Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Humnoonni Tigraay Affaar keessaa akka bahan Ameerikaan dhaamte
Humnoonni TPLF bakkeewwan Naannoo Affaar baatii Muddee eegalee cabsanii seenan keessaa bahuun barbaachisaa ta'uu Ministeerri Dhimma Alaa US beeksise.
Erga torban sadii dura labsiin dhukaasa dhaabuu mootummaafi humnoota TPLF gidduu waliigalamee gargaarsi namoomaa torban kana marsaa lammaffaaf Tigraay seeneera.
Kanas akka simattu Ameerikaan ibsa baasten beeksisteetti. Haa ta'u malee, gargaarsi kuni kana dura hamma guyyaatti galuu qaba jedhame gadidha.
Qaamoleen lola keessa jiran walitti bu'iinsa dhaabuun Tigraay keessa tajaajiloonni bu'uuraa akka eegalan barbaachisaa ta'uu mootummaan US himeera.
Gargaarsa konkolaataan gara Tigraay galchuun yeroo dheeraaf danqaa ture. Kanaaf, dhaabbileen gargaarsaa mootummaa himataa turan.
Mootummaan himannaa kana hin fudhatu. Humnoonni TPLF as ce'anii lafa Affaar qabachuun danqaa ta'uu mootummaan himataa ture. Jarri TPLF kana mormu.
Humnoonni TPLF as ce'uu isaaniin Naannoon Affaariis mufii ibsaa ture.
Mootummaan Itoophiyaa ammallee qaamoleen idila addunyaa TPLF bakkeewwan Naannoo Affaariifi Amaaraa qabate keessaa akka bahu dhiibbaa akka taasisu torban kana gaafateera.
Kunis, gargaarsi namoomaa mudaa malee ummata waraanaan miidhame bira akka dhaqqabuuf ta'u ibse.
Naannoon Affaaris humnoonni TPLF daangaa cabsanii seenanii aanota shan to'achuufi haleellaa raawwataniin lammiileen kuma dhibbaan lakkaa'aman buqqa'u ibsee ture.
Jalqaba torban kana TPLF Aanaa Affaar Erebtii jedhamtu keessaa bahu himee ture. Haa ta'u malee, bakkeewwan Naannoo Affaar hafan keessaa bahu isaa hin beekamne.
Murteen TPLF kuni kan dhagahame Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US gara Finfinnee qajeeluun isanii yeroo dhagahamettidha.
Gama kaaniin TPLF, bakkeewwan Lixa Tigraay humnoota Amaaraan qabamuu ibsuun akka gadhiisan himaa jira. Bakkeewwan kuni Naannoon Amaaraa kiyya jedha.
Ibsa Ministeera Dhimmi Alaa Ameerikaa gaafa Jimaataa baaseen barbaachisummaa humnoonni TPLF Affaar keessaa bahu ibseera.
''Humnoonni Tigraay Erebti keessaa bahuu ni simanna. Naannoo Affaar keessaa dabalanii bahuun barbaachisaa akka ta'e ibsuu barbaanna,'' jedheera.
Ulaan gargaarsaa ijoo konkolaataan Tigraay seenu Affaar keessa darba.
Ibsi Ameerikaa kuni ummata Tigraayiifi Affaariif tajaajiloonni bu'uuraa kanneen akka ibsaa, telekominikeeshiniifi baankii eegaluun murteessaa ta'uu eera.
Gargaarsi namoomaa danqaa hin qabneefi itti fufiinsa qabu kanneen deeggarsa fedhan bira akka gahu dhaabbileeniifi biyyoonni yeroo dheeraaf watwaataa jiru.
Lolli kuni waliigaltee mariirratti hundaa'en akka xumura argatu Gamtaa Afrikaa, Ameerikaafi kaan carraaquu itti fufaniiru.
Lolli waggaafi ji'a jaha dura Tigraayitti eegalee gama Affaariifi Amaaraatti babal'ate lammiilee kumaatama lubbuu dhabsiisuu amanama.
Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.