Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
KMNI Mootummaan sirna kanfaltii hojjataa murteessuuf dursii akka kennamuuf gaafate
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) guyyaa dafqaan bultoota Addunyaa sababeefachuun, haaluma labsii Dafqaan bultootaa 2019tti Boordiin Kanfaltii akka hundeeffamuuf waamicha taasise.
Komishinichi ibsa guyyaa Dafqaan bultoota Addunyaa sababeefachuun baasee, sochiiwwan hanga ammaatti taasifamaniif beekkamtii kennuun garuu tarkaanfiiwwan seera Boordii kanfaltii hundeessuu kan gamtaawwan daldalaa fi waldaalee siiviilii hammatu ittiin hundeeffamuu akka saffiisuuf motummaaf waamicha dhiyeesse.
Qorannoo bara darbee paarkiiwwan indastiirii keessatti baatiiwwan hedduuf gaggeesse qaamoolee motummaafi miti-motummaa dhimmisaa ilaalatuuf qooduu yaadachuun, kanafaltii jiddugalaa hojjatootaaf kanfalamu jireenyaaf gahaa akka hin taane hubachu kaaseera.
Ibsi Komishinichaa akka jedhuutti qorannoo taasifameen, hojjattooni Itoophiyaa keessaa kanneen %18 ta'an jireenya hiyyummaa hamaa keessa kan jiraatan yoo ta'u, kanneen %31 ta'an hiyyummaa jiddugalaa keessa jiraatu jedhe.
Akka ragaa Tajaajila Istaastiksii Itoophiyaa irra argameetti, qaala'insi jireenyaa walitti aansuun baroota sadiif gara %35tiin dabalee, nageenya dhabiinsa, dabaluu gatii nyaata addunyaa fi buqqa'iinsa biyya keessaatti dabalamuun gatiin meesheelaa haalaan akka dabalu gochuu kaaseera ibsichi.
Sadarkaan mindaa hojjataa erga bara 2017 as sadarkaa biyyaleessatti fooyyeefamu dhabunsaa ammoo rakkoo ta'u kaaseera.
Bara 2030tti haala qacarrii bu'aa qabeessaafi guutuu akkasumas hojii nagaa hundaaf' jedhuufi qaama Galmawwan Gudina Walitti Fufaa (SDGs) Itoophiyaan mallatteessite kanfaltii gahaa ta'ee kan hammatuudha jedha ibsichi.
Akkasumas heera motummaa Itoophiyaa keewwata 89(8) keessatti ''motummaan fayyaa, nageenyaafi sadarkaalee jireenyaa ummataa fi hojataa biyyattii eeguufi jajabeessuuf'' dirqama qabas jedha.
Haala hojii gaariifi haqa-qabeessaa jechuun hojii namoonni kanfaltii jireenya gahaa ittiin jiraachuuf dandeessisu jechuudha kan jedhe ibsichi, kunis mirga kunuunsa fayyaa, barnootaa fi haala gahaa ta'een nyaataa, bishaan fi qulqulina akkasumas baasii mana jireenya, uffataafi geejibaa ofiifi maatii argachuu kan hammatu ta'u kaasa.
Boordiin Kanfaltii labsii dafqaan bulaa bara 1156/2019 keessatti kaa'amees, akka huuluma guddina diinagdee, gabaa hojjataafi haalawwan kaan xiyyeeffannoo keessa galchuun qorannoo erga taasiseen booda kanfaltii gadi aanaa akka fooyyeessuu eegama.
Wixineen kanfaltii gadi aaanaas akka irratti mari'atamee raggaasifamuu gara mana maree Ministirootaatti galfame quba qabaachu Komishinichi kaaseera.
Dhiibbaa Itoophiyaan AGOA keessaa baafamuun kallattiifi al-kallattiin qabaatu kan hubatu ta'u kan kaasee Komishinichi, sun hundi haala jireenya lammiilee irratti dhiibbaa qabaachu kaaseera.
Ta'us garuu motummaan sarbama mirgoota namoomaa ittisuufi miidhaa qaamoolee sadaffaan hojjattootarra gahu dhorkuuf itti gaafatamummaa qaba jedheera.
KMNI Konfidareshiinii Gamtaawwan Daldala Itoophiyaa fi kaan waliin ta'uun motummaan akka sirna kanfaltii gadaanaa murteessuuf waamicha taasisa jedhera.
Hoganaan Komishinichaa Daani'eel Baqqalaa ''kanfaltii gadaanaa murteessuun rakkoolee hojjattoota Itoophiyaa mudataa jiran hundaaf furmaataa akka hin taane yaadachuun, ta'us yoo tarkaanfiiwwan hawaas-diinagdee biraa waliin wal qabsiifame garuu hojjattoonniifi maatiinsaanii jireenya gahaa akka jiraatan gochuuf tarkaanfii murteessaadha'' jedhaniiru.