Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qaamoleen Yamanitti walwaraanaa jiran ji'oota lamaaf 'waraana dhaabuuf waliigalan' - UN
Yamanitti qaamoleen walwaraanaa jiran ji'oota lamaaf dhukaasa dhaabuuf waliigaluu UN hime.
Erga waraanni biyyattiitti 2016 keessa eegalee kaasee dhukaasa dhaabuu akka biyyaalessaatti waliigalamedha.
Akka tilmaama UNtti lola kanaan lubbuun namoota 400,000tti siqu badeera. Kanneen keessaa %60 kan tahan: beela, hanqina yaala fayyaafi bishaan qulqulluu dhabuun du'an.
Waliigalteen waltahinsa Saa'udiin deeggaramuufi finciltoota Huutii Iraaniin deeggaraman gidduutti kan taasifame oggaa tahu, gaafa Sambataa sa'aatii 16:00 GMT irraa eegalee hojiirra oola jedhameera.
Yoo qaamoleen lamaan waliigalan ji'a lamarraas dheerachuu danda'a jedhameera.
Guyyaan Sambataa guyyaa jalqabaa baatii qulqulluu Ramadaanaa bara kanaati.
Pireezidantiin Ameerika Joo Baayidan, waliigaltee jaarsummaa UN taasiseen milkaa'e kana jajanii, boqonnaa lammiileen Yaman yeroo dheeraaf eegaa turanidha jedhan.
Dabaluunis: ''Kunneen tarkaanfii barbaachisoo tahanus, gahaa miti. Dhukaasa dhaabuun kabajamuu qaba. Akkuman amma dura jedhe waraana kanatti xumura gochuun akkaan murteessaadha,'' jedhan.
Oduu dhukaasa dhaabuu kana gaafa Jimaataa kan himan ergamaa addaa UN kan tahan Hans Grundberg wayita tahan, kunis marii guyyoota lamaan Riyaad, Saawudii Arabiyaatti taa'amaa tureen booda.
''Qaamoleen [gam lamaa] haleellaa gama qilleensaa, lafoo fi bishaanirraan, daangaa Yaman keessatti taasisan dhaabuuf waliigalan,'' jedha ibsi anga'aan kun baasan.
Dooniiwwan boba'aa fe'an buufata galaanaa finciltootaan to'annoo jala jirtu al-Hudaydah akka gahan ni heeyyamamaaf. Akkasumallee balalliin xiyyaaraa namoota deddeebisan, magaalaa Sana'aa irraa akka deddeebi'anis ni taasifamu jedha ibsi bahe.
Akkasumas daandiin gara magaalaa kibba-lixaatti marfamtee jirtu Taiz jedhamtutti geessanis banaa akka ta'an ergamaa addaan UN kun himan.
Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterezh, gareeleen walwaraanan hundi waliigaltee kana dafanii hojiirra akka oolchan dhaaman.
Waltahinsi Sa'udiin durfamuufi mootummaa Yaman deeggaru, garee warra Houthi jedhaman wajjiin ganna torban dabraniif lolaa jiru. Garri caalu haleellaa qilleensarraa taasisuun.
Gareen Huutii ammoo gamasaaniin diroonotaa fi misaayela fayyadamuun Sa'udii Arabiyaa fi michuushee Yunaayitid Arab Emireetis-UAE haleelu.