Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qorattoonni tekinooloojii gogaa dubartii waggaa 53 kan shamarree waggaa 23 fakkeessu hojjetan
Qorattoonni Yuunivarsitii Kaambiriij teeknolojii gogaa dubartii waggaa 53 waggaa 30n duubatti deebisuun shamarree waggaa 23 fakkeessu hojjetan.
Akka qorattoonni kunneen jedhanitti teeknolojii umrii namaa boodatti deebisu kana qaamolee keessoo dhala namaa ittiin haaressuufis dhimma itti ba'uun ni danda'ama.
Kaayyoo gooroon teeknooloojii kanaa dhibeewwan umriin deemuun walqabatee dhufan kanneen akka dhibee shukkaaraa, onnee fi rakkoolee narvii namaa mudataniif furmaata barbaaduuf ture.
Teeknooloojiin amma gogaa dulloomaa dargaggeessa yookiin shamarree fakkeessu kun kan waggaa 25 dura hoolaa Doolii jedhamtu fakkeessee hojjeteedha.
Yuunivarsitii Kaambiriijitti dursaan garee qorattoota Inistitiyuutii Baabiraahaam Pirofeesar Woolfi Riik, teeknooloojiin kun namootni wayita jaaran osoo dhibeen isaan hin argatin nagaa ta'anii akka yeroo dheeraa jiraataniif gargaara jechuun BBCtti himan.
''Dhimma kanarratti yeroo dheeraaf dhiphataa, karoorsaa turre. Akkuma umriin namaa deemuun dhibeen ni heddummaata, ni hammaatas. Maarree namoota dhiphina kana keessaa baasuun baayyee nama gammachiisa,'' jedhan.
Haata'u malee, qorannoon kun jalqabbiirra kan jiruu fi hojiitti hiikamuuf yeroo dheeraa kan gaafatuudha jedhan.
Argannoon kun gulantaa shaakallii keessa darbee gara kilinikaa seenuu dura bu'aa ba'ii hedduu keessa darbuutu irraa eegama jedhan qorataa gameessi kun.
Garuu ammatti umrii gogaa namaa hir'isee argamuunsaa milkaa'ina guddaadha jedhan Piroofesar Woolfi Riik.
Gogaa namaa dulloomee suntuure kan dargaggootti deebisuurratti argannoon argatame kun qorannoowwan bara 1990'oota keessa qorataman keessaa kan fudhatameedha.
Yeroo sanatti qorattoonni Edinbiraa seelii gogaa fudhachuun gara micireetti erga geeddaranii booda hoolaa Doolii jedhanii waaman uumanii turan.
Yeroo sanatti qorattoonni laaboraatooriitti qaama dulloome haaromsuun hoolaa yookiin ammoo nama dargaggeessa yookiin dargaggeettii ta'e/ taate uumuuf hin turre.
Seelii dhala namaaf ta'u ''Embryotic Stem'' jedhamu hojjechuuf turan. Seelii kanammoo kutaalee qaama keenya dullooman haaromsuuf itti jijjiiruuf fayyadamna.
Akkaataan Dooliin itti uumamatee suduudaan fooyya'aa dhufeera.
Kanarraa ka'uun gareen Pirofeesar Woolfi Riik teeknooloojii isa dhumaa fayyadamuun nama umrii waggaa 53 qabu nama waggaa 23 fakkeessaniiru.
"Gogaan yeroo jalqabaaf qorannoo irratti gaggeessine waggaa soddomaan duubatti deebi'e dargaggeessa yookiin dargaggeettii ta'uusaa wayita barru gammachuu kiyya to'achuun dadhabe,'' jedhan pirofeesar Riik.
Bu'aa qorannoo kanaa ammatti hojiirra oolchuun kan hin taaneef, haala amma jiruun yoo hojiitti hiikame carraan dhibee kaansariin qabamuu namaa dabaluu waan danda'uufi.
Haata'u malee, gogaa suntuuree haala kanaan bareechanii dargaggoo gochuun akka danda'amu erga baramee dhiibbaa cinaa inni qabu adda baasanii qolachuun nama hin dhibu.
"Kaayyoon keenya akka umriin namootaa hir'isu gochuu miti. Umriisaanii hafte jiruu nagaa fi gammachuu akka jiraatan gochuudha malee.
''Namoonni nagaa ta'anii dulloomuu danda'u,'' jedhan pirofeesar Woolfi Riik.