Tiraamp US fi Iraan Dilbata waliigaltee mallatteessu jedhe, Iraan yeroo irratti shakkii uumte

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 2

Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp waliigalteen US fi Iraan Dilbata har'aa (Waxabajjii 14, 2026) mallattaa'a jedhe, Iraan garuu yeroo waliigalteen kun itti mallattaa'u irratti shakkii uumteetti.

Tiraamp barreeffama miidiyaa hawaasummaa isaa Truth Social irratti maxxanse keessatti akkuma waliigalteen kun mallattaa'een Ulaan Hormuuz ni banama jedhe.

Biyyi jaarsummaadhaan US fi Iraan gidduu jirtu Paakistaan kaleessa akka ibsitetti waliigalteen kun sa'atii 24 kessatti ni mallattaa'a.

Biyyoonni lameen, Iraan fi US, waliigaltee kana mallatteessuuf qophiitti jiraachuu ibsite Paakistaan.

Yaada Tiraamp kenne dura dubbi himaan ministeera dhimma alaa Iraan Esmaa'el Bageey yeroo waliigalteen kun itti mallattaa'u ilaalchisee yaada shakkii uumu kenneera.

''Guyyaa borii ta'uu baatus yeroo waliigalteen wal hubannoo kun itti mallattaa'u turree ilaalla,'' jedhe.

Tiraamp ammoo maxxansa isaa keessatti ''waliigaltechi bor akka mallattaa'u saganteeffameera. Akkuma mallattaa'een Ulaan Hormuuz HUNDAAF NI BANAMA,'' jedhe.

Pirezidantiin Ameerikaa kun dubbii isaa kanaan dhimma nukilara Iraanis tuqeera.

''Gaafa yeroon mijatu, gaafa haalli tasgabbaa'u, bakka sana deemnee nukilara manca'e (barbadaa'e) kaasuu dandeenya. Booda ni balleessina,'' jedhe.

Warri lixaa Iraan meeshaalee waraanaa nukilaraa gabbisti jechuun waggootaaf himataa ba'an, Iraan ammoo nukilara ishee humna ibsaa uummatasheen ga'uu fi qorannoof akka fayyadamtu ibsiti.

Tiraamp dhimma kanarratti ammas akeekkachiisa kenneera. Waliigalteen kun saffisaa fi akkaataa yaadameen hin deemu taanaan Ameerikaan filannoo fayyadamtu qabdi jedhe.

Ministirri Muummee Paakistaan Shahbaaz Shariif ''yeroo kamuu caalaa waliigalteerra ga'uutti dhihaannerra,'' jechuun Sambata kaleessaa X irratti barreessanii turan.

Ministirri Muummee Iraan Abbaas Araagchii Jimaata darbe US waliin waliigaltee mallatteessuutti dhihaachuu ibsanii turan.

Waliigalteen sun dhukaasi Israa'el fi Hizboollaa gidduutti deemaa jirus akka dhaabbatu hammata jedhan qondaalli Iraan kun.

Akkasumas waliigaltechi Ulaa Hormuuz banuu fi Ameerikaan akka buufataalee galaanaa Iraan irraa uggura kaastu ilaallata jedhan.

Haata'u malee waa'een marii dhimma nukilaraa Iraan boodarra akka dhufuu mala ibsan.

Aanga'oonni US faayidaan diinagdee Iraan waliigaltee kanarraa argattu dirqama irraa eegamu guutuu isheerratti hundaa'a yaada jedhu kennan.

Gabaasi kanaan dura gama Ameerikaatii dhagahamaa ture Libaanos qaama waliigaltee kanaa ta'uu akka hin qabne akeeku.

Iraan ammoo yeroo dhukaasa dhaabuun labsamerraa egaltee Libaanos qaama waliigaltee kanaa ta'uu qaba jetti.