachuusaa'' hordofees qorannoon irratti gaggeeffamaa jira jedhee ture.
Viidiiyoowwan ilamaa hojjachuun kan beekamu namtichi kunis, torra Instaagiraama isaarratti, hayyama malee rookkeettiiwwan Buraan ilaaluu dhaquu kootti poolisoonni Raashiyaa sa'aatii muraasaaf gaaffii muraasa naaf dhiyeessaniiru. Akkuma doowwattoota ija jaboo dhiibaatama ana duraattis addabbii bulchiinsaa paawuundii 60 adabamuun gadhiifameera'' jedhe.
Beenjaamiin dabaluunis, ''Akka lammata si hinbarree jecuhuun akka bakka dhorkameetti akka aarii aarsuutti akeekkachiisi naaf kennameera'' jedhe.
Beenjaamiin Riichi nama miidiyaa hawaasaa toora YueTube isaarratt hordoftoota miiliyoona 3.5 qabudha.
Jidduugalli rookkeettiiwwan ittii gara hawwaatti furgugfaman kunis, doowwattoota dhaabbata To'annoo Dhimmoota Hawwaa Raashiyaa kan ta'e Roscosmos irraa hayyama argataniif banaadha.












