Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waraana Kaaba Itoophiyaa: Konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe'an 50 Maqalee qaqqaban - WFP
Konkolaattonni gargaarsa namoomaa fe'an 50 har'a magaalaa guddoo naannoo Tigraay, Maqalee akka qaqqaban dhaabbanni Sagantaa Nyaataa Addunyaa (WFP) beeksise.
WFP damee Itoophiyaa ergaa fuula Tiwiitara isaarratti baaseen akka ibsetti, konkolaataawwan 50 nagaan Maqalee qaqqaban kunneen meeshaaleen gargaarsaa barbaachisoofi boba'aa qabataniitu.
Haaluma kanaan qamadiifi akaakuuwwan boloqqee gara garaa meetirik toonii 1,000, meeshaalee fayyaafi qulqullinaa meetirik toonii 700 akkasumas boba'aa liitira 115,000 ta'u qaqqabeera.
Gargaarsi namoomaa kuni erga torban sadii dura mootummaafi finciltoonni Tigraay gargaarsa namoomaaf jecha waliigaltee lola dhaabuu labsan as gargaarsa marsaa lammataan seenaa jirudha.
Guyyaa Kibxataa Komishinarri Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Itoophiyaa Obbo Mitikkuu Kaasaa gargaarsa gara Tigraay geessuuf qophiirra jiraachuu miidiyaa biyyaalessaaf ibsanii turan.
Dabalataan, ''Tumsa aangawoota hundaa bira argameen hanga ammaa imalli nagaa qaba,'' jechuun hime.
Marsaa duraan torban lama dura konkolaattoni gargaarsa fe'an 21 fi konkolaataan boba'aa fe'e tokko Maqalee seenee ture. Gargaarsi yeroos seenees ji'a sadii booda kan duraadha.
Haa ta'u malee, erga waliigaltichaa deeggarsi gahaa seenaa hin jiru jechuun finciltoonni Tigraay komataa turani.
Mootummaanis dhorkaa kaa'e akka hin qabneefi dhiheessii dhaabbilee gargaarsaarratti hundaa'a jedhee ture.
Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) yeroos ulaan gargaarsa itti geessan wabii qabaachuu isaa qondaaltonni Affaar hanga wabii itti kennan eegaa akka jiru ibse.
Ummata Naannoo Tigraay lola yeroo dheeraaf tureen hubameef deeggarsa namoomaa geessuuf ulaan gargaarsaa akka banamu dhaabbileen gargaarsaa watwaataa turan.
Taatullee mootummaafi TPLF situ danqaa ta'e jechuun walhimataa turan.
Ameerikaa, Gamtaa Afrikaa dabalatee qaamoleen garagaraa lolli waggaa oliif ture karaa nagaan akka xumura argatu carraaquu itti fufaniiru.
Mootummaan torban sadii dura yeroo dhukaasa dhaabuu labse humnoonni TPLF bakkeewwan naannolee ollaa qabatan keessaa akka bahan gaafateera.
Torban kana humnoonni TPLF Naannoo Affaar keessa seenanii lafa qabatan keessaa Aanaa Erebtii keessaa bahuu isaanii ibsaniiru.
Murteen TPLF kuni kan dhagahame yeroo Gaanfa Afrikaatti Ergamaan Addaa US Ambaasaaddar Deevid Saatarfiildi Finfinneetti qajeeluun isaanii yeroo dhagahamettidha.
Haa ta'u malee, dhimma murtee TPLF kanarratti gama mootummaa federaalaas ta'e Naannoo Affaar wanti ifatti jedhame hin jiru.
TPLF bakkeewwan Affaar qabate hafan keessaa bahuun isaas hin beekamu. Kana dura qondaaltonni Affaar humnoonni TPLF aanota shan to'atuufi ummati kuma dhibbaan lakkaa'amu buqqa'uu ibsanii turan.
Deeggarsi namoomaa ummata Naannoo Tigraay sababa waraanaan hubameef konkolaataan imalu Naannoo Affaar keessa darba.
Naannoon Affaaris humnoonni TPLF naannichaa keessaa akka bahan gaafataa turuun ni yaadatama.
Lolli waggaafi ji'a jaha dura Tigraayitti eegalee gama Affaariifi Amaaraatti babal'ate lammiilee kumaatama lubbuu dhabsiisuu amanama.
Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.