Lammiin Keeniyaa Sheek Guyyoo Gorsaa hidhaa akka bahan murtaa'us mana sirreessaa turuuf gaafatan

Maxxanfame

Sheekiin lammii Keeniyaa shororkeessitoota waliin hariiroo qabaachuun shakkamanii dhimma isaanii mana hidhaatii hordofaa turan bilisaan akka gadhiifaman murtaa'us manuma hidhaa keessa akka turaniif akka hayyamamuuf gaafatan.

Sheeki Guyyoo Gorsaa Buruu waggoota afuriin dura ture, garee hidhattoota Islaamaa al-shabaab waliin wal ta'uun meeshaalee hojii shororkeessuummaa garichaa beeksisan qabatanii argamuun himannaan kan irratti baname.

Manni murtii Keeniyaa dhimma isaanii ilaalaa tures, abbaan alangaa himannaa nama kanarratti dhiyeesse mirkanneessuu waan hin dandeenyeefu torban kana keessa akka gadhiifaman murteesse.

Haata'u malee, Sheeki Guyyoon mana sirreessaatiin ala nageenya isaaniif waan sodaataniifu mana hidhaa Kaamiitii baayyee rakkiisaafi eegumsi olaanaan akka taasifamuuf himame keessaa hin bahu jedhan.

Namni kuni erga mana sirreessaatii bahaniin booda mootummaan ukkaamfamuun ajjeefamuu akka danda'an yaaddoo qaban mana murtiitti himan.

Abbaan seeraa iyyata isaanii dhaggeeffatees Sheeki Guyyoon guyyoota 30 hin caalleef mana hidhaa keessa akka turaniifi yeroo mana hidhaa keessa turaniitti ammoo kanfaltii barbaachisuu mootummaaf akka kanfalan ajajaniiru.

Kana hordofees Sheeki Guyyoon yoo mana hidhaatii bahaniitti motummaan nageenyaa isaanitiif eegumsa akka taasisu Mana Murtii Olaanaatti Keniyaatti galmee biraa bansiisaniiru.

Yaaddoon Sheeki Guyyoo dhiyeessanis, taatee dhimma namoota ukkaamsanii fudhachuu mudataa jiruun akka haaraatti ijoo dubbii taasiseera.

Gabaasni Aminastii Intarnaashinaal dhiheenya kana baase akkasumas gareewwan mirgaaf falman kaanis, gochaa gara jabinaa, ajjeechaa seeraan alaafi ukkaamfamuu namootaa Keeniyaa keessatti dabalaa jiruuf poolisii itti gaafatamaa taasisan.

Tajaajilli Poolisii Biyyaaleessaa Keeniyaa garuu himannaa qaamolee mirgaaf falamaniin dhiyaatu kana hin fudhatu.

Sheeki Guyyoon humnootii nageenyaa Keeniyaatiin to'annoo jala kan oolfaman waggaa afur dura yoo ta'u, Kaaba Keeniyaa Marsabiit keessatti ture.

Sheek Guyyoo garee hidhattoota Islaamaa Somaaliyaa waliin hidhata qabu jedhamuun kan to'ataman yoo ta'u, miseensa gariichaati kan jedhaman dabalatee himannaawwan 11 irratti dhiyaatee ture.

Dhimmi nama kanaas waggoota afuriif mana murtiitti ilaalamaa kan ture yoo ta'u, abbaan alangaa ragaa gahaa himannaa kana mirkanneessu hin dhiyeessine jechuun ture mana hidhaatii akka bilisaan bahan kan murtaa'ef.