Iraan jila US hin argu jette, kun adeemsa marii nagaaf yaaddoo uume
Iraan jila Ameerikaa gara Baha Giddugaleessaatti imale arguuf akka hin jirre ibsite.
Kunis erga walitti dhukaasuun irra deebiin eegalameeti.
Tarkaanfiin Iraan kun adeemsa marii nagaa akka gufachiisu sodaatameera.
Anga'oonni Iraan mata duree biraa irratti mari'achuu dura qaamoleen lameenuu torbee lama dura wayita waliigalteen walhubannoo mallattaa'u haal-dureewwan tarreeffaman hojiirra oolchuurratti xiyyeeffachuu qabu yaada jedhu dhiheessan.
Mata dureewwan ciccimoo kanneen akka sagantaa nukilaraa Iraan daangessuutti seenuu dura, haal dureen kaa'ame haa kabajamu jetti Iraan.
Odeessi haaraan kun biyyoonni lameen ammallee waa'ee Ulaa Hormuuz banuu fi guyyoota 60f dhukaasa dhaabuu irratti yaadaan walirraa fagoo akka jiran akeeka.
Marii Dohaa, Qataar irratti hirmaachuuf Waayit Haawus soddaa Tiraamp Jaareed Kushnar fi ergamaa addaa Tiraamp Istiiv Witkof garas imalaniiru.
US marii sadarkaa olaanaaf namoota kunneen filattee erguu himte.
Iraan fi keessummeessituun marichaa, Qataar, garuu mariisistoota waliin maliin kanneen Iraan bakka bu'uun mari'atan waliin walarguuf akka hin jirre ibsan.
Qataar akka jettetti Ministirri Muummee biyyattii Sheek Mohammad bin Abdurrahmaan al-Saanii jila Ameerikaan ergite Kushner fi Witkof arganiiru.