'Eertiraatti qabiinsi mirgoota namoomaa hin wayyoofne' jechuun UN qeeqe

Aasxaa waajira Komishinii mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii

Madda suuraa, Komishinii mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Ga

Maxxanfame

Manni Maree Mirga Namoomaa UN kaleessa haala qabiinsa miriga namooma Eertiraa fi Sirilaankaa keessa jirurratti mariyatee, ''haalli Eertiraa fooyyee hin qabuu'' jedhe.

Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti haala qabiinsa mirga namooma Eertiraa kan qoratan Mohaammad Abdisalaam Babiker gabaasa Eertiraarratti xiyyeefate dhiyeessaniiru.

Aab Mohaammad Eertiraatti haala qabiinsa mirga namoomaarratti kan duraniirraa fooyya’iinsi akka hin qabne dubbatan.

Biyyattiin sagaleen mormii akka hin dhaga’ame tooftaan ukkaamsuuf jecha tarkaanfii fudhachuu ittifufteetti jedhan.

Mootummaan bilisummaa yaada, walgahuu, mirga amantaa fedhan hordofuu fi gurmaa’uu ukkaamsuu ittifufe jedhan Aab Mohaammad. Dirree dimokiraasii Eertiraatti cufamu kaasan.

Bara 1998 irraa kaase sagantaa tajaajila biyyaalessaa maqaa jedhuun dafqa lammilee biyyattii saamuun akka madda sarbamiinsa mirga namoomaa ijootti eerameera.

Eertiraan deebii maali kennite?

Eertiraan gabaasichi yaada sirrii hin taanefi qabatamaa lafarra jiru hin agarsiifne of keessa qaba jette, kanaafuu waanta himame kanaaf deebii hin kennuu jette.

Gabaasicha Ertiraan yeroo qeeqxu, yaaliin alaarra Eertiraa jeequ otoo jiruu, hojii biyyattiin naannoo tasgabbooftu taate ittifufuuf hojjatte gabaasicha keessatti hin eeramne jette.

Itti dabaluun, Eertiraan maqaa balleessiin itti gaafatamummaa hin qabne akkasii tattaaffii biyyattiin rakkoolee mirgoota namoomaa biyyattii furuurratti mudachaa jiran faallessufi jetti.

Gama biraatiin, mootummaan Eertiraa akkataa waliigatee idil-addunyaatiin qaamolee mirga namoomaa waliin akka hojjatu fi biyyatti dhorka malee seenuun eeyyamuufi akka qabu gaafatamte.

Kun otoo kana jiruu, Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanitti Komishiinarri Olaantuun Mirga Namoomaa Mesheel Baachaleet dhimmaa Sirilaankaarratti mootummaan rakkoolee mirgaan walqabatu biyyatti keessa mul’atan furuuf fooyya’iinsa seeraa, jarmiyaalee fi qaamolee nageeenyaarratti akka hojjatu kaasaniiru.

Sirilaankaatti namoonni miidhaan irraa qaqqabe fi maatiin isaanii haqa argaa akka jirre Mesheel Baachaleet kaasaniiru.