Waraana Xaaliyaanii waliin: Seenaan baay’ee hin dubbatamneef Injifannoon Saambee maali?

Madda suuraa, Visit oromia/Twitter
Guyyaan Injifannoo weerartoota Xaaliyaaniirratti argame wagga waggaan AL.I Ebla 27 Itoophiyaatti yaadatamee oola.
Waraanni Saambee waraana cimaa Waxabajjii 27 hanga Adoolessa 04 bara 1933 guyyoota torbaaf adeemsifamedha.
Iddoon inni itti adeemsifames Godina Iluu Abbaa Booraa magaala Goree irraa kallattii Kibbaan kilomeetira 17 fagaattee kan argamtuufii magaalaa xiqqoo kan turte Saambee irrattidha.
Haa ta'u malee, seenaan Saambeetti raawwate jedhamu kuni kitaabilee seenaa irratti hammana barraa'ee hin mul'atu.
Komishiniin Turizimii Oromiyaa bakki injifannoo kuni xiyyeeffannoo akka argatu barana sochii gochaa jira.
Yeroo waraanni Saambee adeemsifamu magaalli Finfinnees taate magaalli Goree weerartoota Xaaliyaaniirraa bilisa bahanii akka turan Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Booraatti qorataa seenaa kan ta'an Obbo Tamasgeen Korjee himu.
"Waraanni Xaaliyaanii waraana Itoophiyaatiin rukkutamuun giddugala biyyattiitii gara kutaa Kibba Lixaa biyyattii deeman wal ijaaranii Goree qabatanii asii ol gara Finfinneetti dhangala'uuf turan" jedhan.
Kanaafis waraanni Xaaliyaanii lakkoofsaan 12,000 ol ta'u wal ijaaruun karaa Gurra Fardaa, Boongaa fi Diiduuttin naanna'uun gara magaala Goree sochii eegaluu Obbo Tamasgeen Korjee dubbatu.
Kutamuu riiqicha laga Qabar…
Loltootni Xaaliyaanii magaala Goree irra deebin qabachuuf karoorfachuunsaanii erga dhagahame booda goototni Itoophiyaas weeraricha ofirraa qolachuuf wal ijaaruu eegalan.
"Goototni naannoo Innoos Saambee jiran kan akka Waldayyas Bullukkoo, Margaa Bookoo fi Daanyee Bantiifaa namootni waraanatti akka makaman taasisan" jedhan Obbo Tamasgeen Korjee.
Kana malees loltootni Itoophiyaa namootni muraasni loltoota Xaaliyaaniitti akka makaman gochuun loltootni Xaaliyaanii ganda Innoos Saambee keessa bahuun laga Qabaritti akka bahan haala mijeessuu himan.
"Yeroo isaan achi gahan /loltootni Itoophiyaa/ riqaa laga Qabar kutan. Gamanaan immoo qawwee itti kiyyeeffatan" jechuun loltootni Xaaliyaanii kiyyoo loltoota Itoophiyaa keessa akka seenan taasisuu qorataan seenaa kun dubbatu.
Namoota riqicha laga Qabar kutan keessaa Obbo zawudee Lamuu, Ayyaansoo Bookaa, Margoo Bookaa, Nageessoo Giiloo, Bantii Daanyaa, Jaarsoo Abbaa Diidaa, Margoo Faarsoo, Guutamaa Shoroo fi Abbabaa Nagawoo isaan muraasa dha.
"Sana booda gamaa gamanaa lolli cimaan ta'e. Lola sana irratti goototni Iluu Abbaa Booraa, Beddellee, Daarimuu fi Goree haala adda addaatin irratti hirmaatan" jedhan Wajjiira Aadaaf Tuurizimii Godina Iluu Abbaa Booraatti qorataa seenaa kan ta'an Obbo Tamasgeen Korjee.
"Lolichi ammas cimaa deeme. Goototni Itoophiyaa, goototni ijoollee Oromoo Shawaa, Wallagga fi Jimma sadarkaa olaanaan irratti hirmaatan" jedhan.
Jaagamaa Keelloo fi Leensee Keelloos lolicharratti hirmaachuu Obbo Tamasgeen dubbatu.
"Dhumarratti humni gootota Itoophiyaa yeroo itti cimu harka laatan /Xaaliyaanotni/. Namootni kumaatamatti lakka'aman booji'amanii gara Goree dhufan. Meeshaan waraanaa kumaatamatti lakkaa'amus gara Goree dhufe" jedhan Obbo Tamasgeen.
Waa'een Saambee maalif dhokate?
Saambeen ammatti hambaalee waraanaa kan akka nooraa riiqicha laga Qabar meetira 90 ol ta'u, bobbocawwan adda addaa, dawoo Xaaliyaanotni qotatanii turan akkasumas iddoowwan awwaalaa kan qabdu ta'uu Obbo Tamasgeen Korjee himu.
Haa ta'u malee, seenaan injifannoo waraana Saambee miidiyaalee elektirooniksiinis ta'e maxxansaaleen baay'inaan kan dubbatameef miti.
"Lola sadarkaa cimaatti deemedha. Haa ta'u malee bara darbe keessa kuni yaadatamuu hin dandeenye. Mootummaan darbe biras seenaa ummata Oromoo baasuurratti laafinsi ture" jedhan Obbo Tamasgeen Korjee.
Waajjirri isaaniis seenaan injifannoo Saambee akka beekamuuf waggoota sadeen darban keesaatti sochiilee garagaraa taasisaa turuufii bara kana milkaa'uu isaanii himan.


















