Rakkoo hojjettoota biiroolee Oromiyaa fi kondominiyeemii erga carraa kaasanii achi buuteensaa dhabame

Maxxanfame

Naannoon Oromiyaa waajjira pirezidaantii naannichaa dabalatee seektaroota naannichaa hundi waajjira isaanii buufatanii kan jiran Magaalaa Finfinnee keessa.

Waajjiraalee 30 caalanii fi dhaabbilee adda addaa naannichaa keessaa ammoo hojjettoota kumaan lakka'aman kan ofkeessaa qabudha.

Naannichi biiroolee seektara isaa Magaalaa Finfinnee keessaa qabaatulleen hojjettoonni seektaraalee kanneenii garri caalaan garuu magaalota godina addaa naannawa Finfinnee jiran keessa jiraatu.

Kanaafis tajaajila geejjibaa naannichi dhiheessuun ganamaa fi galgala magaalota akka Sulultaa, Buraayyuu, Sabbataa, Alamganaa, Caancoo, Galaan, Bishooftuu, Adaamaa, Lagaxaafoo fi kanneen biroo hedduurraa ganama karaa dheeraa imalanii waajjira gahu, galgalas akkasuma.

Biiroolee Oromiyaa Finfinnee naannoo Saarbeet jedhamuun beekamu keessa jiran keessaa tokko keessa akka hojjetu kan himu Tolasaa Ittaanaa (maqaan jijjiirameera), rakkoo hojjettoonni kunneen keessa jiran yoo ibsu akkas jedha.

"Ana dabalatee hojjettoonni muraasni dura Magaalaa kana keessa jiraachaa turre. Amma qaala'iinsa jireenyaa kanaaf jecha gara godina addaa galleerra. Naannawa Finfinnee kanaayyuu magaalota dhihoo keessaa bahaa hamma Tajii, Holataa fi Caancootti galaa jiru," jedha.

Hojjettoonni kunneen ganama bariidhaan hirriibaa ka'anii karaa dheeraa deemaanii waajjira waan gahaniif miira dadhabbiitiin tajaajila kennamurrattilleen dhiibbaa fidaa jira jedha Tolasaan.

"Hojjettoonni kuni halkan bahanii halkan galu. Fakkeenyaaf nama barii sa'aatii 10:30tti ka'utu jira. Gaalgala ammoo hanga sa'aatii sadii fa'atti kan mana gahutu jira. Namni akkannatti guyyaarraa rakkatu kuni haala kamiin keessummaa isaa sirnaan tajaajiluu dandaha? jechuun gaafata.

"Hojjetaan kuni ganama dadhabee waajjira gaha. Gaafa waaree booda gahu ammoo waa'ee karaa deemuu yaada. Sa'aatii meeqattin gaha laata jedha. Guyyaatti namni sa'aatii afurii hanga shanii karaarratti dabarsu sanuu torbee guutuu jireenyisaa maal akka fakkaatu tilmaamuun hin ulfaatu," jedha.

Sababa hojjettoonni seektaraalee Mootummaa naannichaa jireenya dadhabsiisaa akkasii keessa jiraniif tajajilli maamiltootaaf kennamus qixuma sanaan gadi bu'ee akka jirus hima hojjetaan kun.

Obbo Jiksaanis hojjettootuma seektaraalee Mootummaa naannoo Oromiyaa Saarbeet jiru keessa hojjetan keessaa isaan tokko.

Isaanis tajaajilli sarvisii naannichi hojjettootasaa gara magaalota Godina Addaa Oromiyaatti ganamaa fi galgala deddeebisan ramadulleen sarvisiin si'a tokko yoo darbe, kan biraa waan hin argamneef hojjetaan yeroo hedduu barfatee dhufuu fi hojiirraa hafuun waan baratamaadha jedhu.

"Finfinneen magaalaa guddoo Oromiyaati osoo jedhamuu hojjetaan seektara naannichaa ammoo godina addaatii deddeebi'ee hojjeta. Hojjetaan wal'aansoodhaan halkan bahee halkan gala. Rakkoo jabaa keessa jirra," jedhu.

Carraa Kondominiyeemii fuudhame eessa gahe?

Bara 2012 Mootummaan naannoo Oromiyaa rakkoo mana jireenyaa fi deddeebii hojjettootasaa kana furuuf hojjettoota seektara naannichaa tahan 14,000f manneen waliin jireenyaa kondominiyeemii kennuun furuuf akka jiru yaa'ii Caffee irratti ibsamee turuu himu hojjettoonni kun.

Hojjettoota seektaraalee Mootummaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Finfinnee jiran kanaan alattis seektaroota Magaalaa Adaamaa kanneen akka OBN, Giddugala Abbaa Gadaa, waajjira Caffee kan Adaamaa jiru fi kanneen biroos hammatamanii ture.

