Ugguramanii kan turan xiyyaaronni Boeing 737 Max qilleensa Itoophiyaarra akka balali'an eeyyamameef

Maxxanfame

Balaa xiyyaaraa waggaa sadi dura mudate booda balaliinsarraa ugguramanii kan turan xiyyaaronni Boeing 737 Max, daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessa balali'uu akka danda'an eeyyamamuufii Abbaan Taayitaa Siivil Aviyeeshinii Itoophiyaa ibse.

Akka ibsa abbaa taayitichaatti xiyyaaronni kunneen guyyaa kaleessaa, Ebla 11, 2022 irraa eegaluun daangaa qilleensaa Itoophiyaa keessa balali'uu danda'u.

Xiyyaarri Boeing 737 Max lakkoofsi balaliinsaa isaa ET-302 ta'e kufee caccabuun lubbuu imaltoota 157 fi hojjettoota xiyyaarichaa galaafachuu hordofeeti xiyyaarri kun qilleensarraa ugguramee kan ture.

Balaa xiyyaaraa ALI Bitootessa 1, 2011 mudate kana booda, hanga qaama xiyyaara Boeing 737 Max irratti fooyya'iinsi taasifamutti gosti xiyyaara kanaa daangaasaa keessa akka hin balaliine abbaan taayitichaa ugguree ture.

Akka abbaan taayitaa kun jedhutti, Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa madda rakkoo adda baasuun, qajeeltoowwan balaa akkanaa hambisu jedhu waan diriirseef, qajeeltoowwan kunneen sirnaan hojiirra oolchuun xiyyaarota kunneen gara hojiitti deebisuun ni danda'ama yaada jedhuun eeyyameef.

Fooyya'iinsa dizaayinii xiyyaarichaa irratti taasifamee fi qajeeltoowwan balaliinsaa fi leenjiiwwan kennamuu qaban sirriitti erga mirkaneessee booda tarkaanfii kana murteessuus ibse.

Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa qajeeltoowwan ba'an hojiitti hiikuusaa erga hubatee booda murtee kanarra ga'uus himeera abbaan taayitaa kun.

Boeing bara kana ji'a Sadaasaa keessa maatiiwwan namoota balaa xiyyaaraan miidhaman waliin waliiglateerra ga'uu ibsee ture.

Akkaataa waliigaltee kanaan kubbaaniyyaan oomisha xiyyaaraa Ameerikaa kun lubbuu namootaa gaaga'ameef guutummaatti itti gaafatamummaa kan fudhate yoo ta'u, namoonni maatiin jalaa miidhaman dhimmicha mana murtiin ga'uun adabsiisuu akka dhiisan deebii kenneen ibseera.

Lammiileen miidhaman Ameerikaan ala yoo ta'anis, fakkeenyaaf Itoophiyaa fi Keeniyaa irraa yoo ta'anis, dhimmisaanii manuma murtii Ameerikaatti ilaalamuun beenyaan akka kaffalamuufis waliigalameera.

Xiyaarri kun Indoneeshiyaattis kufee caccabuun lubbuu imaltoota 189 fi hojjettoota xiyyaarichaa galaafatee ture.

Balaawwan kunneen hordofee gara jalqabaa Boeing rakkoon dandeettii paayileetotaati jechuun ofirraa qabaa turus, bara kana garuu ittigaafatamummaa fudhachuunsaa tarkaanfii guddaadha jedhameera.

Xiyyaarri Boeing 737 Max kan addunyaarratti gurguramuun sadarkaa olaanaa qabuu fi gabaa to'atee ture ji'oota shan gidduutti balaa hamaa lama geessisuun addunyaa mara rifaasise.