Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoon Shaangaay utuu lubbuun jiruu korojoo reeffaa keessa ka'ame
Maanguddoon dhukkuubsataa ta'e wiirtuu kunuunsaa Shaangaay keessaa waan du'e se'uun erga korojoo reeffatti fe'amee booda, anga'ooti naannichaa, qondaaltota afur hojiirraa ari'aniiru.
Dilbata irra, viidiyoon yemmuu namootni lama kan hojjettoota mana reeffaa fakkaatan korojoo reeffaa konkolaataa irratti fe'an agarsiisu maxxanfamee ture.
Boodarra hojjettoonni korojoo kana yeroo bananii fi hojjetaan inni tokko dhukkubsataan ammayyuu lubbuun jira yemmu jedhu viidiyoon kun ni mul'isa.
Taateen kun hawaasa miidiyaa hawaassummaa Chaayinaa dheekkamsiiseera.
Aanga'oonni Shaangaay bulchiinsa Putuwoo, Wiixata taatee kana mirkaneessuun, amma dhukkubsataan kun gara hospitaalaa geeffamee haala gaarirra akka jiru ibsaniiru.
Angaa'oti naannichaa akka jedhanitti, qondaaltonni shanii fi ogeessi fayyaa tokko irratti qorannoon gaggeefamaa jira.
Itti aanaaa hoogganaa waajjira dhimma hawaasaa naannichaa fi hoggannaa wiirtuu kunuunsaa dabalatee qondaaltonni afur hojiirraa ari'amaniiru. Akkasumas oggeessi fayyaa maqaa Tiyaan jedhamuun qofa ibsamee, eeyyami hojii isaa jalaa haqameera.
Eeenyummaan dhukkubsataa kanaa ammatti ifa hin taane.
Haawasnii miidiyaa hawwaasummaa gocha kana yemmuu balaaleeffatan, gulaalaan duranii miidiyaa mootummaa Hu Shijiing, gochi kun " hojii itti gaafatamummaa ofii ba'uu dhisuu kan du'a fidee ooledha" jedheera.
Shaangaay, Chaayinaa keessatti magaalaa ishee guddoo fi jitaattota miiliyoona 25 kan qabdu yoo taatu, amma dhorkii Covid jala jirti.
Namootni hedduun sababa kamiifuu akka manaa hin baaneef dhorkamaniiru- kanneen koronaavaayirasiin hubamanii fi maatiin isaanii gara wiirtulee covid mootummaatt akka deemaniif dirqisiifamu. Viidiyoon yemmuu namootni mana isaanii keessa akka ba'aniif dirqisiifamnii fi poolisiin walitti bu'an agarsiisu ba'eera.
Biyyootii koronaavayirasii balleessuuf kutatanii jiran keesa tokko Chaayinaadha. Biyyootiin addunyaa hedduun vaayirasichaa waliin jireenya itti fufaniiru