Fayyaa: Appilikeeshinii Itoophiyaa keessatti qorichoota badan barbaaduuf gargaaru

Appilikeeshinii Xeenaawoo

Madda suuraa, Tenawo

Maxxanfame

Beezaawwit haadha umriini dulloomaniifi dhibee kantaruu dhiigaan rakkatan qabdi. Nagaan akka turan qoricha Rivaarooksabaan jedhamu osoo adda hin kutiin fudhachuu qabu.

Qorichi isaanii kun gara dhumuu jala yeroo gahu akkuma kana duraa salphaatti bittee debi'uuf baatus, qorichichi dhibame.

Naannoo Sabaaraa Baabuur jedhamutti argamuu mala jedhaniin dhaqxee dhabde, Faannoo Diimaa yaali jennaan achis yaaltee dhabde. Kanamaas hin argamne. Dallaalota qorichaa gaafattees hin arganne. Ofii qorichichi eessa gale?

Waan gootu dhabnaan fira fagoo Awustiraaliyaa jiraatu rakkisuuf dirqamuu dubbatti. Edaa qoricha biyya alaatii galchuunis salphaa miti.

Kubbaaniyyoonni meeshaalee addunyaarratti ergan kan akka DHL fi Fedex qoricha biyyatti galchuuf abbaa taayitaa hordoffii qorichaa irraa xalayaa barbaadu. Kunis qormaata biraati. Guyyaan hanguma adeemu Beezaawwit ni dhiphatte.

Bu'aa bayii hedduu booda namni Keeniyaarraa gara Itoophiyaa adeemtu tokko qoricha harmee isheef fuuteefii galte. Lubbuu harmee ishees oolchiteef.

Barbaachi qorichaa kun mudannoo Beezaawwit qofa miti hedduun guyyuu rakkoo akkasii keessa darban jiru.

Qorichoota dhabaman

Keessumaa tibba kana sharafni alaa xiqqaachaa adeemuu isaa wajjin qalabatee gosti qorichaa dhabamanii baayyachaa jira.

Mootummaan dhimma kana irratti xiyyeeffannoo kennuus dallaalotni dhoksanii tursanii gatii qaalessanii gurguruu jedhama.

Amma qorichi dhabamuu osoo hin taane gatii humnaa oliinuu bituuf bakka itti argamu baruun yeroo fi humna barbaada.

Rakkoon kun dhaabbatni tokko marsariitii rakkoo kana furu akka banu sababa ta'e. Marsariitichi ammoo appilikeeshinii bilbilaa uumuuf ka'uumsa ta'e, Applikeeshinichi ammoo gidduugalli bilbilaan itti gaafatan akka hundaa'u sababa ta'e.

Qorichoota badan giddugala tokkootti barbaaduu

Appilikeeshiniin 'Xeenaawoo' jedhamu kun bakka hoogganootni Ministeera Fayyaa argamanitti hoteela Sharaatanitti erga eebbifamee ji'ootni lakkaawamaniiru.

Dhaabbata KMS Tireediing jedhamutti jalqabsiise. Abbootiin Aksiyoonaa dhalattoota Itoophiyaa, Kaanaadaa, UK fi US jiraataniidha.

Bitaa gara Mirgaatti Dr Sisaay Abbeebee, Masarat Haayilayyasuusiifi Dr Isaaq Mohaammad

Madda suuraa, Tenawo

Namni yaada kana maddisiisaniifi hundeessaan dhaabbatichaa Dr Sisaay Abbebee ''manneen yaalaa hojjetan keessatti dhukkubsattootni deebi'anii dhufanii qoricha ani ajajeef barbaadanii dhabuu natti himu ture'' jedhan akkamiin yaada kana akka fidan BBC'tti yoo himan.

Salphaatti appilikeeshiniin Dr Sisaay fa'a kalaqan kun qorichi maamilaan barbaadu eessa akka jiru akeeka. Kun ammoo applikeeshinii bilbilaa kana buufachuun hojjetama.

Appilikeeshinichi akkuma appilikeeshinoota geejibaa akka Ride fi Uber fa'aan walfakkaata.

