Kiswahili: Sadarkaa irra gaheefi Afaan Afrikaa waliigalaa akka ta'uf sochii taasifamaa jiru

Madda suuraa, Annabel Lankai
Namoota afaanicha dubbatan miiliyoona 200 ol kan qabuufi maddi isaa Bahaa Afrikaati kan ta'e Siwaahiliin afaanota addunyaa 10 baay'inaan dubbataman keessaa tokkodha. Piriyaa Sippii kuni afaan Ardii Afrikaa waliigalaa akka ta'u sochiin jira jechuun barreessite.
''Yeroo kuni yeroo murteessaa afaan koloneeffattoota [daga-baastota] dhiisnudha.''
Dubbiin kuni quuqama dhimma Afrikaa leellisurraa dhagahame osoo hin taane, akkana kan dubbatte barataa Siwaahilii lammii Gaanaa Anaabel Naa Odaarley Laankaayi jedhamtudha.
Waan isheen dubbatte kana dura kanneen waa'ee Afrikaa dhiphatan waggoota dheeraa dura himaniiru.
Afrikaan ''waan keenya ta'e, waan nuuf ta'u qabaachuu'' qabdi jetti barattuun ganna 23.
Afaan Siwaahiliifi loqodawwan garagaraa Somaaliyaa hamma tokko ka'e hanga Mozaambik, akkasumas bakkeewwan lixa Rippablika Dimookiraatawaa Kongootti ni dubbatamu.
Bakki Laankaayi barattu garuu Yunivarsiitii Gaanaa, magaalaa guddoo biyyattii Akiraa kan argamu yoo ta'u, bakka dhaloota afaanichaa kan ta'e bakkeewwan Keeniyaafi Taanzaaniyaa qarqara Garba Guddaa Hindiitti argamanirraa 4,500km fagaata.

Madda suuraa, Josephine Dzahene-Quarshie
Fageenyi kuni afaanichi babal'achaa akka jiruufi caalaatti guddachuu akka malu akeeka.
Jechoonniifi gaaleewwan Siwaahilii karaa weellisaa Taanzaaniyaa beekamaa Diamond Platnumz weellifaman Gaanaa keessa bal'inaan akka dhaggeeffataman Laankaayi ni dubbatti.
Afaanichi guddaa ta'us maatiifi hiriyyoonni ishee yeroo Afaan Siwaahilii barachuu ishee itti himtu bitaa itti galeera. Isheen garuu eebba booda afaanichi carraa hojiillee akka banuuf amanti.
Dhihoo dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii dhimma aadaa hordofu (UNESCO) Adoolessa 7 guyyaa addunyaa Afaan Siwaahilii jechuun labseera.
Afaan Siwaahilii jechoota isaa keessaa 40% Afaan Arabaarraa fudhate. Kunis jalqaba bakkeewwan Baha Afrikaa qarqara Garba Guddaa Hindii jiranitti daldaltoota Arabaan babal'ate.
Eegasii xumura jaarraa 19ffaafi jalqaba jaarraa 20'ffaatti bara kolonii Jarmaniifi Biritiish afaan bulchiinsaafi barnootaa ta'un akka hojiirra oolu ta'e.
Kana dura Ardii Afrikaarratti Afaan Ingilizii, Faransaay yookiin Porchugaal biratti akka filmaataatti dubbatamaa turuus amma garuu sochiin haaraa ni mul'ata.
Eenyummaa Afrikaaf bu'uura tolchuu
Walgahii dhihoo hoggantoonni Afrikaa taa'an irratti Gamtaan Afrikaa Siwaahilii Afaan hojii gamtichaa jechuun labse.
Afaan hojii Hawaasa Baha Afrikaa (East African Community (EAC)) kan Rippabliki Dimookiraatawaa Kongoo keessa seenuf jettuutis.
Kana dura bara 2019 afaan Afrikaa Hawaasa Misooma Afrikaa Kibbaan (SADC) beekkamtii argate Swaahilii qofaadha. Eegasii kutaalee barnootaa Afrikaa Kibbaafi Botiswaanaatti barsiifamuu eegale.
Dhihoo immoo Yunivarsiitiin Finfinnee Itoophiyaa keessa argamu Afaan Siwaahilii barsiisuu akka jalqabu ibse.
Akka ogeeyyiin afaanii jedhanitti Afaan Siwaahilii Afrikaarratti bal'achuu itti fufa.
Mana Barnootaa qorannoo Afrikaa Landanitti Afaan Siwaahilii kan qoratan Tom Jelpke akkaatuma walitti dhufeenyi Ardii Afrikaa keessatti cime ummanni haala tokkon walitti dubbachuu barbaada.
Afaanichi afaanota biroo bahaafi giddugaleessa Afrikaatti dhiheenya qabus ni cimsa yaada jedhu qabu.
Yunivarsiitii Zaanzibaaritti kan barsiisan Alii Kaliifaan immoo afaanicha akka qabeenya Afrikaatti ilaalu. ''Kuni qabeenya keenya, akka Afrikaatti eenyummaa keenya,'' jechuun ilaalcha Laankaayi qooddatu.

Madda suuraa, Getty Images
Afaan Siwaahilii Afaan Afrikaa akka ta'u bara 1960'oota keessa Pirezidantii Taanzaaniyaa yeroosii Juuliyees Nereereetiin sochii taasifamaa turedha.
Nereereen Afaan Siwaahilii fayyadamuun walabummaa booda biyyattii tokkomsan.
Kolonii booda ilaalchi akkanaa jiraatuufi ammammoo Afaan Siwaahilii babal'achaa jiraatus ammallee Afrikaa keessatti afaanota Awuroppaatu olaantummaa qaba. Kana jijjiiruun sochii guddaa gaafata.
Biyyoota Afrikaa 54 keessaa 27 keessatti Afaan Ingilizii afaan hojii yookiin afaan lammataa ta'e tajaajila. Afaan Faransaay immoo biyyoota 21 keessatti afaan hojiiti.
Sababoota siyaasaafi diinagdeen Afaan Ingilizii ammallee humna cimaa qabaachuu kan himan pirofeesarri qorannoo Afaanii Keeniyaa keessaa Chege Githiora, namoonni afaan tokko caalaa akka dubbatuu baran gorsu.
Siwaahiliin baha, giddugalaafi Kibba Afrikaatti sochii taasisaa jiraatus lixaafi kaabatti dorgommii cimaatu jira.
Afaan Arabaa Kaaba Afrikaatti olaantummaa qaba. Lixa Afrikaattimmoo afaanonni kanneen akka Hawusaa, Igboo fi Yorubaa Afaan dubbii Afrikaa ta'uf humna qabu.
Yoo Siwaahiliin Afaan Afrikaa akka ta'u yoo barbaachise murannoon siyaasaa, olaantummaan diinagdee akkasumas deeggarsi maallaqaa ni barbaachisa
''Yeroo jalqabaaf Afaan Siwaahilii Gaanaa keessa bara 1964 barsiifamuu eegale Yunivarsiitii Daar es Salaam irraa deeggarsa argata ture, garuu itti hin fufne,'' jedhu Yunivarsiitii Gaanaatti pirofeesarri Siwaahilii Dr Joosefin Dizaahene-Quwaarshe.
''Silaa Baha Afrikaan Afaan Siwaahilii akka dagaagu deeggarsa cimsanii jiraatanii bakka wayii geenyayyu, ani Afrikaaf Afaan dubbii ta'a jedhee natti hin mul'atu.''















