Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mormiin kan mudate giifti-dureen Gaanaa durgoo waggoota afuriif fudhatan deebisuuf
Giifti-dureen Gaanaa kanfaltii durgoo erga abbaan warraa isaanii aangoo qabatan bara 2017 kaasee fudhatan hunda akka deebisan himan.
Giifti-duree Reebekaa Akufoo- Addoo kana kan himan mormii uummanni biyyattii kanfaltii mindaa irratti kaasan hordofeeti.
Akkasumas giifti-dureen tun mindaa dhiheenya kana Paarlaamaa biyyattiin ragaasifamees hinfudhadhu jedhan.
Ibsa kennan keessatti ''maallaqa haala durgootiin naa kanfalame hunda nan deebisa'' jedhan.
Durgoon kanfalameefis maallaqa Gaanaa 899,097.84 ykn doolaara 151,618 ta'a jedhameera.
Giifti-dureen tunis akka kanfalamuuf kan hingaafanneefi kan sadarkaa ishee madaaluu qofa fudhachuu'' kan dubbatan ta'uus kan fudhatan karaa seeraa miti jedhame.
Kanfaltiiwwan fudhatan deebisuuf murteessuuf wanti hubannaa keessa galchan ilaalcha gaarii hin taane namni qaburraa kan maddedha jedhan.
''Ilaalchi hammeenyaa kaayyoon isaa isaan akka dubartii ofittoo ta'aniitti, iyya lammiilee Gaanaaf dhimma hin qabneetti akka ilaalaman gochuu ta'eedha'' jedha ibsi bahe.
Torban darbe keessa ammoo lammiilee Gaanaa murtee manni maree bakka bu'ootaa haadha warraa pirezidaantiifi haadha warra itti aanaa pirezidaantii gahee deeggarsaa isaan taasiisaniif mindaan akka kanfalamuuf murteessan irratti dheekkamsa kaasanii turan.
Silaa haaluma mindaa koreen Paarlaamaa bara 2019tti murteesseen ji'aan mindaa doolaara 3,500 kan ministiroonni kaabinee argatan kanfalamaa ture.
Haata'u malee baroota dheeraaf giifti-dureefi haadha warraa Ittaanaa pireezidantiitiif haaluma qaama faayidaa addaa hojjii raawwachiftootaatti durgootu kanfalamaaf malee mindaa hinqaban ture.