Suuraaleen: Qilleensi Iraaq maaliif akkanaan burtukaana fakkaate?

Vehicles drive along a road during a severe dust storm in Iraq's capital Baghdad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Several similar dust storms grounded flights in Iraq last month
Maxxanfame

Dhukkeen qilleensa cimaan biyya Iraaqitti ka'e samii magaalota biyyattii gara caalu burtukaana fakkesseera.

Of fuulduratti arguun waan cimeef balalliin xiyyaarotaa Baagdaad fi Najaaf keessatti dhaabbateera.

Haalli qilleensaa adda tahe kun gaafa Wiixataas fulla'ee akka itti fufu ni eegama.

Obomboleettiin dhukkee yookaan awwaara kaasan (dust storms) biyyoota Baha Giddugaleessaatti irra deddeebiin mudachaa kan jiru oggaa tahu, ogeeyyiin kun sababa jijjiirama qilleensaafi lafaafi bishaan sirnaan fayyadamuu dhabuurraa kan maddu tahuu himu.

Gaafa Sambataa garii Iraaq keessa, meetira 500 caalaa of duratti ilaaluun hin danda'amu ture.

Ji'a dabre Iraaq keessatti obomboleettiin dhukkee irra deddeebiin mudachuun, namoonni hedduun rakkoon hargansuu isaan mudatee hospitaala galanii turan.

Waajirri metirooloojii Iraaq amma dura akka himetti, biyyattiitti sababa goginsaa, gammoojjummaa fi roobni xiqqaachuu irraa kan ka'e, obomboleettiin awwaara kaasan ni heddumaatu jedheera.

2016tti Sagantaan Naannoo UN (UNEP), Iraaq bara 2026 keessa obomboleettiin akkanaa 300 tahan waggaa waggaan mudachuu danda'a jechuun raaga kennee ture.

An Iraqi policeman directs traffic during a severe dust storm in the capital Baghdad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Poolisii Baagdaaditti tiraafika qajeelchaa jiru
An Iraqi cleaner works to clean the street during a severe dust storm in the Iraqi capital Baghdad

Madda suuraa, Getty Images

Vehicles drive along a road during a severe dust storm in Iraq's capital Baghdad

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara dabre keessa Baankiin Addunyaa, Iraaq bara 2050 keessa bishaan argattu %20n hir'ata jedhee ture
Vehicles drive along a road during a severe dust storm in Iraq's capital Baghdad

Madda suuraa, Getty Images

A aerial picture taken by drone shows the southern Iraqi city of Najaf during a dust storm

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaa gara kibbaatti argamtu Najaaf