Ministirri muummee duraanii Leseetoo ajjeechaa haadha warraa isaaniin himataman

Madda suuraa, AFP
Ministirri Muummee duraanii Leseetoo Toomaas Taabaanee bara 2017 haadha warraa isaanii Lipolelo Taabaanee hudhuun ajjeesan jedhamuun shakkaman.
Haati warraa isaanii ammaa Maa'saay yakka wal fakkaataa kanaan himatamteetti.
Yeroo haati warraa Obbo Taabaanee ajjeefamte isheen isa waliin jiraachaa turte. Lamaan isaanii nama ajjeesu qindeessuun kan himataman yoo tahu, lamaan isaanii harka keessaa hin qabnu jechuun haalanaiiru.
Obbo Taabaaneen dhiibbaan irra gahaa ture dabalaa dhufnaan Ebla 2020 keessa aangoo irraa ka'an.
Dhimmi kun namoota baa'ee kan rifachiise yoo tahu, biyya xiqqoo hulaa galaanaa hin qabnee fi guutummaan Afrikaa Kibbaan marfamte kana keessatti raafama siyaasaa uumeera.
Ma'esaay haati warraa MM duraanii amma ganna 82 tahanii waliin tahuun gara mana murtii geessite. Isheenis himata bara darbe irratti dhiyaate irraa wabiin gadhiifamtee ture.
Himanni Obbo Tabaanee irratti dhiyaate magaala guddoo biyyattii Maseeruu keessatti kan argamu kutaa boordii Mana Murtii Olaanaa keessatti dubbifameef.
Kutaa guddiicha alatti himata dubbisuun biyyichatti waanuma barame tahuu AFP'n gabaasera.
Obbo taabaaneen ministira muummee tahanii sirna kakuu galuuf guyyootni lama yoo hafan namootni hidhatan lama gaafa Waxabajji 14 bara 2017 haadha warraa isaanii kan turte Liplelo ajjeesan.
Yeroo inni gara manaatti galu bakka baay'ee rasaasaan dhahamtee karaa cinatti ajjeefamteetti. Yeroo sana umuriin ishee ganna 58 ture.
Yeroo sana ammoo Obbo Taabaanee waliin wal hiikuuf jecha dubbii jabaa keessa turan. Erga bara 2012 ammoo abbaa warraa ishee irraa adda bahuun qofaa jiraachaa turte.
Obbo Taabaneen erga bara 2012 Ma'esaay waliin jiraachaa ture. Erga isheen ajjeefamtee ammoo ji'a lama keessatti wal fuudhan.












