Waraanaa Yukireen: US qoqqobbii haaraa wayita labsiitutti Jiil Baayidan Yukireen dowwataa jiru

Jiil Baayidan fi Oleen Zalansikii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Olenaa Zalansikaa, bitaat, fi Jiil Baayidan magaalaa daangaa Yukireen Uzhhorod keessatti wal argan
Maxxanfame

Giifti dureen Ameerikaa Jiil Baayidan wayita biyyishee qoqqobbii dabalataa Mooskoorratti ifa taasiftutti gita ishee kan Yukireen Giifti duree Oleenaa Zalansikii waliin wal agarte.

Giifti dureewwan lamaan kunneenis mana barnootaa magaalaa daangaa kan taate Uzhhorod keessatti wal argan.

Giifti dureen Zalansikii erga Raashiyaan Guraandhala 24, 2022 Yukireen weerarteen booda yeroo jalqabaatiif ummatatti mul'atan.

Ameerikaan weerara Yukireen irratti dhorkaa viizaa lammiilee Raashiyaafi Beeraaluus 2,600 dabalataan -qoqqobbii dabalataa keessee jirti.

Buufataaleen TV Raashiyaa sadi fi hoji gaggeessitoonnis Waashingitaniin qoqqobamaniiru.

Jill Biden and Olena Zelenska at the school

Madda suuraa, Reuters

Walgahiin giifti dureewwan lamaanii kunis mana barnootaa ammaan tana namoota buqqa'aniif dahoo yeroo ta'uun tajaajilaa jiru keessatti gaggeeffame.

Giiftii Duree Baayidaniis, ''Ummanni Yunaayitid Isteetis ummata Yukireen waliin dhaabbataa jiraachu agarsiisuudhaaf,'' jedhan. Itti dabaluunis, waraanni erga eegalee amma baatii sadaffaa qabate ''sukkanneessaa'' fi dhaabbachuu qaba jedhan.

Aaddee Zalansikiin waraanni osoo gaggeefamaa jiruu Yukireeniin daawwachuun ''gochaa ciminaati'' jedhan.

Itti dabaluunis dowwannaa 'Guyyaa Haadhoolii Yukireen fi US keessaa'tti taasifamee kunis fakkeenya gaariidha jedhan.

''Guyyaa barbaachisaa kanatti jaalalaafi deeggarsi kee nutti dhagahameera.

Booda dubartoonni lamaa taa'uun ijoollee baayyee achitti argaman keessaa muraasa waliin taphataniiru.

Jastiin Tiruudeen Yukireen keessatti Volodmiiri Zalansikii waliin wal argan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Jastiin Tiruudeen Yukireen keessatti Volodmiiri Zalansikii waliin wal argan

Qoqqobbiin haaraan kunis erga hoggantoonni G7 Voolodmiir Zalansikii waliin karaa viidiyootiin marii taasisaniin booda ture.

Qondaalli US olaanaan tokko qoqqobbiin US hoji gaggeessitoota Gazprom bank 27 kan miidhuudha jedhan. Haata'u malee qoqqobbichi qabeenyaa dhaabbatichaa ykn daddabarsa hin miidhu jedhame.

Tarree namoota Raashiyaafi Beeraaluus 2,600 dhorkaan irra kaa'ame keessa eenyuu fa'i akka jiraan ifatti kan jedhame hin jiru.