Puutin Raashiyaan Yukireen weeraruun 'galmaa bareeda' qaba jedhan

Pireezidant Vilaadmiir Putiin

Madda suuraa, Getty ImagesP

Maxxanfame

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin hogganaa Beelaruus Aleeksaandar Lukasheenkoo wajjiin ta’uun akka jedhanitti, Yukireen waliin walitti bu’uun ''waan hin hafne ture,'' jedhan.

Aab Puutin hawaasa Afaan Raashiyaa dubbatan kanneen Yukireen naannoo Donbaas jiraataan eeguuf Yuukireen weraruu malee filannoo biraa hin arganne jedhan.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii akka ibsetti, namoonni miliyoona 10 erga Yukireen weeraramtee asitti qe’eesaaniirra baqataniiru.

Taatullee Puutiin ganna 61ffaa Yurii Gaagariin yeroo jalqabaaf nama hawaa keessa ol bahe ta’e wayita yaadatamutti hawaasatti mul’achuudhaan, humnoonni isaanii hawaasa ''cunqurfamoodha'' jedhaniin kanneen Yukireen naannoo finciltootaan to’ataman keessa jiraatan akka gargaaran dubbatan.

''Gama tokkoon isaan gargaarree baraarra, gama biraatiin tarkaanfii nageenya Raashiyaa mirkaneessaan fudhanna,'' jedhan maanguddoon ganna 69 Puutin.

‘''Weeraruurra kan darbe filannoo biraa hin qabnu. Innis murtoo sirriiidha,'' jechuun itti dabalanii ''galmii isaa ifaafi bareeda,'' jedhan.

Kireemiliin, Yukireen duguggaa sanyii hawaasa Afaan Raashiyaa dubbatan irratti raawwatte jedha, taatullee ragaan qabatamaan kana mirkaneessu hin argamne.

Namoonni miliyoona 10 ol Yukireen keessaa baqachuuf dirqamuun, dinagdeen Raashiyaammoo qoqqobbii biyyoota Lixaatiin akka jabduu haleelameera.

Haata’u malee Pirezedantiin Raashiyaa akka jedhanitti biyyisaanii ''moggaatti dhiibamuu hin barbaaddu, addunyaa amma keessa jiraannu keessatti biyya guddoo akka Raashiyaa moggaatti baasuun hin danda’amu'' jedhanii falman.

Puutin Baha Mooskootti kan argamtu fi km 5550 magaalicharraa kan fagaatttu Voostoochini Kosmodiromirra wayita dubbatanitti, Raashiyaan moggaattii baafamuu ilaalchisuun wayita dubbatanitti Sooviyeetiin sagantaa qorannoo hawaarratti milkaa’ina gonfatte kan bara waraana hololaa Yurii Gaagariin milka’iina gonfateen walbira qabanii dubbatan.

Hogganaa Beelaruus Aleeksaandar Lukasheenkoon dhiibbaa qoqqobbiin dinagdee qabu fudhatama dhabsiisan.

Torban darbe mootummaan UK akka raagetti Raashiyaan erga Gamtaa Sooviyeet duraanii diigamtee asitti kufaatii dinagdeetti deemaa jirti.