Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Artiistotni Naayijeeriyaa dhiibbaafi loogii saalaa industirii fiilmiifi muuziqaa keessaa saaxilaa jiru
Artiistotni Naayijeeriyaa waa'ee dhiibbaafi loogii saalaa hojiilee muuziqaafi fiilmii keessatti isaan mudate saaxil-baasaa jiru.
Duulli miidiyaa hawaasaa weellistuu beekkamtuu biyya Naayijeeriyaa Simi jedhamtuun eegalame artiistoota biyyattiifi dubartoota biroo ofitti dabalachaa jira.
Artiist Simi sirba dubartoota irratti xiyyeeffate dhiyeenya kana hojjette dhaggeeffattoota ishee biraan kan geesse yemmuu ta'u duulli miidiyaa hawaasummaarratti eegaltes dubartootni rakkoo loogii/ilaalchaa guyya guyyaan isaan mudatu keessatti qofaa isaanii akka hintaane akka beekaniif kan gargaaru ta'uu himte.
Duula miidiyaa hawaasummaa kana irratti dubartootni yaadawwan namootni dubartoota qeeqan haasa'an kan akka "isheen haadha waan taateef mana turuu qabdi. Sagaagaltuu waan taateef malee galgala bashanannaaf hin baatu turte, maalif hanga ammaatti hin heerumne?" kunneen jedhan dabalatee yaadawwan biroo suuraa isaanii barreessuun maxxansaa jiru.
Dubartootni baay'een 'Hashtag' Inistaagiraamaa #NobodyLikeWoman jedhuun dhiibaafi loogii iddoo hojiittifi jireenya dhuunfaa isaanii keessatti isaan mudate barreessaa jiru.
Aardii Afriikaa bira darbee beekkamtii waltajjiilee idil addunyaa kan qabdu artiist Simi, dhiibbaa indaastirii muuziqaa Naayijeeriyaa keessa erga seentee eegalee ishee qunname himti.
Wayita muuziqaa eegaltuttis hooggantootnishee yeroo baay'ee dhiiroliin, artiistittiin milkaa'ina yoo barbaadde hawwattuufi miira kan kakkaastu ta'uu akka qabdu itti himaa akka turan dubbatteerti.
"Beekkamtuu ta'uuf na waliin ciisi"
Taatoon fiilmii biyya Naayijeeriyaa maqaa Chigul jedhamuun beekkamtu isheenis rakkoo walfakkaataa keessa darbuusheefi rakkinichi aadaa hawaasichaa walin kan wal hidhate akka ta'e BBCtti himte.
Taatoon umurii waggaa 45 Chigul daa'imma kan hin godhanne yemmuu taatu gaafii 'yoom daa'ima godhatta' jedhu itti fufiinsaan gaafatamuu himti. Gaafiin irra deddeebiin gaafatamtu kunis dhimma xinsammuushee miidhe ta'uu dubbatteerti.
Chigul, muddannoo artiistootni oladeemoo bifa icciitiin itti himanis dubbatti.
Taatootni dubartootni oladeemoon gahee fiilmii keessaa argachuuf qopheessitoota fiilmii biraa gaafiin quunnamtii saalaa al tokko tokko sadarkaa dirqisiisuutiin walgitu akka dhiyaatuuf himteerti.
Dubartoota kunneen keessaa tokko tokko "koottu na waliin ciisiiti beekkamtuun si taasisa. Fiilmicha keessatti gahee kana akka qabattun si taasisa," jechuun daayrektaroota fiilmii biraa gaafiin quunnamtii saalaa akka dhiyaatuuf Chigul dubbatti.
Artiistotni Naayijeeriyaa dhiibbaafi loogii saalaa indaastiriiwwan muuziqaafi fiilmii biyyattii keessa jiru saaxilaa jiran Simi fi Chigul, namoota dubartoota irratti loogiifi miidhaa qaamaa raawwatan irratti adabbiin seeraa cimuu akka qabu kaasu.
Ragaan Mootummoota Gamtoomanitti dhaabbata dhimma dubartootaa 'UN Women' akka agarsiisutti Naayijeeriyaan seerota walqixxummaa koorniyaa mirkaneessu jedhaman keessaa dhibbeentaa 75 hojiirra oolchitee jirti.
Haa ta'u malee hojimaatni hojiirra oolmaa seerota kunneenii hordofuuf diriire daran xiqqaadha.
Dhimma amantaafi dhiibbaa dubartootarra gahu…
Dhiibbaa biyya Naayijeeriyaa keessatti dubartootarra gahuuf amantaan gahee akka qabu rogeettiin mirga dubartootaa biyyattii Sotoniyee Kelechi Niwuzii himti.
Isheenis seera baastotni Naayijeeriyaa seerota walqixxummaa saalaa mirkaneessan baasuu isaaniin dura dubdeebii seerichi hordoftoota amantaa garaagaraa biraa argachuu danda'u ilaalcha keessa akka galchan himti. Kunis rakkoo tokko ta'uu dubbatti.
"Al tokko tokko haleellaa abbaan warraa haadha warraasaa irratti raawwatuuf namootni kitaaba qulqulluu yeroo wabeeffatan mul'ata" jetti.
Kana malees angawootnifi poolisiin biyyattii haleellaa mana keessatti dubartoota irratti qaqqabuuf xiyyeeffannoo gahaa akka hin laanne falmituun mirga dubartootaa kun dubbatti.