Bakakkaan km 768 tahu imale kutaalee biyyaa Ameerikaa sadii waliingahe

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daawwadhaa: balaqqeen bakakkaa rikardii haaraa galmeesse
Maxxanfame

Ifti bakakkaa km768 dheeratu samii kutaalee biyyaa Ameerikaa sadii keessatti mul’ateera. Kunis rikardii haaraa addunyaa akka tahe saayintistoonni mirkaneessaniiru.

Bakakkaan bara 2020tti mul'atee ture kun km 768 kan dheeratu yoo tahu, bulchiinsota Misiissiippii, Luusiyaanaa fi Teeksaas waliingaheera.

Rekardiin kana dura ture immoo bakakkaa bara 2018tti Biraaziil keessatti mudateefi km709 kan imale ture.

Bakakkaan yeroo baayyee km16 caalaa kan hin imalle yoo tahu, turtiinsaas sakandii tokkoo gadidha.

Kana dura ifti bakakkaan Uraagaay fi Arjantiinaa keessatti mul’ate sekandii 17.1 turuun rekardii qabatee ture. Rekardiin isa dura ture immoo sekandii 16.7 kan turedha.

‘’Ifa bakakkaa hanga yoonaa uumaman keessaa kuni rekardii addaadha,’’ jedhan, Dhaabbata Raaga Haala Qilleensaa Addunyaatti, galmeessaan haala qilleensaa hamaa Piroofeesar Raadool Serveenii.

Akka dhaabbata kanaatti bakakkaan rekardii qabatan lamaan naannolee obonboleettii ‘’ifa gurguddaa uumuuf saaxilamanitti’ mudatan.

Piroofeesar Seerveeniin teeknolojiiwwan haaraa akka agarsiisanitti fuulduratti bakakkaan kana caalu mudachuu danda’a.

Satellite imagery of the lightning strike from the National Oceanic and Atmospheric Administration
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa saatalaayitii bakakkaa kanaa. Dhaabbata National Oceanic and Atmospheric Administration irraa

Dhaabbatichi bakakkaan mul’ate balaa akka qabaachuu maluufi namoonni naannoo sanaafi addunyaa of eeggannoo gochuu akka qaban gorseera.

‘’Bakakkaan kiloomeetira dheeraa adeemuufi yeroo dheeraa turu kuni yeroo obonboleettiin hamaa jirutti kan uumame dha,’’ jedhan ogeessi bakakkaa irratti hojjetan Roon Hool.

‘’Yeroo bakakkaan dhagahamutti iddoo tokko bu’eera jechuudha,’’

Kana dura bara 1975tti bakakkaa Zimbaabuwetti al tokko bu’een namoonni 21 mana walitti qabamanitti ajjeeseera.

Mudannoo biraan immoo bara 1994tti bakakkaan bu'e, boba’aan ibidda qabatee lafarra akka yaa’uu gochuun Masrii magaalaa Diroonkaa namoonni 469 du’aniiru.

Dhaabbatni Raaga Haala Qilleensaa Addunyaa iddoo bakakkaan itti hin bu’u jedhamu gamoowwan funyoo elektiriikii sakatta’ame qabanidha jedhe.

Konkolaataa sibiilaan gubbaan isaanii haguugame keessa taahuunis iddoo bakakkaarraa baqataniidha jedheera.