Yaadannoo injifannoo Kaarraamaarraa irratti miseensonni Baaldiraas hidhamuu dhaabichi beeksise

Madda suuraa, Baaldiraas Dimookrasii dhugaaf
Magaalaa Finfinneetti kabaja yaadannoo injifannoo Kaarraamaarraa irratti miseensonni dhaaba Baaldiraas Dimookrasii Dhugaaf hidhamuu dhaabichi beeksise.
Ganama har'aa dura taa'aa dhaabichaa Iskindir Naggaa dabalatee misensonni isaa bakka idilee ayyaanichi itti kabajamu alatti naannoo laga haara jedhamutti imalanii adda babayii fi siidaa akka itti hin seenne dhorkaman seenuuf yaaluu isaaniin muddamni dhalachuu dhaabichi beeksiseera.
Poolisiin obbo Iskindiriifi miseensota dhaaba isaanii fudhatee gara buufata Poolisii kutaa bulchiinsa Lidataa kan geesse yeroo ta'u turtiin booda dura taa'aan dhaabichaa obbo Iskindir Naggaa gadhiifamanii miseensotni hafan 25 hidhamuu dhaabichi ibsa gabaabaa miidiyaa hawaasummaa isaa gubbaatti maxxanseen ibseera.
''Miseensonni garichaa hunduu buufata poolisii kutaa bulchiinsa Lidataa geeffamanii, pireezidanticha Iskindir Naggaa yoo gadhiifaman kan hafan hunduu hidhaaf saaxilamaniiru'' jedha ibsichi.
Poolisiin hanga ammaa waayee hidhaa miseensota dhaaba kanaa homaa hin dubbanne.
Itoophiyaatti hara' guyyaa injifannoo Kaarra Maarraa waggaa 44ffaa yaadatamee oole.
Injifannoon kun pireezidantiin Somaaliyaa yeroo sanii Ziyaad Baarree Itoophiyaa weeraree lola itti injifatameedha.










