Dubartoonni weerara koronaan booda ‘make up’ dibachuu hir’isaniiru-qorannoo

Madda suuraa, Getty Images
Chaarliin dhaabbata leenjii daldalaa keessaa hojjetti, ‘’dur aannan bituuf yoon suuqiitti baheyyuu meek-aappii otoo hin godhatiin nan argitu,’’jetti
Garuu erga weerarri kuni dhufee akka durii meek-aappii gochuutti hin rakkattu.
‘’Ijoollee lama waliin manatti danqameen ture, abbaan warraa koos nu faana hin turre. Meek-aappii otoo hin dibatiin gadi-bahee, oolee yeroon deebi’uu, namni gargalee na ilaalu akka hin jirren hubadhe,’’ jechuun ibsiti.
Weerarri kuni bareedina uumamaan qabutti akkan gammadu ofitti amanmummaa naa kenneera jetti. Chaarlii qofa immoo miti kana kan jedhu.
Oomishaalee miidhaginaa fayyadamuun bara 2020 durallee hir’isaa turullee, uggura weeraraan booda garuu, dhaabni haala gabaa qo’atu Kantar, dubartoota Biriitiish 10,000 irratti qo’annoo taasiseen garaagarummaa guddaatu jira jedhe.
Meekaappii bituufi oomishaalee miidhaginaa dibachuun waggoota lamaan darban keessatti akkaan hir’ise, lakkoofsaan yoo keenye tokko sadaffaadhaan jedha qo’annichi.
Waayilooti Chaarlii magaalaa Cheeshaayeer keessatti dhaabbata daldalaa ‘Rhino Safety’ jedhamuuf hojjetan yaada kanarratti waliigalu.
Hoggantuun dhaabbatichaa, Keet Wooltar qeensaafi nyaara ishee miidhagafachuuf qarshii darbaa akka baastu himtus, waan guyyaa guyyaatti gootu garuu akka hir’iste himte. ‘’Fuula kootti xiqqoo haxaawwadhee fi ija kootti kuula godheen qoaf waajira deema,’’ jetti.
‘’Yeroon waajira deemu nama dhukkubsate fakkaachuu hin barbaadu,’’ jechuunis qoosti.
Keet erga manaa hojjechuun jalqabamee waanti baayyee akka geeddarame himti.
‘’Maalan fakkaadha kan jedhurratti badaa yeroo dheeraa dabarsuun sin barbaachisu sababiinsaa walgahii fa’i irratti namni mudhii ol qofa si arga gatii taheef jechuu dha,’’ jetti.
‘’Waan uumamaa hunda gatanii akka haaraatti of midhagsuu maamillis tahe ani waan barbaannu miti,’’ jetti.
‘’Mana keetti barcuma kushinaa irra teessee meek-aappii dibattee akka dhiyaattu hin eegu ani,’’ jetti.
Bartee jijjiiramaa jiru
Akka qo’annoo Kantar agarsiisutti akka addunyaatti dubartoota 300,000 qo’annoo irratti geggeesse dabalatee, dubartoonni Biriitiish baasiifi bartee of miidhagsuu irratti dabarsan irratti jijjiiramni guddaan mul’ateera.
‘’Oomishtoonni dibatawwan miidhaginaa, kana booda qarshii keenya argachuuf hojii guddaatu isaan eeggata,’’jetti xiinxaltuun dhaabata qo’annoo Kantar, Maayaa Zawislaak.
Qo’annoon isaanii bara 2019 irraa qabee gurgurtaan meek-aappii harka 19’n hir’iseera. Weerarri koronaa waan gidduutti dhalatee dha jedhan.
Maayaan qaala’insi jireenyaas waan maamilooti bitan irratti dhibbaa taasisuu mala jetti.













