Bakakkaa lammiilee Indiyaa kumaatamaan lakkaa'aman ajjeesu

Maxxanfame

Indiyaa keessatti bakakkaan achii dhufteensaa hin beekamnee fi hin eegamne lubbuu lammiilee hedduu galaafataa jira. Waggaa waggaan namoonni 2,500 caalan bakakkaadhaan du'u.

Namoota bara darbe balaa bakakkaan haleelamanii jalaa hafan keessaa tokko akkas jedhe: ''Maaltu akka mudatee fi akkamiin akka mudate yaadachuu hin dandeenye. Battaluma tokkotti wanti hundi daaraa ta'e.''

Namni kun bara darbe ji'a Bitootessaa keessa hiriyootasaa biroo sadi waliin handaara magaalaa Deelhiitti muka jalatti osoo tiifuu dheessanii bakakkaan itti bu'e, isaan keessaa tokko battaluma sana du'e, sadi miidhaan irra ga'us lubbuun hafan.

Calaqqeen bakakkaa kanaa vooltii miiliyoona 300 fi ampiirii 30,000n wal madaala.

Qaqawweessi kun yogguma sana ho'a qilleensa naannoo dachaa shanii oliin dabala waan ta'eef salphaatti dhala namaa ajjeesuu danda'a.

Akka ragaan mootummaa Indiyaa mul'isutti, bara 1967 fi 2019 gidduutti lammiileen biyyattii 100,000 caalan bakakkaadhaan du'aniiru.

Hammi bakakkaa biyyattii keessatti bu'uu yeroo gara yerootti dabalaa jira. Ebla 2020 hanga Bitootessa 2021tti bakakkaan miiliyoona 18 bu'eera.

Kunimmoo hammi bakakkaa biyyattiin keessummeessaa jirtuu dhibbeentaa 34n dabaluusaa agarsiisa jedha ragaan Qorannoo Saayinsii, Haala Qilleensaa fi naannoo magaalaa Delhii.

Kutaalee biyyaa Indiyaa kanneen akka Odisha, Jharkhand fi West Bengal jedhaman keessatti balaan bakakkaa daran hammaata, keessatuu qonnaan bultoonni ooyiruusaanii keessatti lubbuunsaanii guddoo gaaga'ama.

Bakakkaan kan uumamu wayita qabiyyeen samii keessa jiru walmadaaluu diduun erga wal-rigee booda wayita humni elektirikii furguggifamuudha.

Yeroo ammaa jiraattonni ganda baadiyyaa Indiyaa meeshaalee sasalphoo humna bakakkaa to'atan fayyadamuun humna elektirikii samiidhaa gadi darbamu akka isaanirra darbee lafa seenu gochaa jiru.

Jiraattonni kunneen meeshaa elektirikii harkisu kana hojjechuuf sibiila bishkiliitii dulloomee fayyadamu.

Muka leemmanii hanga meetira 10 dheeratu irratti shiboo irraa fi jalaan hidhanii, sibiilaan xaxanii qopheessu.

Isa booda muka haala kanaan qophaa'e gamoo cinaa, manneen barnootaa fi bakka namoonni itti heddummaatan dhaabu.

Bakakkaan dhufnaan muka kanatti bu'a waan ta'eef, carraan lubbuu namootaa gaaga'uusaa ni xiqqaata jechuudha.

Bakakkaan waaqaa dhufe osoo miidhaa hin geessisin karaa muka kanaa dachee seena.

Namoonni hedduun kan balaa bakakkaan lubbuu dhaban, muka jalatti bokkaa wayita dheessaniidha.

Muki namoonni haala kanaan qopheeffatan kutaalee biyyaa garii keessatti gaaga'ama lubbuu sababa bakakkaan ga'aa ture harka 60n hir'isuu qorannoo dhaabbata Lightning Resilient India Campaign jedhamuun qoratame ni mul'isa.

Saayintistoonni akka jedhanitti balaa bakakkaa kan hammeessaa jiru jijjiirama qilleensaati.

Hammi ho'aa dachee fi galaanarratti yoo dabale, samiitti olka'uun duumessa samii erga ho'isee booda anniisaa elektirikii uumee gara dacheetti bakakkaaa ta'ee deebi'a.

Qorannoon saayintistoota Yuuniversitii kaalifoorniyaan qoratame jijjiirama qilleensaan walqabatee US keessatti balaan bakakkaa harka 12n dabaluu danda'a.

Indiyaa keessatti lakkoofsi uummataa dabaluu fi mukeen heddumminaan dhibuun rakkoo kanaaf sababa ta'eera.

Wayita bakakkaan mudachuu eegalu dafanii gamoo yookiin konkolaataa seenuu, dirree bal'aa fi tulluuwwan keessa deemuun ni gorfama.

Muka jalatti bokkaa dheessuun akkasumas wayita kakawweessa'u bishaan keessa turuun balaa bakakkaaf nama saaxila.