Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraaleen: Qilleensi Iraaq maaliif akkanaan burtukaana fakkaate?
Dhukkeen qilleensa cimaan biyya Iraaqitti ka'e samii magaalota biyyattii gara caalu burtukaana fakkesseera.
Of fuulduratti arguun waan cimeef balalliin xiyyaarotaa Baagdaad fi Najaaf keessatti dhaabbateera.
Haalli qilleensaa adda tahe kun gaafa Wiixataas fulla'ee akka itti fufu ni eegama.
Obomboleettiin dhukkee yookaan awwaara kaasan (dust storms) biyyoota Baha Giddugaleessaatti irra deddeebiin mudachaa kan jiru oggaa tahu, ogeeyyiin kun sababa jijjiirama qilleensaafi lafaafi bishaan sirnaan fayyadamuu dhabuurraa kan maddu tahuu himu.
Gaafa Sambataa garii Iraaq keessa, meetira 500 caalaa of duratti ilaaluun hin danda'amu ture.
Ji'a dabre Iraaq keessatti obomboleettiin dhukkee irra deddeebiin mudachuun, namoonni hedduun rakkoon hargansuu isaan mudatee hospitaala galanii turan.
Waajirri metirooloojii Iraaq amma dura akka himetti, biyyattiitti sababa goginsaa, gammoojjummaa fi roobni xiqqaachuu irraa kan ka'e, obomboleettiin awwaara kaasan ni heddumaatu jedheera.
2016tti Sagantaan Naannoo UN (UNEP), Iraaq bara 2026 keessa obomboleettiin akkanaa 300 tahan waggaa waggaan mudachuu danda'a jechuun raaga kennee ture.