Ameerikaatti ajjeechaan poolisootarra gahu %59n dabale - FBI

Madda suuraa, Getty Images
Bara 2021 keessa Ameerikaa keessatti lakkoofsi poolisoota ajjeefamanii dhibba keessaa harka 59n dabaluufi guutummaa biyyattii keessatti ammoo yakkawwan gara-jabinaan raawwataman heddummaachuu daarektarri Biiroo Qorannoo Federaalaa (FBI) dubbate.
Daarektarri FBI Kiristoofer Reey turtii sagantaa 60 Miniitis waliin taasiseen, bara darbe keessa qofa miseensonni poolisii 73 ta'an hojii isaanii idileerra osoo jiranii ajjeefamaniiru jechuun ibse.
Bara 2019 irraa kaasee ammoo Ameerikaa keessatti ajjeechaa poolisii gara-jabinaan raawwataman hedduu dabalaa dhufuu isaa ragaaleen ni mul'isu.
Kiristoofer Reey wanti akkanaa kun fudhatama kan hin qabneefi hanga barbaachisu xiyyeeffannoo argachaa akka hin jirre ibseera. Kun yeroo shallagamu guyyaa 5 keessatti poolisiin tokko ni ajjeefama jechuudha jedhe.
Gama biraan ammoo Ameerikaa keessatti waggaa waggaatiin namoonni kuma tokko ta'an poolisootan kan ajjeefaman yoo ta'u, ajjeechaawwan hedduun isaanii osoo himannillee irratti hin banamiin kanneen hafanidha.
Akka daarektarichi jedhutti, ajjeechaa poolisoonni namoota irratti raawwatan kana hordofee bifa haaloo bahuutiin ajjeechaan gara-jabinaan poolisoota irratti raawwatamus dabalaa dhufeera.
"Miseensonni poolisii hedduun kan ajjeefaman hojii ta'eef yeroo socho'aa jiranitti haleellaan tasaa irratti raawwatamee ykn ammoo yeroo naannawaa caqasaaf bahanittidha," jedha.
"Sababa uffata dambii uffataniif qofa irratti xiyyeeffatamuu hin qabu."
Akka odeeffannoo dhaabbanni 'The Fraternal Order of Police (FOP)' jedhamu ji'a Onkoloolessa keessa baasetti, bara 2021 haleellaawwan tasaa 103 poolisoota irratti raawatameera.
Baruma kana keessa poolisoonni 130 ta'an rasaasaan kan rukkutaman yoo ta'u, kanumaan walqabatee 30 kan ta'an ammoo lubbuun isaanii darbeera.
Lakkoofsa FBI bara 2020 baase akka kaa'utti ammoo ajjeechaan poolisootaa bara 2019 keessa dhibba keessaa harka 29n kan guddate yoo ta'u, erga bara 1960oota keessaatii as lokkoofsa guddaadha jedhameera.
Weerara Koronaavaayirasii hordofee ammoo haleellaawwan raawwataman akka dabalan dubbata daarektarri FBI kun.
"Lakkoofsi ijoollee ol-adeemoo yakkawwan gara jabinaa raawwatan guyyaa guyyaan dabalaa jira. Kun kan baay'ee nama yaaddessudha. Yeroo jiruun gara bakka duraan turetti deebiyuu jalqabutti daandiiwwan irratti haleellaawwan bal'inaan argaa jirra."
'The Fraternal Order of Police (FOP)' irraa odeeffannoo argameen bara 2022 keessa qofa miseensonni poolisii 17 itti dhukaafamee lubbuun isaanii darbeera.
Ji'a Amajjii darbellee miseensonni poolisii Niiw Yoork lama dhukaasa irratti banameen lubbuun isaanii darbuun ni yaadatama.















