Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mana Murtii US: Leenjisaan kun tapha booda dirree keessatti kadhanaa gaggeessuu isaatiif adabamuu qabaturee?
Manni Murtii Ol aanaa US Wiixata kaleessaa falmii seeraa leenjisaa kubba miilaa Ameerikaa tapha garee M/barumsaa sadarkaa lammaffaa isaan booda walakkaa dirreetti mirga kadhachuun qaba jechuun himate dhaggeeffate.
Mana murtichaatti sagalee caalmaa kan qaban sirna ganamaa kan leellisan ammoo seera amanataa ofii ibsachuu mana barumsaa uummataa keessatti daangessu fayyadamuun himaticha bal'isuu danda'u.
Yooseef Keneedii jalqaba yaada tapha m/barumsaa sadarkaa lammaffaa isaanii gaggeessaniin booda kadhachuu qaba ture.
Kunis erga televizhinii irratti fiilmii 'Facing Giants' jedhu bara 2006 hojjetame bahe kan leenjisaan tokko kadhachuun qajeeltoo amantaa Kiristaanaas taphattota isaatti himuun garee isaa dorgommii shaampiyoonshippii mootummaaf dhaaqabsiise ilaaleeti.
Keneediin mana barumsaa sadarkaa lammaffaa Biremetan kan magaalaa Waashingitan keessatti argamtu keessatti hojii leenjisummaa argachuuf yaadaa ture.
Garuu muuxannoo leenjisummaa xiqqaa qaba. Haati warraa isaa mana barumsaa naannichaa tokko keessa hojjetti. Innis human waraana galanarraa keessa waan tajaajileeruuf kunis ilaalameefi hojichi kennameef.
Innis hojicha erga fudhatee waggoota torba hojjechaa yeroo turetti taphaan booda yeroo hundaa kadhataa ture.
Yeroo tokko tokko qofaa isaa yeroo kaan ammo taphattootsa isaa waliini.
Kuni garuu bara 2015 yeroo leenjisaan garee morkataa akkas gochuu akka hin qabne daariktera mana barumsaa Biremerton hubachiisu jijjiirame.
mManni barumsichaas kadhannaan mana barumsaa keessatti gaggeesitu seerota US amantaa maneen barnootaa uummataa keessatti akka hin gaggeeffamne cabseera jechuun hubachiisan.
Haa tahu malee Kenediin kanas diduun ji'a Onkoloolessaa keessa taphni yeroo xumuramu dirree keessattikadhannaa gaggeesse. Deeggartootni baay'een itti marsuun ilaalaa turan. Leenjisaan kunismiidiyaa biyyattii irratti beekaman.
Kanaaf manni barumsaa isa boqonnaa wagga baaseen.
Xumura bara dorgommichaatti kontiraata isaa haaressuu dhiisuun manni barumsaa Biremerton mirga heraa amantaa barbaade hordofuu na jalaa dhiibeera jechuun himata bane.
Guutummaa biyyattii irrattis dhagahame.
Haala Kanaan falmii seeraa wagga jahaa irra turuun Heera US, Haareffame jalqabaa keessatti kallattii adda addaan akka ilaalamu taasiseera.
Kunis mirga yaada ofii bilisaan ibsachuu fi amantaa barbaadan hordofuuti. Gama biraan ammoo amantaan mootummaadhaan akka hin hundeeffamne ammo ni dhorka.
Dhaddacha Wiixata darbee irratti abbaan seeraa leenjisaa kanaa Kenediin akka lammii dhuunfaa tokkootti hojii isaa yeroo xumure kadhata godhe.
Manni barumsaa Biremerton ammoo ilaalacha amantaa isaa kanaafi yaada isaa bilisaan ibsachuu isaaf mirga heerri kenneef dhiibuun isa adaban jedhe.
Abbaan seeraa mana barumsichaa ammoo gochaan Kenedii kan dhuunfaan olidha. Barattootaa fi ispoortessitoota mana barumsichaa amantaa garaagaraa qaban irratti dhiibbaa hamaa qabaata jechuun falme.
Abbootiin seeraa mana murtichaa sagal himata bitaa miraa dhiyaate sa'a lamaa oliif ilaalaniiru.
Manni Murtii Ameerikaa amantaa fi mootummaa addaan baasera
Sararii seeraa akkasiin taa'e kun mana murti ol aanaa mirga heeraa tiksuu waliin wal qabatees galtee godhatee ilala.
Himanni kunis tarkaanfii sana of keessaa qaba. Abbootii seeraa waan ganamaa leellisan gaaffiin kaasan akuma jirutti tahee manni murti kun gara Kenedii goruun waan murteessu fakkaata.
Gaaffiin jiru manni murtichaa daangaa amantaa ofii mana barumsaa keessatti ibsachuu kana dura ture akkamiin ilala kan jedhudha.
Kun waggoota hedduu dura miseensa kongirensii Dimokiratik kan ture Jamii Raaskiin Meerilaandi irraa mana barumsaa Biremertoniif dhaabbachuun falmaa ture ibsa miiddiyaaf kennee ture.
''Hanga qormaanni herregaa cimaan mana barumsa keessa jirutti mana barnootaa mootummaa keessas kadhannan ni jiraata, '' jedhe.
''Qabxiin keenya hojjettootni fi qondaalonni mana barumsichaa kadhannicha keessatti hirmaachuu hin qaban kan jedhudha,'' jedhe.
Sabani isaas namootni akka kadhataniis kan waamtu yoo tahe daangaa mootummaaf amantaa adda baasu cabsuudha jedhe.
Himannii fi falmiin seeraa wal fakkaataan seenaa Ameerikaa keessatti yeroo adda addaa gaggeeffameera. Manni murtichaa garuu ifatti kadhannaa gaggeessuu maneen barnootaa keessatti heeraan ala jechuun murteessaa ture
One of the foundational religious establishment cases dates to 1971's Lemon v. Kurtzman, which held that laws must have a "secular legislative purpose" and set up a three-part test to determine whether they survived constitutional muster.
The increasingly conservative court has largely abandoned this "Lemon test" in favour of more sympathy toward laws that permit or even support religious expression, but it has not been explicitly overruled by the court. The court could do so - or even overturn more recent legal precedents - in the Bremerton case.
Conservative religious freedom advocates are calling for exactly such a move.
"Religious liberty isn't a right to be weird in the corner," said Lori Windham, senior counsel with the Becket Fund for Religious Liberty, after Monday's arguments. "It's a right to bring the deepest, most important truths to public life".
That's a sentiment many of the justices on the Supreme Court seem to endorse - as could be made clear when the decision in this case is handed down later this spring.