Waraana Yukireen: Xalayaan Raashiyaa Kaanadaan 'gulaalame' dippiloomaatota jidduutti wal-diddaa uume

Xalayaa Raashiyaa Kaanadaan gulaalte

Madda suuraa, Twitter/@CanadaUN

Maxxanfame

Xalayaa miseensota UNf ergiteen wal-qabatee Raashiyaan dippiloomaasii 'sadarkaa oolmaa daa'immanii' jechuun Kaanadaa himaatte.

UNtti ergamni Kaanadaa xalayaa Raashiyaan miseensota UNf barreessite gulaaluun fuula tiwiitarii isaarratti maxxanse.

Xalayichi waa'ee gargaarsa namoomaa Yukireen keessatti barbaachisu yaad-murtii Raashiyaan dhiyeessitedha.

Kaanadaan xalayichi silaa akkanatti sirratuu qaba ture jechuun halluu diiman gulaaltee deebistee miidiyaa hawaasaa irratti maxxansite. UNtti ergamoonni biyyoota biroos maxxansicha deebisanii qoodaniiru.

Xalayaan UNtti bakka bu'aa Raashiyaa Vaasilii Nebeenziyaan mallattaa'ee Roobii darbe biyoota miseensa UN hundaaf qoodame kun, Yuukireen keessa rakkoon namoomaa guddaan akka jiruufi hawaasni idil-addunyaa birmannaa gochuu akka qabu gaafata.

Yaadni UNtti ergamni Kaanadaa bifa gulaalliin itti dabalee Kamisa baase ammoo 'rakkinicha kan uume nuyi, waa'ee rakkoo namoomaa Yuukireen dhimma hin qabnu' sararoota jedhan of keessaa qaba.

Itti dabaluunis 'osoo lammilee nagaa, hospitaalotaafi manneen barnootaa haleellaa qilleensaan reebaa jirtanii akkamiin waa'ee rakkoo namoomaa dubbattu?' jechuunis gaaffii kaasa.

Xalayichi "waahillan keenya Lixaa rakkoo namoomaa Yuukireen siyaasaaf oolchaa jiru" jedha. Kaanadaan ammoo "Kana dhuguma miseensonni UN ni amanu jettee yaaddaa? Mee nuuf ibsi" kan jedhu halluu diimaan itti dabalte.

Gocha Kaanadaa kana dippiloomaatiin Raashiyaa "maxxansa jibba Raashiyaa agarsiisu" ittiin jedhan.

UNtti bakka bu'aa itti aanaan Raashiyaa Dimiitrii Poliyaaniiskii deebii maxxansa tiwiitarii Kaanadaa kanaaf kennaniin, "gahuumsi dippiloomasiifi namuusni keessan sadarkaa gadi-aanaarra jira" ittiin jedhan.

Kaanadaan yeroo lama mana maree nageenyaa UN keessatti teessoo dhaabbii hin ta'iin argachuuf yaaltee akka dhabdes yaadachiisan.

Xalayichi wixinee yaad-murtii gargaarsa namoomaa Yuukireen keessatti godhamu guddisuuf qophaa'e ta'us waraana rakkoo namoomaa kana fide keessatti qooda Raashiyaa hin ibsine jedhamuun biyyoota Lixaan qeeqame.

Wixinee yaad-murtii kanarratti Jimaata sagaleen akka kennamu yaadamee ture garuu Raashiyaan dursite haqxe.

UNtti bakka buutuun Ameerikaa Liindaa Toomaas Giriinfiild yaad-murtiin Raashiyaa kun 'waan kolfaati' jedhan jechuun AFPn gabaaseera.