Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Eyidan Asiliin: Maatii ilmi isaanii loltuu Yuukireen ta'e booji'amee TV Raashiyaa irratti argan
Maatiin nama lammii Biriitish loltuu Yuukireen ta'ee osoo lolarra jiruu booji'ame, suuraa isaa TV Raashiyaa irratti arganii "akka malee dhippachuu" himan.
Biriteen Nootiingihaamshaayar irraa kan ta'e dargaggeessi ganna 28 Eyidan Asiliin, osoo magaalaa Maariyupool irraa loltoota Raashiyaa loluu booji'ame.
Maatiin isaa ibsa baasaniin "olola Raashiyaa basaasaadha, maallaqaan kan nama ajjeesudha" jedhu kufaa godhaniiru.
Namni lammii Biriitish ta'e kun dabalataan lammummaa Yuukireenis kan qabu yoo ta'u, bara 2018 gara Yuukireen, Mikoolaav imaluun jaalallee isaa waliin achi jiraachaa ture. Yeroosuma humna waraanaa Yuukireenitti makame.
Ibsa maatiin baasaan miseensi paarlaamaa UK Roobart Jeeniriik tiwiitarii irratti baaseera.
'Dargaggeessa jaalatamaa'
Akka maatiin jedhanitti: "Eeyidan waraana keessaa bahee maal akka godhu karoorfataa ture, garuu jireenyi isaa akkuma lammilee Yuukireen kaanii weerara Puutiin jeeqame."
"Mirga ofii of bulchuu Yuukireen kabachiisuuf waan irraa eegamu bahateera."
Gareen loltootaa inni keessa ture erga booji'amee booda Eyidan TV Raashiyaa irratti mul'ate.
Qaamni isaa madaa'ee, dhidhita'ee arguutti "akka malee dhiphachuu" himan maatiin.
"Suuraa fi viidiyoo booji'amaa waraanaa agarsiisuun yakka waliigaltee Jebeevaa cabsu waan ta'eef dhaabbachuu qaba" jedhan maatiin.
"Eyidan dargaggeessa jaalatamaa hiriyoota hedduu fi jaalallee haadha warraa isaa ta'uuf jirtu qabudha" jedhan.
Raashiyaan ololaaf itti fayyadamaa jirti kan jedhan maatiin ministeera haajaa alaa qunnamuu beeksisaniiru.
Miseensa Paarlaamaa Roobart Jeeniriik waa'ee viidiyoo TV Raashiyaa irratti agarsiifamee MM UK Booriis Joonsaniif gaaffii dhiyeessee jira.
Akkaataa Eyidan TV irratti dhiyeeffame seeraan ala ta'uu fi waliigaltee Jeneevaa kan cabsu ta'uu kan hime Aab Roobart, MM Booriis Joonsan kanatti akka waliigalan gaafate.
Namni TV Raashiyaa irratti Eyidan gaaffi gaafataa ture yakka waraanaan himatamuu akka malus hime.
MM Booriis Joonsan yaada waahila isaanii kana dabarsanii dhageessisuu himaniiru.