Gaazexeessaan OBN eenyummaan isaa akka ibsamu hin barbaanne tokko kondominiyeemiin isinii kennamuufi jedhamuun bara 2012 irraa eegaluun ulaagaalee barbaachisaa guutaa akka turanii fi bara darbe ammoo carraa erga kaasanii achi buuteen isaa dhabame jedha.

"Jalqaba carraan suni hojjettoota Biiroolee Oromiyaatif dhufe jedhame. OBN ammoo yeroodhaan booda gara Finfinnee waan galuuf nus keessatti dabalani. Calalliinis taasifame. Baatii muraasa booda carraa Kondominiyeemii abbaa ciisicha meeqaa akka nugahe hojjetaan hundi kaase," jedha.

Carraan Kondominiyeemii kennamuuf jiru kuni hojjettootaa 14,000 kan qabu ta'ulleen namni hundi iccitiidhaan akka qabu 'Ofii keessanittuu deebistanii hin himinaa' jedhamne jedha gaazexeessaan kun.

Hojjetaan seektara Naannoo Oromiyaa Saarbeet jiruu obbo Tolasaanis yaada walafaakkaatu hima.

"Dhuma bara bajataa 2012 Caffee irratti erga ibsameen booda hojjettoota Biiroolee Oromiyaa kuma 14'f carraan akka kenname, garuu iccitiidhaan akka qabnu nutti himame.

Nutis carraa kaasne. Boolee Bulbulaa, Abbaadhoo akkas akkas jedhanii bilookii kam lakkoofsa gamoo kam, abbaa ciisicha meeqaa kan jedhu hunda carraa kaasneerra," jedha.

Nama hamma kana hunda carraa kaasisanii iccitiidhaan qabaa jechuun maalif barbaachise kan jedhu durumayyuu shakkii nutti uumee ture jedha Tolasaan.

Erga carraa kondominiyeemii kana kaasanii waggaa tokko akka caalee fi dhimmi isaa achumaan kafe kan jedhan hojjettoonni Biiroolee oromiyaa kondominiyeemiin kuni kennamuuf yeroo jedhutti miidiyaaleedhaan duulli waan itti banameef achumatti akka dhaabbatu ta'e yaada jedhu qabu.

"Oromoon Kondominiyeemii fudhachuufi kan jedhuun miidiyaaleedhaan olola cimaatu banamee ture. Gaafa ololli suni banamu warri gaafa duraa akka biiftuu nutti ifanii, carraa nukaasisanii, maallaqa nu qopheeffachiisanii jedhan eessa akka isaan bu'an dhabne," jedha Jiksaan.

Gaazexeessaan OBN dubbisne kunis achi buutee dhabamuu kondominiyeemii carraa kaasan kanaa irratti yaada hojjettoota Saarbeet kanaan walfakkaatu qaba.

"Saayitii kam akka ta'e beekneerra. Maallaqa kanfaltii duraa qopheeffadhaa nuun jedhan. Ani amma abbaa ciisicha tokkotu nagahee ture. Birri kuma 100'tti siqun liqeeffadhe. Osuma isa eeguu, eeguu amma waggaa darbeera. Maallaqa liqeeffadhe sanas osuman haajarra hin oolchinan fixe," jedha.

"Hanga Guyyaa har'aa inuma eegna, inuma eegna. Namni waan sana deebi'ee kaasu hin jiru. Duula miidiyaa sodaatu. Amma inumaa abdii kutachaa jirra," jedhan hojjettoonni kunneen.

Rakkoo hojjettoonni mootummaa seektaroota Naanoo Oromiyaa keessaa jiranii fi dhimma carraa kondominiyeemii hojjettoota Naannoo Oromiyaa kuma 14 carraa erga kaasanii achi buuteen isaa dhabamee kanarratti dubbachuuf Hogganaa Biiroo Pablik Sarvisii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo waaliin beellama qabannee turre.

Haa ta'uutii Obbo Huseen beellama qabanne kabajanii komii hojjettootaa kanarratti deebii kennuuf heeyyamamoo hin taane. Guyyootaaf irra deddeebiin bilbillee yaallus nujalaa hin kaasne.

Gama biraatiin kondominiyeemii hojjettoonni mootummaa carraa itti kaasne jedhan kana qulqulleeffachuuf ejensii daddabarsa manneenii Magaalaa Finfinnee irra deebii argachuuf yaaliin goones ammaaf hin milkoofne.

Yeroo deebii kennuuf argamanii fi heeyyamamoo ta'anitti yaada isaanii kan dhiheessinu taha.