Waa'ee waamicha gara biyyaa 'Iidii hanga Iidii' maal beekna?

Madda suuraa, Ethiopian Diaspora Agency
Mootummaan Itoophiyaa lammiilee fi dhalattoota Itoophiyaa biyyoota alaa jiraatan (diyaasporaa) miliyoona tokko gara biyyaa akka dhufaniif waamicha dhiyeessee ture. Ammammoo qaama sagantaa kanaa kan ta'e sagantaa 'Iidii hanga Iidii' jedhuun hordoftoota amantaa musliimaa simachuu eegaleera.
Sagantaa kana adda durummaan kan qixeessu Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa yoo ta'u, Tajaajila Diyaasporaa fi Jaarmiyaa Halaal Piromooshin akkasumas Waldaa Tola Ooltummaa Najaash dabalatee jaarmiyaalee hedduun haala mijeessuun ni hirmaatu.
Naannolee fi bulchiinsonni magaalaa biyyattiis akkaataa sagantaa qabameen tumsa ni taasisu.
Sagantaan 'Iidii hanga Iidii' kun Iida hiikaa sooma Ramadaanaa hanga Iida Arafaatti kan gaggeeffamuudha kan jedhan Dubbi Himaan Tajaajila Daayaasporaa Itoophiyaa Obbo Wondiwasan Girmaa, ''waamicha marsaa duraatiin diyaaspooraan 120,000 caalan argamanii turan, ammas lakkoofsa kanaa gadi hin eegnu,'' jedhan.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa sagantaa kanaan walqabsiisuun gatii imalaa dhibbeentaa 20n hir'iseera.
Sagantaan 'Iidii hanga Iidii' kun marsaa lamaan kan gaggeeffamu yoo ta'u, inni jalqabaa Iida hiikaa sooma Ramadaanaa fi inni lammaffaan ammoo Iida Arafaa irratti kan gaggeeffamuudha.
Marsaan duraa Ebla 11 hanga Caamsaa 11 yoo ta'u, marsaan itti aanu Waxabajjii walakkaarraa kaasee hanga Adoolessa jalqabaatti tura.
Tajaajilli Diyaasporaa Itoophiyaa sagantaa kanaan dhimmoota raawwataman karaa miidiyaa hawaasummaasaa ibseera.
Obbo Wondiwasan taatee jalqabarratti raawwatamu kan ta'e 'sagantaan simannaa Ebla 11-Caamsaa 11 turu' jalqabamuu ibsanii, itti aansuun ammoo gaafa Ebla 27, 2022 Addababayii Michoominaatti ni gaggeeffama jedhan.
Akkaataa sagantaa ba'een Ebla 29 Sagantaan Ifxaaraa guddaan daandiirraa ni gaggeeffama, diyaasporaan biyya gale waan qabatee dhufe-kennaa naannolee fi Finfinneetti erga kennee booda Caamsaa 2 Salaata Iidii Isteediyemiitti ni salaatu.
Isa booda daawwannaan kutaalee biyyattii garaagaraatti kan gaggeeffamu oggaa ta'u, keessattuu kutaalee hongeen miidhaman daawwachuuf dursi kennama jedhan Obbo Wondwasan.
Akka Obbo Wondwasan jedhanitti kaayyoo gooroon sagantaa kanaa waa afur: ''Dhiibbaa gama maraan Itoophiyaarratti uumamee ture irraa salphisuu, diinagdee sababa Covid-19 laafee ture dandamachiisuu, adeemsa siyaasaa biyyattii fooyyessuu keessatti qooda gumaachuu fi bakkeewwan sababoota garaagaraan uumanni miidhamee jiru deemuun deeggarsa gochuudha,'' jedhan.

Madda suuraa, Anadolu Agency
Sagantaa 'Iidii hanga Iidii' jedhu kanaan adda durummaan kan affeeraman hordoftoota amantii Islaamaa ta'anis, diyaasporaan marsaa jalqabaarratti dhufuuf carraa hin argatin carraa kanaan dhufuu danda'a jedhan Obbo Wondwasan.
''Itoophiyaan biyya sabaa fi sab-lammoonni amantii garaagaraa hordofan waldanda'uun waliin jiraatan, biyyoota jalqaba amantii Islaamaa fudhatan keessaa tokko ta'uushee mul'isuuf. Itoophiyaan biyya jalqaba hijraan itti gaggeeffame ta'uu mul'isuufi. Kana addunyaaf ibsuu barbaanna.
Dabalataan lammiileen biyyoota ollaa fi baha giddugaleessaa akka dhufanii waa'ee Itoophiyaa hubatan feena,'' jechuun kaayyoo sagantichaa dubbatu.
Waamicha diyaasporaa marsaa jalqabaarratti naannoo Amaaraa Laalibalaatti Ayyaanni Qillee, Gondaritti ammoo Ayyaanni Cuuphaa kabajamee ture, ammammoo 'Shawwaaliin' Hararitti kabajuuf karoorri qabameera jedhan Obbo Wondwasan.
Diyaaspooraa gara biyyaatti affeeruun biyyoota hedduu keessatti kan raawwatamu yoo ta'u, kaayyoonsaas ijaarsa biyyasaanii keessatti qooda akka gumaachaniifi.
''Guyyoota 20 dura muuxannoo Naayijeeriyaa fi Gaanaa arginee turre. Sagantaa 'Year of Return' jedhamu qabu. Diyaasporaa isaanii sochii siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa keessati hirmaachisuun biyyasaanii jabeessu. Nutis isaanirraa muuxannoo fudhannee bara kana eeggalleerra, haaluma kanaan itti fufna'' jedhan Obbo Wondwasan.
Waamichi diyaasporaaf taasifamu kun Itoophiyaa keessatti dhuma bara 2021 eegale.
Ministirri Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Muddee 2, 2021 lammiileen Itoophiyaa biyyoota alaa jiraaatan duula 'Imala gara biyyaa' jedhuun gara Itoophiyaa akka dhufaniif waamicha taasisanii ture.
Waaamichi kunis diyaaspooraa miiliyoona tokko biyyatti fiduu kan kaayyefate yoo ta'u, ALI Muddee 29, 2014 Itoophiyaatti wal haa agarru jechuun waamicha taasisan.
Qaama waamicha kanaa kan ta'e Sagantaa 'Iidii hanga Iidii' ammoo yaa'ii paarlaamaa biyyattii gaafa Guraandhala 22, 2022 gaggeeffamerratti ibsan.
Itoophiyaan biyya jalqaba hijraan itti gaggeeffamee fi toora biyyoota jalqaba amantii Islaamaa fudhataniiti kan jedhan MM Abiy, ''Iidi Ramadaanaa guddichi Itoophiyaatti ni gaggeeffama. Lammiileen Itoophiyaa biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiran dhufanii ni hirmaatu jedhamee eegama,'' jedhanii turan.
Lammiileen Itoophiyaa miiliyoona lamaa ol ta'an biyyoota alaa akka jiraatan amanama.

















