US gabaasa 'haleellaa dhalattoota Tigraayirratti' raawwate jedhame hordofee 'yaaddoo' ibsite

Maxxanfame

Mootummaan Ameerikaa ''haleellaa sabarratti xiyyeeffate'' fi dhalattoota Tigraay Lixa Tigraay jiraatanirratti humnoota Amaaraan raawwatan jedhame hordofee ''yaaddoo'' ibsate.

Roobii darbe dhaabbileen mirga namoomaa, Humaan Raayitis Waachiifi Aminastii Intarnaashinaal, gabaasa waloo baasaniin dhalattoota Tigraayirratti ''saba dhabamsiisuun'' raawwataa jira jechuun ibsani.

Himannaa kana bulchitoonni Naannoo Amaaraa kuffisaniiru.

Bakki dhalattoonni Tigraay haleellaan irratti raawwate jedhame Lixa Tigraay kan ummati Amaaraa Walqaayitiifi Xagadee jechuun waamuufi kana dura bara TPLF aangoo kore na duraa fudhate malee kiyya jedhuttidha.

Waraana Kaaba Itoophiyaatti waggaafi ji'a jaha dura eegale booda garuu bakkee kana humnoonni Amaaraa to'ataniiru.

Himannaan gabaasa dhaabbilee mirga namoomaa ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa jumlaa, akkasumas achi buutee dhabamsiisuu dabalata.

Gareeleen kuni gabaasa isaanii keessatti mootummaan federaalaa badii raawwate keessa hirmaatuu hin oolle jechuun ibse.

Mootummaan federaalaa gabaasicha booda ibsa baasen gabaasi dhaabbilee kanaa ''bu'aa hin buusu'', jedhe garummoo himannaa dhihaate ''cimseen qoradha'' jechuun ibse.

Ibsa gaafa Jimaataa Ministeerri Dhimma Alaa baasen dhalattoonni dabalataa biroo Lixa Tigraayitti hidhaman jedhe akka hiikaman gaafate.

Qorattoonni alaallee akka seenanii ilaalan eeyyamni akka taasifamuufi gaafate.

Torban lama dura mootummaan federaalaafi finciltoonni Tigraay gargaarsa namoomaaf jecha lola dhaabaniiru.

Waliigaltee kana akka fudhattu kan ibsite Ameerikaan, lola waggaa oliif ture dubbiidhaan akka hiikan gaafatte.

Eega waliigaltee kanaa lolli dhaabatuun ibsamuus, gargaarsa gara Tigraay adeemuufi danqame irratti wal himataa jiru.

Finciltoonni Tigraay gargaarsi namoomaa gahaa ta'e naannoo ummati miiliyoonaan lakkaa'amuufi deeggarsa eegu bira gahaa hin jiru jechuun komatanii turan.

Dubbii himaan mootummaa federaalaa Dr Laggasaa Tulluu BBC'f deebii kennaniin sochii konkolaataa gargaarsa gara Tigraay geessurratti dhorkaan ka'ame hin jiru jedhaniiru.

Deeggarsi Tigraay seenu ''dhiheessi dhaabbilee gargaarsaarratti hundaa'a,'' jechuun BBC'tti himan.

Dhimma kana kan gaafatame qaami UN, Sagantaan Nyaataa Addunyaa (WFP) qondaaltonni Affaar gargaarsa geessuuf haalli mijataa jiraachuu isaa yoo mirkaneessan akka geessu himuun ni yaadatama.

Qorannichi maal jedhe?

Humnoonni naannoo Amaaraa hirmaannaa Raayyaa Ittisaa dabalatanii dhalattoota Tigraay kumoota hedduun lakkaawwaman tooftaan qe'ee isaaniirraa godaansisaniiru jechuun himata.

Dabalataan, seeraan ala ajjeesaniiru, haleellaa saalaa irraan gahaniiru, jumlaan hidhaniiru, deeggarsa namoomaas dhorkaniiru jedha gabaasichi.

Godinni kun ejensiiwwan gargaarsaaf banaa ta'ee warreen jumlaan hidhamaniis gadhiifamanii haqni amansiisaan akka kennamu dhaabbileen lamaan gaafataniiru.

Qaamoleen nageenyaa naannoo Amaaraa fi michootni isaanii daboon gudeeduu, jecha afaaniifi reebichaan miidhaa qaqqabsiisuu, butuu, fi salqunnamtiif gabroofachuun himatamaniiru.

Akkasumas, ''humni idila addunyaa nagaa tiksu kan Gamtaa Afrikaan hoogganamu Lixa Tigraayitti bobbaafamee ummata hunda miidhama irraa eeguu qaba'' jedhaniiru hoogganaan HRW Keneez Root.

Maanguddoon ganna 63 dargaggeeyyiin mana isaanii yeroo mancaasan ijaan argan, isaan keessaa inni tokko ''kun lafa keessan miti. Asitti kan kooti wanni jettan hin jiru'' ittiin jechuu himataniiru.

Lolli waggaa dura Tigraayitti eegale kumaatama lubbuu yoo dhabsiisu miiliyoonaan kan lakkaa'aman immoo qe'eerraa buqqaaseera.

Akka UN'tti sababa waraana kanaan Tigraay, Affaariifi Amaaraati lammiileen miiliyoona 10'tti siqan deeggarsa nyaataa barbaadu.