Waraana Yuukireen: Barattoota Afriikaa magaalaa Yuukireen Raashiyaan to'atamte keessatti rakkataa jiran

Magaalaan buufata doonii Keersan erga humnootii Raashiyaan to'atamtee torbaan lamaa ol ta'e

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Magaalaan buufata doonii Keersan erga humnootii Raashiyaan to'atamtee torbaan lamaa ol ta'e
Maxxanfame

Magaalaan buufata doonii taate Keersan erga to'annoo humnootii Raashiyaa jala galtee torbaan lamaa ol ta'eera.

Barattoonni biyyoota Afriikaa gara 100 ta'aniifi magaalaa kana keessa jiraataa turan magaalattii keessaa bahuuf deeggarsii akka taasifamuuf gaafataa jiru.

Guyyoota muraasaf dahannoo lafa jalaa yuunivarsitii keessatti ijaarame keessa dhokatanii turan.

Iddoon turmaataa sun baay'ee kan qabanaa'uufi ho'aa argachuun hin danda'amneedha. Kanaratti qoricha dhiyeenyatti hin argatan.

Kanaafuu hatattamaan deeggarsi taasifameefii magaalattii keessaa akka bahaniif gaafataa jiru.

Isaan keessaa barataan tokko BBCtti akka himetti, hanga ammaatti sagalee dhukaasaafi xiyyaarootaa dhagahaa jiru.

Dhukaasni barattoonni dhagahaa jiranis tarii sagalee lola humnootiin Raashiyaa naannoolee Kibba Lixa Yuukireen to'achuuf raawwatan ta'a.

Humnootiin Raashiyaas namoota babal'ifachuu isaanii morman irratti dhukaasaa jiru.

Barattoota achitti argaman keessaa lammiileen Naayijeeriyaa mootummaan isaanii akka dafee isaan baasuuf watwaataa jiru.

Barattoonni kunneenis lammiilee Afrikaa magaalattiitti hafan kan dhumaa akka ta'an BBCtti himan.

Barataan biraa nageenya isaatiif jecha maqaansaa akka hin eeramne gaafate, ''maaloo asii nu baasaa jennee gaafataa jirra. Haalli keessatti argamnu rakkisaadha'' jechuun gabaasaa BBCtti himeera.

Motummaan Naayijeeriyaa gamasaatiin barattoota kanneen baasuuf yaalii cimaa taasisaa jiraachu beeksiise. Barattoonnis karaa Raashiyaatiin akka bahan gochuuf xiyyaaroonni qophaa'aa jiraachu Raashiyaatti Ambaasaadarri Naayijeriyaa torban darbe dubbatanii ture.

Haata'u malee hanga yoonaatti barattoonni kunneen hin baane. Kana malees barattoonni gara Raashiyaa imaluuf ni yaadda'u.

Akkasumas barattoonni lammii Kaameeruun, Gaanaa, Masrii, Tuniziyaa fi Morookoo magaalaa sana keessatti ni argamu.

Yuunivarsitii itti baratan keessa hanga ammaatti nyaanni muraasni jiraatulleen suuqiiwwan keessaa garuu shaqaxni dhumaa jira jedhu.

Nyaanni gabaarratti argamus gatii dachaan ykn harka sadii caalaan gurguramaa jira.

Barattuun tokkoos ''hanga yoonaatti yuunivarsitiin nyaataa nuuf kennaa waan jiruuf warra kaan irra haala gaarii keessa jirra,'' jetti.

Barataan biraa tokko akka jedheetti ammoo humnootiin Raashiyaa magaalattii to'atanis kuduraalee, ruuzii, paastaa fi bishaan gamoowwan mootummaafi dhiheenya baabuurratti dhiyeessaaf jiru.

Haata'u malee nyaata kana fudhachuun Yuukireenoota biratti akka Raashiyaanoota waliin ta'uutti lakkaa'ama waan ta'eef ni sodaachisa.

''Osoo lammiileen Yuukireen biyyasanii ittifachuuf du'aa jiranii, attamiin deeggarsa Raashiyaa fudhanna? nyaata kana fudhadhaa kan nuun jedhuuf du'a keenya saffisiisa,'' jedha barataan tokko.

Uffata miiccachuuf bishaan jiraatullee garuu dhugaatiif baay'ee hir'ataa jira.

Dhaabbileen deeggarsaa nyaataafi bishaan dhiyyeessan illeen garuu kun hanga yoomiitti akka itti fufu hin beekamu.

Guyyoota mmuraasaaf lafa gammoo yunivarsitichaa jalatti dhukannee turre
Ibsa waa'ee suuraa, Guyyoota mmuraasaaf lafa gammoo yunivarsitichaa jalatti dhukannee turre

Magaalaan Keersan ddoowwan gara jalqabaa weerara humnootii Raashiyaa jala oolfaman keessa tokko. Jiraattoonni magaalichaas erga humnootiin Raashiyaa magaalattii to'atanii kaasee mormiisaanii dhageessisaa jiru.

''Gara biyya kanaa kan dhufne barnootaaf ture. Amma garuu waraana keessatti kufne. Lammiileen Yuukireen harka akka hin kennannee nutti himaniiru. Magaalaafi biyyasaanii deebiifachu barbaadu,'' jedhe barataan tokko.

Loltoonni Raashiyaa nyaanni gara magaalaa akka hin galleef dhorkuutu dubbatama. Kaayyoon dhorkaa kanaas humnootiin Yuukireen nyaataa gara magaalaa galchuu mala jedhuun gara waraanaatti akka hin seenneef sodaatameeti jedhameera.

''Guyyaa guyyaan maatiinkoo ni bilbilu, garuu oduu gaarii waanan hin qabneefu bilbila saanii kaasuun na sodaachisa. Yeroo gabaabaa keessatti kan baanu natti hin fakkaatu,'' jetti barattuun tokko.

Guyyaa waraanni itti eegalamee kaasee haatishee bohichaan waaqa kadhataa akka jirtu himti.

Barattoonni yuunivarsiticha keessaa bahu kan danda'an gareen qofaa ta'u yuunivarsitichi beeksiiseera. Kanarratti yoo bahan irreesaanii irratti huccuu adii akka hidhatan gorfama. Barattoonni lammiilee nagaa ta'uu humnootii Raashiyaatti himuuf huccuu adii hidhatu.

Waliigalatti barattoonni kuma kudhan Afriikaafi Eeshiyaa Kibbaa irraa dhaqan Yuukireen keessa kan jiran yoo ta'u isaan keessaa irra caalaan biyyatti keessa bahaniiru. Kaan ammoo biyyoota ollaa keessatti barnoota itti fufaniiru.

Haata'u malee barattoonni magaalaa Yuukireen Keersan keessatti hafan rakkoo fi sodaa keessa galaniiru.

Barataan tokkoos ''barattoonni magaalaa kana keessaa bahuuf yaalanis jireenyasaanii balaaf saaxilu. Loltoonni Raashiyaa tokko tokko obsumaan akka deebi'aniif yoo gaafatan, kaan ammoo gara jabiinaan dhukaasu,'' jechuun haala keessatti argamn ibsiti.