Ajjeechaa loltoota Keeniyaa Somaaliyaa keessatti: Iccitii dhokataa

Maxxanfame

Joonsan oolee Kiyaappii kabaja waraanaa guutuun Keeniyaa keessa bakka dhaloota isaatti awwaalame. Inni loltoota Keeniyaa boombii daandiirratti dhoheen Somaaliyaa keessatti ajjeefaman keessaa tokko.

Haata'u malee waraannis ta'ee ykn motummaan biyyatti waa'ee du'a isaa ilaalchisuun ifatti beekamtiin/galatni kennaniif hin jiru.

Duuti Joonsan kan waggaa 35 fi waahillan isaa sagal kan biraa torban darbe garee al-Shabaabiin raawwatamee kun, waamicha mootummaan loltoota isaa erga 2011 kaasee Somaaliyaa keessatti milishoota al shabaab waraanaa jiran akka baasuuf godhamu cimse.

Callisuun qondaaltotaa ammoo maatii Kiyaappii kan Kibba-lixa Keeniyaa, Kilgoris keessa jiraataniif abdii kutachise.

''Ijoollen keenya osoo gara biyyaatti hin deebiifamiin dura dargaggoota meeqa dhabuuf jirra? Maatiiwwan meeqatu gadda waraana biyya biraa baachu qabaata?'' jechuun ture obbooleessi angafaa Joonsan Dr Jool oolee Kiyaappii kan gaafatan.

"Ijoolleen keenya du'uu yoo qabaatan, daangaa keenya keessatti osoo biyya keenya ittisanu du'u qabaatu.''

Sirna awwaalchaarratti, saanduqii reeffaa Joonsan alaabaa Keeniyaa itti uwwiifamuun koofiyyaa, saqqiifi kobeen loltummaa isaa bira kaa'amee mul'ata ture.

Haatii warraa Joonson wayita sirnicha irratti yaadannoon isheen barreessitee hiriyaadhaan dubbifamutti imimaan ofirra lolaasaa turte: ''Aniifi ijoolleen kee si dhabne, seeqa kee jaalalaan guutame sana dhabne. Nagaan boqadhu jaalallee kiyya,'' jechuun dubbifame.

''Ati jaalallee dhugaa kiyyaafi qaama koo turte. Guyyaa itti waliitti dhufnee kaasee takkaa na dagattee hin beektu turte,'' jechuun itti fufa..

Wayita awwaalchi gaggeeffamuttis, waahillan waraanaa isaa yeroo 21 dhukaasuun kabaja qaban mul'isaniif.

Dubbataan tokkos erga waggoota 11 kaasee mootummaan 'oppireshiinii biyyicha ittisuu' jedhu eegalee maatiiwwan heddun namoota jaalatan dhabaniiru jedhan.

Keessattuu jidduugalumaan waraanaa kan dabale erga gareen milishootaa turistoota lama Kaawuntii Laamu kan daangaa Keeniyaafi Somaaliyaatti argamtutti ukkamsanii booda.

Waggaa lamaan boodas, loltoonni Ergama Gamtaa Afrikaa Somaaliyaa keessaa (Amisom), humna waraanaa Somaaliyaan akka al-Shabaab mo'attu garagaarutti makaman.

'Du'aatiin maaliif dhokfame?'

"Ameerikaan yoo Somaaliyaa keessaa baate, Keeniyaanoonni turuuf itti fufuuf nuti eenyu? jedhan jaarsi naannichaa tokkos.

''Dargaggoota osoo Somaaliyaa keessa jiranuu du'an huundaafu ni gaddina. Gara biyyaatti deebi'uun daangaa biyyasaanii eeguun yeroonsaa amma,'' jedhan Jooseef Taasuur.

Yeroo loltoonni osoo waraanarra jiranii du'aniitti callisuun mootummaa maatii baay'ee aarseera. Callisuufi kabaja ummataa dhorkuun tuffiidha jedhus. Aanga'oonni waa'ee du'a loltootaa maaliif akka callisan ilaalchisuun ibsa kennu qabus jedhu.

Loltoota 200 haleellaa milishootaatiin El Addeetti Somaaliyaatti ajjeefaman dabalatee loltoonni Keeniyaa dhibbi hedduun ajjeefamu tilmaamama.

Waraannis qorannoo gaggeessuun odeeffannoo loltoota waggaa jahaan keessatti ajeefamanii akka ifa taasisu himee ture, garuu hanga ammaatti kan dhagahame hin jiru.

''Ni beekna biyya keenyaafi nu eegaa jirtu. Yoo loltoonni keenya waraanarratti ajjeefaman maaliif dhoksitu?'' jedhan pirofeesar Jaamsi ole Kiyaappii, obbooleessi Joonsan kan biraafi namni siyaasaa duraanii kan ta'an.

'Motummaan banu qabaata'

Pirofeesar Jeemsi dhimma kaayyoo loltoota Keeniyaa kan Somaaliyaa keessaa ilaalchisuun mariin qaamoolee seera tumaniifi hawaasa keenya keessaa dhabamuun na dinqa jedhan.

''Tarisiimoo keenya irra deebiin yaaduufi guyyaa dhumaa ifaa ta'e loltoota keenyaaf kaa'u nu barbaachisa. Ergama dhuma hin qabne ta'u hin danda'u. Waraana kanaan dargaggoota keenya dhabuu itti fufuun nurra hin jiraatu,'' jechuun BBCtti himan.

"Loltoonni du'an hundi abbaa, mucaa, intal keenya. Pirezidaantichi gootoote keenya ifatti beekamtii kennuuf qaba,'' jedhan itti dabaluun.

"Nuti warra gibra kanfallu, motummaanis ifa ta'uuf dirqamatu irra jira,'' jedhan.

Dhiheenyas wayita waraanni Ameerikaa loltoota Keeniyaa haleellaa buufata Maandaa Amajjii 2020 keessa raawwatameerra gootummaa agarsiisaniif beekkamtii kenneettis karaa intarneetii komiin ka'ee ture. Motumaafi humni waraanaa biyyattii garuu yaada omaatu hin kennine ture.

Yeroo jalqabaatiif qondaaltootaan beekamtiin kan kenneme sirna eebba siidaa loltoota du'anii pirezidaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa guyyaa kabaja Loltoota Keenyaa waggaa irratti yaadannoo taasifameedha. Kunis erga loltoonni gara Somaaliyaa seenanii booda kan eegalameedha.

Siidaan ollaa waraana keessatti argamu kunis qawwee, kobee lamaa fi koobii sibiilaa gubbaan qawwee qabudha.

Akkasumas maqaa loltoota osoo al-shabaabiin waraananu du'anii kan qabu yoo ta'u, ammas maqaan Joonsan Kiyaappiis ni dabalama jedhamee egama.

Haata'u malee, siidaan kunis ummataaf saaqaa miti.