Nureddiin Ibraahim: Barsiisaa si'a tokkoon kitaabota wabii ja'a barreessuun gabaaf dhiheesse

Madda suuraa, Nureddiin Ibraahim
Dargaggoo Nureddiin Ibraahim jedhama. Godina Arsii Lixaa aanaa Gadab Asaasaatti hojii barsiisummaa irratti bobba'ee kan jiraatuudha.
Barsiisaan kuni tibbana kitaabota ja'a barreessuun bakka tokkotti eebbisiisee gabaaf dhiheessee jira.
Mata duree 'Qubee Harmee' jedhuun kitaabotni barreesse kuni ammoo kitaabota barnootaaf oolan yoo ta'an, Afaan Oromoo irratti kan xiyyeeffatani jechuun BBC'tti hime.
"Kitaabotni sadii gulantaa oolmaa ijoolleetiif kan tajaajilanidha. Kitaabni hafan sadii ammoo barattoota sadarkaa tokkoffaatii hanga koolleejjotaatti ni tajaajilu," jedha Nureddiin.
Qabiyyeen kitaabolee kanneeniis seerluga, caaseffama, qubeessaa, afoolaa fi qabiyyeewwan guddina Afaan Oromootiif gumaachan biroo kan of keessatti qabatedha jedha.
"Amma yoo ilaalte barjaaleen magaalaa keessaa qubeessi isaanii rakkoo qaba, xalayaawwan waajjiraaleen barreessan yoo ilaaltes akkasuma. Kuni maddi isaa ijoolleen seerluga Afaan Oromoo kana akka gaariitti barachaa dhufuurraa hanqinni waan jiruufi. Anas kanumatu akkan kitaabolee kana qopheessuuf nakakaase," jedha.

Madda suuraa, Nureddiin Ibraahim
Qabiyyee kitaabolee kanneenii yeroo barataa turerraa walitti qabachaa akka turee fi erga barsiisaa Afaan Oromoo ta'ee hojjechuu jalqabee ammoo hojii kanarratti caalmaatti xiyyeeffatee hojjechaa akka ture hima.
Kitaaba 'Qubee Harmee' jedhu kan gulantaalee adda addaatiin qopheesse kanas Biiroon Barnoota Oromiyaa ogeessota isaatiin erga qorateen booda, sirreeffama taasifamuu qabu eeruudhaan kitaabichi akka wabii barnootaatti sirna barnootaa keessatti akka fayyadamamuuf mirkaneessuufiis dubbata.
Kitaabota gulantaa jalqabaatii hanga sadarkaa tokkoffaa jiran ammoo Biiroon Barnootaa Magaalaa Finfinnee sirna barnootaa keessatti akka wabiitti itti fayyadamuuf yeroo ammaa hayyoota qorachiisaa jiraachuus hime Nureddiin.
Nureddiin kitaabota ja'a barreesse kanaaf sagantaa eebbaa Finfinnee Giddugala Aadaa Oromootti akka qopheesses dubbata.
Kitaabilee deeggarsa barnootaaf oolan kunneeniin alatti kitaabota asoosamaa fi xiinsammuu barreessee qabaatus ''sababa humna dhabuutiin osoo hin maxxansiisnen jira'' jedha Nureddiin.
Kitaabota barattootaa fi barnoota deeggaran barreessuu irratti fedhii guddaa akka qabuu fi fuula duratti kitaabota deeggarsa barnootaa gosa barnootaa Afaan Oromootiin ala jiran irratti barreessuuf karoora qabaachuus turtii BBC waliin taasise irratti dubbaateera.