Jalqaba bakka maamilaan jiru raadiyeesii meetira 500 keessatti manneen qorichaa (faarmaasiiwwan) jiran akeeka. Qorichi sun bakka jiru erga adda baasatanii gatii isaas walbira qabuu akka dandeessan haala mijeessa.

Appilikeeshiniin kun gariin hojii eegaleera. Ragaalee walitti qabuus yeroo yeroon bal'ifachaa jira. Yeroo, humnaafi maallaqa maamilaa qusachuudha fedhiin keenya tokkoffaan jedhu Dr Sisaay.

Dhaabbatni kun namoota bilbila ammayyaa hin qabneef ammoo gidduugala namni bilbilee odeeffannoo argatu sarara odeeffannoo itti argatu 9456 baneera.

Tajaajilli ijoon appilikeeshinii kanaa qorichi kum bakka kam jira kan jedhu akeekuu ta'us tajaajilamaan tokko Hospitaala isa kamitti ispeeshaalistii kam, yeroo akkamiitti akka argachuu danda'us odeeffannoo ni kenna.

Appilikeeshinii kana jalatti hakiimonni 80 ta'an ispeeshaalaayizeeshinii isaaniifi muuxannoon isaanii galmaahee jira. Lakkoofsi kun ni dabala yaadni jedhus jira. Dr Sisaay appilikeeshiniin isaanii yeroo kamittuu hospitaala dhuunfaatti nama yaalamuu danda'uuf beellama qabsiisaa akka jiru himu.

Kanaanis adeemsa dadhabsiisaa namootni yaala sirrii argachuuf keessa darban hanqisuuf akka gargaaru himan.

Qorichoota biyya keessatti hin argamne

Finfinnee keessa dukkaanoonni qorichaa hedduun jiraatanis qorichootni argachuun rakkisaa ta'e hedduun jiru.

Dr Sisaay dhimma kana dhaabbatni isaanii hubannoo keessa galchee, qorichoota biyya alaatii galchuuf hayyama argachuu himaniiru.

Ammatti qorichoota gabaa biyya keessa dhabaman jedhamee yeroo namootni dhuunfaan gaaffii dhiyeessan biyya alaa galchuuf qophii gochuu himan.

Ministeera Eegumsa Fayyaatti Daayireektarri Teeknolojii Odeeffannoo obbo Gammachiis Malkaamuu appilikeeshiniin kun rakkoo tajaajilamaan gama humnaa fi yeroon baasu qusata jedhanii ture wayita tajaajilli eebbifamee hojii eegalu.

Waajirri isaanii deeggarsa barbaachisu akka godhuufis dubbataniiru.

Itoophiyaa keessatti yaadni gaggaariin haaraan maddan gara caalu sababa uummatni yaada haaraaf dafee madaqaa hin taaneef hamma irraa eegamu hin bahan. Dr Sisaay hojii isaanii kanaaf wanti qormaata ta'a jedhanii yaadanis kanuma wajjin walqabata.

Tajaajilli isaanii itti fufaa akka ta'uufi dhimma fayyaa wajjin walqabatu dijitaala gochuuf hubannoo gabbisuufi dhaabbileen faayidaa isaa akka beekan amansiisutti akka jiranis himaniiru.

''Jijjiirama dijitaalaa keessa seenuun adeemsa salphaa akka hin taanee barreetuma kaane, biyya keenyatti teeknoolojiin dijitaalaa reefu guddachuutti jira. Namootni amantaa irratti hin horanne. Wanti kun yeroo fudhachuu mala'' jedhan.

Kanaafis dhaabbatni isaanii amma tajaajila kennu kamuufi kaffaltii gaafachaa akka hin jirre himaniiru.

Dameeleen akka geejibaa fi faayinaansii Itoophiyaa keessatti dijitaalawaa jiru. Dameen fayyaa garuu ammas qaawwa hedduu qaba. Sani irratti dhimma fayyaatis waan ta'eef eeggannoo addaa barbaada.

Dr Sisaay dhimma kana irratti yoo dubbatan ''namni fayyaa barbaacha dhufee dhibee dabalatee deebi'uu hin qabu'' jedhu.