Wallaansiifi ittisni Covid balfi addunyaa akkaan akka dabalu taasise jedhe WHO

Ogeeyyii fayyaa siriinjii gataa jiraan

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa (WHO) Wallaansiifi ittisni Covid balfi addunyaa akkaan dabalee naannoofi fayyaa namaatiif yaaddoo ta'eera jedhe.

Dhaabbatichi gabaasa Kibxata baaseen meeshaaleen wallaansaa akka lilmoo fayyaa namaarratti dhiibbaa geessisu, pilaastikoonni gataman ammoo sirna to'annoo balfaarratti muddama uumaniiruu jedhe.

Dhaabbatichi omishtootni qabee meeshaalee fayyaa omishan uumaman kan dafanii biyyoo ta'an fi naannoo hin faalle akka omisan gaafateera.

Sirna balfi sadarkaa addunyaatti dhabamsiifamu irratti rifoormiin akkaan barbaachisaadhas jedheera.

Meeshaaleen waldhaansaa amma balfa ta'anii yaaddoo uuman kan akka siriinjii, kafana of eeggannoo maaskii fuulaa fi meeshaalee qorannoo koronaati.

Daayireetarri yeroo balaa WHO Maayikil Riyaan ogeeyyii fayyaaf meeshaalee barbaachisoo PPE dhiyeessuu akkaan barbaachisaadha'' jedhanii, ''akkasumammoo fayyadamni isaas haala naannoo hin faalleen ta'uun mirkanaa'uu qaba'' jedhan.

Gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhimma balfa meeshaalee waldhaansaan walqabatee bahe kan fuula 71 qabu keessatti ji'oota jalqabaa Koronaan addunyaa mudate keessatti meeshaalee eeggannoo addunyaa maratti qoodaman biiliyona 1.5 amma balfa ta'aniiru jedheera. Kun ammoo hanga xiyyaarota gurguddaa 262,000 ulfaata jechuudha.

Meeshaalee waldhaansaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin barbaadaman keessaa gilaaviin naannoo faaluun adda dureedha jedhameera.

Qajeelfamni dhaabbatichaa mataan isaa ogeeyyiin fayyaa wayita dhukkubsattoota yaalan gilaavii akka hin barbaachifne gorsus weerarri Koronaa erga eegalee as garuu gilaavii keewwachuun baratameera.

Gabaasa dhaabbatichaa keessatti bu'aan qorannoo biraa waabeffatame akka ibsutti bara 2020 keessa qofa addunyaa irratti maaskiin takkaa qofa keewwataman guyyaa guyyaan biiliyoona 3.4 ta'an gatamaniiru.

Maaskiiwwan hedduun pilaastikarraa waan hojjetamaniif ballfi isaanii kun lafaa fi bishaan faala. keessumaa biyyoota hedduu hin guddanne keessatti sirni to'annoo balfaa gaariin waan hin jirreef miidhaan isaa ni dabala.

Bu'aan qorannoo WHO akka agarsiisutti biyyoota hiyyeeyyii keessatti dhaabbileen fayyaa walakkaa ol ta'an balfa meeshaalee waldhaansaa haala naga qabeessa ta'een dhabasiisuuf ni rakkaatu.

Talaalliin koronaa ka jalqabaa biiliyoona saddeet ta'an bifa siriinjiifi lilmoon balfa toonii 144,000 uumaniiru. Kunniin haala eeggannoon guutameen hin dhabamsiifamne taanaan rakkoo ogeeyyii fayyaarratti rakkoo fayyaa uumuu.

Kalaqni meeshaalee waldhaansaa gataman irra deebiin hojiirra oolchu jiraachuu akka qabu akeekeera dhaabbatichi. Akka fakkeenyaattis Awustiraaliyaa keessatti maaskiiwwan gataman daakuun ho'a guddaan erga baqsanii booda ijaarsa daandiif hojiirra oolchuun danda'amuu kaaheera.