Ibidda Hargeessaa: Ibiddi lafa gabaa magaalaa guddoo Somaaliilaandi barbadeesse

Gabaa Hargeessatti ibiddaan manca'e

Madda suuraa, AFP

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Balaa ibiddaa gidduugala gabaa Hargessaatti qaqqabeen qabeenyi doolaara biiliyoona tokko ta'u manca'eera jedhame.

Magaalaa guddoo biyya ofiin birmadummaa ishee labsite Somaalilaand Hargeessaa gabaa guddicha keessatti balaan ibiddaa Jimaata darbe mudateen qabeenyi doolaara biiliyoona tokko ta'u manca'uu komishiniin buulchiinsa naannichaan hundaa'e ibseera.

Balaa ibiddaan akkaa ol guddaa ture kanaan lubbuu namaa darbe akka hin jirre gaaafamee, ammallee maddi ibidda kanaa maal akka ta'e adda hin baane.

Daldalli gidduugala Waheen magaalaa Hargeessaa kun bu'uura jireenyaa daldaltoota xixiqqaa hanga guddaa kumootaan lakkaawamanii ture.

Gidduugalli gabaa kun Gaanfa Afrikaatti guddinaan isa sadaffaadha jedhamee kan tilmaamamu yeroo ta'u, lammiileen Itoophiyaa, Jabuutiifi Somaaliyaas irraa fayyadamu.

Ministira Muummee UK dabalatee hawaasni idila addunyaa yaaliiwwan gidduugala gabaa guddicha kana deebisanii bayyanachiisuu akka deeggaran himaniiru.

Ministirri Muummee Somaaliyaa Mohaammed Huseen Rooblee mootummaan isaanii bajata yeroo balaa doolaara miiliyoona 11.7 akka gadhiisan himaniiru.

Somaaliilaand waggaa 30 kana kufaatii bulchiinsa Sa'iid Baarree hordofeeti kan walabummaa ishee labsite. Taatus hanga ammaa akka biyya walabaatti beekamtii idila addunyaa hin arganne.

Presentational white space

Jiraattonni magaalaa guddoo Somaaliilaand -Hargeessaa ibidda alkan keessa lafa gabaa guddaa barbadeesseen irriibaa kaafaman.

Ibiddi bakka daldalaa waliitti baayyatee ijaarame keessatti suuqiiwwan dhiibbaan lakkaa'aman barbadeesse.

Bakkeen amma ibiddaan barbadaa'ee kanattis suuqiiwwan kuma lamaa ol ta'an kan argaman ta'uutu himame.

Manneen baayyee waliitti maxxananii waan jiraamaniif hojjattoonni balaa ibiddaa ibiddicha dhaamsuuf karaa seenanii argachuuf baayyee rakkachuutu himame.

Haata'u malee miidhaa namoota 28 irra gaheen alatti badiin lubbuu qaqqabe hin ture.

Balaan ibiddaa kun magaalaa uummanni miiliyoona 1.2 keessa jiraatuuf miidhaa olaanaa yoo ta'u, Magaalaa Hargeessaas magaalaa guddoo Riippablika Somaaleelaandii kan beekkamtiin hin arganneeti.

Balaan ibiddaa jalqaba guyyaa Jimaataa naannoo sa'aatii 2 ykn 17:GM eegalee kunis hanga Sambata bariitti to'atamu hin danda'amne ture, akka gabaasa eejansii oduu Efe jedhamuutti.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

"Magaalaa tana balaa akkanaa takkaa mudatee hin beeku,'' jedhan kantiibaan magaalatii Abdikaariim Ahimad Mogee wayita gaazexessitootatti himan.

''Eddoon kunis jidduugala diinagdee Hargeessaati. Hojjattoonni balaa ibiddaa to'achuuf kan danda'amuuf hunda gochaa turan illeen garuu bakki gabaa kun barbadaa'eera,'' jedhan kantibichi.

Balaa ibiddaa kana irratti yaada kan kennan, Ministirri Mummee UK Booriis Joonsan ergaa karaa toora tiiwitara isaanitiin dabarsaniin, ''Balaa akkanaa kana arguu kootti baayyeen gaddee... balaan akka kanaa lafa gabaa banaa kan jidduugala diinagdee magaalatiitti qaqqabee kana yoon argu baayyeen gaddee,'' jechuun gabaafameera.

''Magaalaan keessan deebiite ni kaati. UKnis yaalii deebisan ijaaruu Somaaliilaandi taasiftu deeggaruuf kan danda'amu ni taasifti,'' jedhan itti dabalun.

Bakka gabaa kanaatti kanneen daldalan keessaa tokko kan ta'an Baashii Arii madda oduu AFP'tti akka himaniitti, jidduugala gabaa kana keessaa daldalawwan hedduu qabu ture. Haata'u malee amma hundii gara daaraatti geeddarameera.

''Balaa kanarraa wanti barachu qabnus, lafa gabaa sirriitti karoorsuun wayita balaan akka kanaa qaqqabutti haala itti to'atamu danda'amuun mijeessuudha,'' jedhan.

Balaa ibiddaa sana booda Ebla 2, 2022

Madda suuraa, Fahad Karie

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa erga balaa raawwateen booda kaafaman keessaa- gaazexessaa Faahaad Kaarietiin maxxanfame
Balaadhaab booda Ebla 2, 2022

Madda suuraa, Fahad Karie

Ibsa waa'ee suuraa, Bakkeen gabaa sunis suuqiiwwan gara 2,000 ta'aniitti keessatti argama ture
Erga ibiddichi badeen booda Ebla 2, 2022

Madda suuraa, Fahad Karie

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltoonni akka jedhaniitti ibiddi guyyaa Jimaataa bakka gabaatti ka'e kun Sambata galgala keessa to'atamu danda'ame