Waraana Yukireen: Loltoonni Raashiyaa Chernoobil 'gadhiisanii bahan' jette Yukireen

Maxxanfame

Loltoonni Raashiyaa bakka annisaa nikuleeraa duraanii kan tahe Chernobyl qabatanii turan gadhiisanii sokkuu hojjettoonni achi keessa jiran himan.

Dhaabbanni nikuleeraa Yukireen Energoatom akka himetti, hojjettoonnisaa achi jiran, wayita ammaatti ''alagaan'' tokkollee bakka sana akka hin jirre mirkaneessan jedhe.

Isaan dura garuu, humnoonni Raashiyaa muraasni achitti yoo hafan, kaan garuu gara daangaa Belaarus imaluusaanii himee ture.

Oduun kunis gabaasa aanga'oota waraanaa US gaafa Roobii jedhaniin kan mirkaneessedha.

Humnoonni Raashiyaa Charnoobil kan qabatan Guraandhala keessa wayita weerara biyyattii irratti eegalanitti ture.

''Ganama kana weerartoonni madda annisaa nukuleeeraa Charnoobil dhiisanii akka deeman fedhii qabaachuu himan,'' jedhe Energoatom ibsa gaafa Kamisaan.

Boodarras kaampaanichi waraanni Raashiyaa erga waraanni jalqabee kaasee, miseensota waraanaa Yukireen ugguruu himate. Energoatom odeeffannoo kana kan wabeeffate hojjettootasaa achi jiranirraa yoo tahu, meeqatu qabame kan jedhu garuu hin himne.

Dabaluunis loltoonni Raashiyaa wayita achitti buufatanii turanitti bakka haalaan faalameefi Chernobyl exclusion zone jedhamutti daannoo qotuu isaanii mirkaneesse. Kanaanis carallaa 'raadiyeeshinii' hangisaa guddaa taheen hubaman jedhe.

Hubaatii raadiyeeshinii isaanirraan gaheenis, muraasni Belaarusitti yaalamaa jiru jechuun gabaafamaa jira - kana garuun mirkaneessuun ulfaataadha.

Rooyitars hojjettoota achi jiran dubbisuun gabaasa midhaasseen, loltoonni gariin zoonii raadiyeeshinii keessa akka turanillee quba hinqaban ture.

Waraanni Raashiyaa garuu erga bakka qabatee kaasee, hangi carallaa raadiyeeshinii achii bahu hanguma duraan tureen itti fufe jedhe.

Ejensiin Annisaa Atomikii Idil-addunyaa (IAEA) ibsa baaseen, gabaasaalee kanneen mirkaneessuu akka hin dandeenye hime.

Hoogganaan IAEA aanga'oota Yukireen wajjin tahuun, guyyoota dhufan keessatti garee Chernoobilitti erguuf mar'achaa jiraachuu himan.

Chernoobil erga annisaa maddisisuu dhaabee waggooti hedduun lakka'amaniiru, tahus garuu dhaabeera jedhamee gatamee hin hafne. Ammallee to'annoon walirraa hin cinnetu barbaachisa.

Bakki kun addunyaarratti balaa hamaa nikuleeraa isa hamaadha jedhameefi bara bulchiinsa Gamtaa Soviyeet keessa ALA 1986tti bakka itti qaqqabedha.

Jiraattonni dhiyeenya magaalaa Pripyat wayita jiraatan marti achii buqqa'uun iddoo biraatti kan qubsiifaman oggaa tahu, erga sanaatii namuu garasitti hin deebine.