Covid-19: Dubartiin guyyoota 20 keessatti marroo lama koronaan qabamte

Madda suuraa, GETTY IMAGES
Ogeettiin fayyaa Ispeen umuriin ganna 31 guyyoota 20 keessatti marroo lamaaf Koovidiin qabamte - nama yeroo gabaabaa keessatti vaayirasichi irra deebiin qabe taate.
Qorannoon gaggeeffame akka agarsiisutti, dubartiin kun gosoota vaayirasicha gosa garaa garaa lamaan qabamte. Mudde darbe gosa vaayirasichaa Deeltaa jedhamuun, Amajjii jalqaba bara kanaatti ammoo gosa Omikiroon jedhamuun qabamte.
Kuni namni duraan koovidiin qabame, yoo talaalamellee ammas irradeebiin vaayirasiichaan qabamuu akka danda'u agarsiisa jedhan qorattoonni.
UK keessatti vaayirasichaan deebi’anii qabamuuf guyyoot 90 guutuu qaba jedhamee ture.
Qondaaltonni eegumsa fayyaa akka himanitti, namoonni 900,000tti dhiyaatan ji’a Eblaarra kaasee amma yoonaatti vaayirasichaan marroo lammataaf qabamuu malu.
Lakkoofsi sirriin hangam akka ta’e beekuun garuu rakkisaadha, sababni isaammoo caaseffamni qaccee vaayirasichaa gosa gara garaa ta’e nama qabuu agarsiisa.
Dubartiin lammii Ispeen kun jalqaba vaayirasichaan qabamuun ishee wayita qorannoon mirkanaa’u mallattoon dhibichaa irratti hin mul’anne.
Taatullee torban sadii hin guutiin qufa’uu fi ho’i qaama ishee garmalee dabaluu isaatiin marroo lammataaf qoratamte.
Qorannoo sun wayita sirnaan caalaatti xiinxalamu, dubartiin sun gosa koronaavaayirasii adda addaaatiin qabamuu mul’ise.
Barreessituun qorannoo kanaa Dr Jemmaa Reesiyoo "Omikiroon madinummaa vaayirasiin qabamuun horatamu ykn talaalliiwwaniin horatamu jalaa akka miliquu danda’u kun ragaadha" jedhan.
Ogeettin kun akka jedhanitti, "namoonni kanaan dura Covid-19’n qabamanii vaayirasichaan deebi’ee hin qabamu jedhanii yaaduu hin qaban, yoo talaallii guutuu fudhatanillee" jedhan.
"Taatullee si’a lamaa gosa vaayirasii lamaan qabamuu fi talaallii fudhachuun, Omikirooniin qabamanii hedduu akka dhukkubbiin itti hin hammaannee fi hospitaala akka hin ciifne hanga tokko namarra ittisa" jedhan.
Dr Reesiyoon akka jedhanitti, namoota guutummaatti talaalaman irratti hordoffii barbaachisaa gaggeessuun, gosa vaayirasichaa talaallii jalaa miliqu adamsuu ykn barbaaduuf nama fayyada jedhaniiru.
Erga gosti vaayirasii Omikiroon jedhamu argame Mudde 2021 irraa kaasee lakkoofsi namoota koronaavaayirasiidhaan irra deebiin qabamanii saffisaan dabaleera.
Yeroo gosti biraa BA.2 jedhamu argames hanga tokko lakkoofsi namoota irra deebiin qabamanii dabaleera.














