Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Indiyaatti bakakkaan namoota suuraa ofee ka’aa turan 16 ajjeese
Guyyaa Dilbataa Indiyaa magaalaa Jayipuuritti bakakkaan yoo xiqqaate namoota 16 ajjeesee hedduu miidheera.
Namootni kunneen bakka daawwanaa beekamaa 12th Century Amer Fort jedhamutti gamoo ol dheeraatti ol ba’uun rooba keessa suuraa ofee (selfie) ka’aa turan.
Yeroo balaan kun uumame namootni 27 ta’an gamoo kana gubbaa fi keessa turan - yeroo kanatti namootni tokko tokko gamoo kanarraa utaalaniiru jedhameera.
Indiyaa keessatti bara 2004 as giddugaleessaan bakakkaan namoota 2,000 ta’an ajjeeseera.
Qondaalli poolisii olaanaa akka miidiyaatti himetti bakka daawwannaa kanatti gamoon kun bakka isa beekamaa ta’edha jechuun namoota du’an keessaa hedduun isaani dargaggoota jedheera.
Akka gabaasa miidiyaalee biyyattiitti bulchiinsa Rajastaan keessatti Sanbata balaa bakakkaatiin namootni sagal biroon du’aniiru.
Ministeerri olaanaa bulchiinsichaa, Ashook Gehloot, maatiilee namoota balaa kanaan du’aniif beenyaan ruupii 500,000 (doolara 6,700) akka kaffalamuuf himaniiru.
Indiyaa keessatti ji’i Waxabajjii hanga Fulbaanaatti waqtii roobni cimaan itti mul’atudha.
Waajjirri Metirooloojii Indiyaa (IMD) akka jedhutti, biyyattii keessatti bara 1960mootaa as balaan bakakkaan lakkoofsi namoota du’anii dachaan dabaleera – kunis bu’aa jijjiramni qilleensa fidu keessaa tokko jedha.
Ragaan kun bara 1990’n irraa eegalee balaan bakakkaa %30-%40tti dabaleera jedha. Bara 2018‘tti bulchiinsa Andiraa Piradeeshitti sa’aatii 13 qofa keessatti bakakkaan 36,749 galmaa’eera.
Anga’ootni akka jedhanitti nannooleen hedduu mukaan sirritti waan hin haguugamneef namoota bakakkaan akka rukutamaniif ni saaxilu.
Yeroo bakakkaatti of eeggannoo taasisuu qabnu:
- Konkolaataa ykn gamoo guddaa keessatti da’achuu
- Naannoo bal’aa banaa fi tabba irraa fagaadhaa
- Yoo bakka itti baqattan hin qabdan ta’e xiyyeeffannaa of irraa kaasuuf hanga dandeessanitti xiqqaa of fakkeessuuf ofitti maramaatti gadi qucuummadhaa
- Muka dheeraa fi qofaa dhaabbatu da’oo hin godhatiinaa
- Bishaanirra jirtu yoo ta’e, ariitiin gara qarqaraa (lafatti) deebi’aa da’oo barbaadadhaa