Viidiyoon Arnoold Shuwaazenger lammiilee Raashiyaa waraana mormaniin leellifame

Arnoold Shuwaazenger bara 2013 suura Mooskootti ka'e

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Viidiyoona Arnoold Shuwaazenger lammiilee Raashiyaa waraana mormaniin miidiyaa hawaasaa gubbaattu leellifame.

Taatoon Hooliwood beekamaan lammi US ergaa viidiyoon maxxanseen lammiileen Raashiyaa waraana Yukireeniin walqabatee odeeffannoo dhugaa hin taanetu kennamaafi jira jedhe.

Ergaa kallattiin pireezidant Vilaadmiir Puutiiniif dhaameen ammoo ''waraanicha situ eegale, dhaabuus ni dandeessa'' jedhe.

Haasaan taatoo beekamaa gara dullumaa ammoo nama siyaasaa ta'e kanaa warra Raashiyaa waraanicha mormaa jiraniin akka ta'utti simatame.

Telegraam irratti yaada isaa kan barreesse namni miseensa dhaaba mormituu Puutiin ta'e Leev Shoolsbeerg Viidiyichi, ''kabaja nuuf, warra Raashiyaaf qabu agarsiisa'' jedhe.

''Arnoold Shwaazeengeer dandeettii addaa nama kamittuu dubbachuu, amansiisuu, kabajuufu qixxeetti ilaaluu qaba. Mee caqasaa. Itti yaadaa. Hubadhaa'' jedhe Shoolsbeerg.

Gaazexessaan walabni lammii Raashiyaa biroon Antoon Orekee ammoo ergaan isaa "Russophobia" (jibba Raashiyaa) hin qabu jedheera.

Warri Raashiyaa addunyaarraa add abahanii jiru Arnoold ammoo uummata kana akka hamoo ta'aniitti osoo hin taane akka uummata gaarii daandiirraa maqeetti dubbisee jedha gaazexessaan kun.

Dubbiin Arnoold akkuma leelliftoota argate warri murtee Kreemliin deeggaran haasaa isaa kanaan nama US kaffalameefii dubbatu kun Raashiyaaf dhimma miti jedhu.

Raashiyaan sababa Yukireen weerarte yoo ibsitu Oppireeshiniii waraanaa addaa warraa Raashiyaa Yukireen keessa jiran eeguufi jetti.

Taatoon US kun Raashiyaan Yukireeniin sababa weerarteef yeroo dubbattu lammiilee ishee sobaa jirtii jedha.

Yukireen osoo hin taane warra Kreemliinii aangoo qabantu waraana eegale jedha Arloond.

Viidiyoon kun tiwiitara gubbaatti maxxanfamee hanga ammaa si'a miiliyoona afur ilaalameera.

Akkaawuntiin twiitaraa Arloond hoogganoota Kreemliinin ni hordofama.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Viidiyoo daqiiqaa sagalii kana keessatti badiin Yukireen keessatti qaqqabe ni mul'ata.

''Yukireen waraana kana hin eegallee, Sabboontotni Naaziis hin eegalle kun waraana lammiilee Raashiyaa miti'' jedhe bulchaan Kaalifoorniyaa duraanii Arloond.

Awustiraaliyaatti kan dhalate Arloond fiilmii isaa Reed Hiit (Red Heat ) fiilmii Ameerikaa yeroo jalqabaaf adda baabayii diimaa (Red Square) Mooskootti waraabameedha. Arloond Viidiyoo kanaan jaalala warra Raashiyaaf qabu ibsee dargaggummaa isaatti lammii Raahiyaa ulfaatina kaasuun beekamu Yuurii Vlaasooviin akka kaka'umsa ta'eef dubbateera.

''Jabinaafi onneen uummata Raashiyaa yeroo hunda kaka'ums naaf ta'a. Kanaafi waayee Waraana Yukireen dhugaa jiru akkan isinitti himu tole jettu jedhee kaniin abdadhe.''

''Kuni waraana seeraan alaati... hegereen keessan waraana addunyaa guutuun balaaleffatamekan hiika hin qabneef aarsaa ta'aa jira'' jedhe itti dabaluun.