Lammiileen Naayijeeriyaa ‘viidiyoo saal-qunnamtii barattootaa’ qoodan hidhaa waggaa 14’n adabamu

Maxxanfame

Lammiileen Naayijeeriyaa suuraa ijoollee saal-qunnamtii waliin wal-qabatu qoduun balleessaa hidhaa waggaa 14’n adabsiisu akka tahe akeekkachiifaman. Kunis viidiyoon ijoolleen keessa jirtu bal’inaan erga qoodamee boodadha.

Gochaan kuni yeroo waraabame jedhametti barattoonni mana barumsaa beekamaa tokkoo wal-dorgommii taphootaa manneen barumsaa gidduutti adeemsifamuuf gara Dubaay imalaa turan.

Haati daa'ima ganna 10 mucaanshee gocha kanaratti akka hirmaattuuf dirqisiifamteettii jette.

Bulchiinsi naannoo Leegoos manni barumsichi akka cufamu gochuun, ‘’haleellaan saalaa’’ kun akka qoratamu taasiseera.

Viidiyoo miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifameen haati intalaa, barattoonni dhiiraa akka ishee dirqisiisan himuun, qondaaloti mana barumsaa garuu kana ni dhoksu jette.

‘Chrisland Schools’ Leegoos keessatti manneetii barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi lammaffaa baayyee kan bulchu yoo tahu, balleessaa tokkollee akka hin qabne himuun, itti gaafatamummaasaa sirnaan akka beekuufi gaaffii kamiifiyyuu banaa akka tahe ibse.

Akka manni barumsichi jedhutti yoo tahe, ijoolleen tapha ‘Truth or Dare’ jedhamu taphachaa turan. Barattoota 76 keessaa shantu tapha kanarratti hirmaachaa ture.

Manni barumsichi barattoota ‘naamuusaan ala’ tahanii turan maatiitti gabaasuu himuun, akka qajeelfama mana barumsaatti akeekkachisni kennameeraafi jedhe.

Haati intala ganna 10 jalqaba dubbiin akkas badaa tahuu hin barre ture, erga maatiin biroo waa’ee viidiyichaa itti himaniin boodadha kan hubatte. Ergasii viidyoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan qoodame.

Yeroo daa’imashee gaafattu, waan dhalate akka hin dubbanne akka jedhamte itti himti. ‘’Intalli koo callisaan du’aa turte, homaa hin dubbattu ture,’’ jette.

Amma cirumaa mana barumsaa irraa arii’amteetti jetti haati.

‘’Mana barumsicha falmuu yeroo jalqabnu, waan dhalate beekna jechuun, xalayaa arii’amuushee himu itti ergan,’’ jette.

Akka seera bulchiinsa Leegoositti, daa’imman gochaa saal-quunnamtii irratti bobbaasuun seeraan aladha. Qondaalotni intalli deeggarsa fayyaa fi xiinsammuu akka argattu hojjechaa akka turan himan.

Suuraafi viidiyoo saal-qunnamtii ijoolleen keessa jirtu kamiyyuu, ‘’qopheessuu, raabsuu, fudhachuu fi of biraa qabaachuun’’ hidhaa waggaa 14’n nama adabsiisa.