Kooriyaan Kaabaa misaa'ela haaraa 'niwukilara fooyyeessan' dhukaasuun milkaa'uu himte

Maxxanfame

Kooriyaan Kaabaa yaalii meeshaa waraanaa haaraa humna niwukilaraa kiyya baayyee naaf cimsa jettuun milkaa'eera jette.

Suuraawwan akka agarsiisanitti gaggeessaan biyyattii Kiim Joong-un yeroo yaalii misaa'ela haaraa kana gaggeessanitti daawwachaa miira gammachuun harka walitti reebaa jira.

Kun Kooriyaan Kaabaa yeroo dhiyootti kuufama meeshaa waraanaa niwukilaraa yaaluuf karoorfachaa jiraachuuf mallattoodha jedhanii amanu ogeessonni.

Kooriyaan Kaabaa bara 2017 keessa niwukilara yaaluu dhaabdee turte.

Waggaa itti aanus bakka yaalii niwukilara itti gaggeessitu 'Pungge-ri jedhamutti boollawwan lafa jalaa dhimma kanaaf qophaa'an diigdee turte. Kana kan gootee turte ammoo tarkaanfii hariiroo dippilomaasii Kooriyaa Kibbaafi US waliin jalqabdee turteef jedhameera.

Haata'u malee, suurawwan yeroo dhiyoo as saatelaaytiirraa argaman akka agarsiisanitti, boollawwan niwukilaraa lafa jalaa diigamanii turan kanneen deebisuuf hojjetamaa jira.

"Meeshaan waraanaa qajeeltoo humna haaraan gaggeeffamu kun humna niwukilara bakka fagoo qaqqabu fuulleerra jiru akkaan cimsuudhaaf faayidaa kan qabuufi oppereeshinii milkaa'aa gaggeessuudhaafis daran gargaara," jechuun kan gabaase burqaa oduu mootummaa Kooriyaa Kaabaa KCNA.

Itti dabaluunis, Mr Kiim, "humna ittisaafi meeshaa waraanaa niwukilaraa biyyattii caalaa cimsuu irratti ajaja murteessaadha jedhamu kenneera," jechuun gabaaseera miidiyaan kun.

Humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa akka mirkaneeffatetti, misaa'eloonni lama - tarii gaggabaaboodha jedhaman Kaaba irraa gara galaanaatti Sanbata halkan dhukaafameera.

US ammoo dhimma kana ilaalchisee haala jiru hordofaa jiraachuu himteetti.

Ogeessonni akka himaa jiranitti, yeroo Kooriyaan Kaabaa yaalii itti gaggeessite kun shaakala humna waraanaa waloo US fi Kooriyaan Kibbaa Wixata irraa kaasanii guyyoota sagaliif gaggeessuuf jiran irratti mormii agarsiisuuf.

Kooriyaan Kaabaa shaakala waraanaa waloo kana qophii waraanaati jechuun yeroo baayyee ni balaaleffatti.

Yeroo biyyattiin niwukilara itti yaalte kun kabaja guyyaa dhalootaa hundeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim II-suung Jimaata dabre gaggeeffame waliinis walirra ooleera.

Ayyaana dhalootaa kana kabajuun torban sadii dursee ammoo, erga bara 2017 as yeroo jalqabaatiif Kooriyaan Kaabaa, balaastik misaa'elii ardii tokkoorraa gara biraatti qaxxaamuru (ICBM) yaalteetti.

Kooriyaan Kaabaa meeshaalee kanneen dhukaasuu akka hin yaalle kan dhorkamteettu yoo ta'u, yaaluusheetiif ammoo qoqqoobbiin cimaan irra kaa'ameera.

Haata'u malee, biyyattiin akka sagantaa gabbisa meeshaa waraanaatti yaaliiwwan misaa'elii idil-biroo gaggeessaa jirti.

Viidiyoo kanallee daawwadhaa: